Sanyiiwwan gara garaa ooyiruu tokkotti, rakkoo dhiphina lafaa hir’isuuf

Mattuu: Yeroo ammaa kanatti baay’inni ummataa gara malee dabalaa jiraachuusaatiin dacheen irra jiraannu dhiibbaa hamaa jalatti kufteerti.

Dhiibbaa jalatti kufuun dachee kun immoo eenyunuu caalaa kan hubu dhala namaa ta’uun gaaffii hin qabu.  Akkuma baay’inni ummataa kun dabalaa adeemuun osoo dacheenis bal’ataa adeemti ta’ee rakkoon dhufu wayiituu hin jiraatu ture.

Lafti dur namni tokko qofti qotatee itti bulaa ture har’a namoota  10 fi sanaa oliif hiramee  jiruu damee qonnaa abdii kutachiisaa jiraachuu qonnaan bultootni Godina Iluu Abbaa Booraa ni dubbatu

Lafti qotisaa yerorraa yerotti  baay’ina namaatiin dhiphachaa dhufuusaatiin lafa xiqqoo qabanirratti  sirnaan fayyadamuu akka furmaataatti itti fayyadamaa jiraachuu kan himan Godinichatti Jiraataan Anaa Mattuu Obbo Tizaazii Burraayyuu, gosoota sanyii garaa garaa wal keessa facaasuudhaan oomisha lafa bal’aa irraa argamu caalaa argachaa jiraachuusaanii dubbatu.

Paakeejiiwwan qonnaa guutuu fayyadamuufi gara qonna makaanaayzeeshiiniitti ce’uun rakkoolee dhiphina lafaatiin wal qabatanii mul’achaa jiraniif furmaata biroo ta’uusaa kan eeran Obbo Tizaazuun, yeroo ammaa kanas akka aanichaatti muuxannoowwan akkanaa walirraa fudhachuufi maasii ofii keessatti  qabatamaan mul’isuun baratamaa dhufuusaa ibsu.

Lafti abbaasaanii irraa obboleewwansaanii waliin hiratanii isaan gahe hektaara lama kan hin caalle ta’us,  barana gosoota sanyiiwwan akka Boloqqeefi Boqqolloo wal keessa  makanii facaasuun, achumma keessatti immoo Gaagura dammaa hammayyaa hidhachuusaaniifi kuduraafi muduraa garaa garaas lafuma xiqqaa kanarratti omishanii  sirnaan itti fayyadamaa jiraachuu ibsu.

Deeggarsi hojjetoonni misoomaa  dhiheenyatti isaaniif taasisaa jiran lafa xiqqoo qabanirraa omisha gahaa akka argataniif kan isaan gargaare ta’uu kan himan immoo Obbo Waakkannaa Abdiisaa, galteewwan qonnaa yeroo barbaadamutti galuu dhabuufi haalli liqiidhaan sanyiiwwan filatamaafi xaa’oos itti argatan  isaaniif mijannaan dhiphina lafaatiin osoo hin daangeeffamiin oomisha dachaa argachuuf abdii cimaa kan qaban ta’uu dubbatu.

Rakkoowwan dhiheessii galteewwan qonnaafi liqiitiin wal qabatee qonnaan bultoota muudhachaa jiran furuuf kallattiin kaa’ame jiraachuu kan himan immoo Bulchaa Godinichaa Obbo Girmaa Raggaasaa, keessattuu qonnaan bulaan hundi haala liqii itti argatu mijeessuu irratti qajeelfamni akka naannootti jiraachuu ibsu.    

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

One Comment to “Sanyiiwwan gara garaa ooyiruu tokkotti, rakkoo dhiphina lafaa hir’isuuf”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *