Qeerroon humna misoomaa sammuu qulqulluun socho’u waan ta’eef dhiibamuu hinqabu

Finfinnee: Qeerroon humna misoomaa sammuu qulqulluun socho’uu fi utubaa biyyattiiti malee garee jeequmsaa godhanii ilaaluun dogoggora ta’uu Artist Lij Yaareed ibse.

Jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti adda durummaan aarsaa kaffalaa kan ture Qeerroo waan ta’eef, har’a ija hamaan ilaaluun kun dogoggora irraa deebi’amuu hinqabne akka ta’e ibseera. Humni misoomaa kun walqixxummaa sabootaatti kan amanuufi ilaalcha booddeetti hafaa ani siif beekaarraa bilisa  ta’e waan ta’eef kabajamuu akka qabu dubbateera.

Keessumaa ammoo humnoonni Itoophiyaaf nutu beeka jedhan maqaa warraaqsa hoggansa jijjiiramaa maqaa gurraachessuuf yaaluunsaanii dogoggora fooyya’uu qabu akka ta’e ibseera. Oromoon hammachuu beeka kan jedhamu sababaanidha kan jedhu Artist Lij Yaareed, nama miti bineensa bosonaayyuu madaqsee saboota wajjin jiraachuu beeku ta’uu himeera.

Yeroo ammaattis qeerroon humna warraaqsaa biyya jijjiiruu danda’udha malee akka ololtoonni jedhani akka hintaane dubbateera. Qeerroon namoota seeraan isatti adeemaniif goota aantummaasaa agarsiisu  yoo ta’u, gaafa xiiqiis humna biyyaaf sabasaaf waardiyyaa dhaabbatu  ta’ee tajaajilas jedheera.

Keessumattuu hannaafi saamicha Oromiyaa keessatti hammaataa ture dhabamsiisuu keessatti qabsoo qeerroon taasisaa ture olaanaa ta’uu kan hime Lij Yaareed,  jijjiirama har’a ummanni dhandhamu kanaaf bu’uura buusuu eereera.

Ta’us humni jijjiiramaa kun Ormoota biratti akka hamaatti balaaleffatamuun sirrii akka hintaane kan hime Artist Lij Yaareed, ilaalchi akkanaa fooyya’uu akka qabu kaaseera.

Qeerroon kaleessa biyyaaf qabsaahe walqixxummaafi fayyadamummaan lammiilee haalaan akka mirkanaa’uufidha kan jedhe Artist Lij Yaareed, dhiignisaanii kaleessa dhangala’e sagalee ummataa har’a ifatti dhagahamuu eegalame kanaaf bu’uura buusuu ibseera.

Yeroo ammaatti garuu maqaan qeerroo jedhamu kun wayita dhagahamu kan nyaara guuru hedduu ta’uu Artistiin kun yoo himu qeerroon hojiisaan malee ilaalcha namootaan kan hin madaalamne akka ta’e dubbateera.

Akka ibsasaatti qeerroon humna jijjiiramaa sammuu qulqulluufi miira kutannoon socho’u yoo ta’u, innis gamasaan isaan waliin hojjechaa waan jiruuf ololli sobaa maqaa qeerroo gurraachessuuf afarfamu fooyya’uu akka qabu himeera.

Yeroo hedduu gochaa qeerroof hamii jiru itti dhiyeenyaan nan beeka kan jedhe Artist Lij Yaareed humna warraaqsaa jijjiiramaaf walqixxumaaf dhaabate ta’uu eereera.

Humna jijjiiramaa kana duubatti dhiibaa injifannoon argame kankooti ilaalcha jedhuun gochi maqaa gurraachessuu qeerroorratti afarfamu kun fudhatamaa kan hinqabne ta’uullee kaaseera.

Qeerron bulchiinsa sirna qawwee diige misooma biyyaa saffisiisuu keessatti adda duree akka ta’ellee kan kaase Artistiin kun wayita rakkoon mudatu mara maqaa qeerroo dhahuun kun akka isa komachiisellee dubbata.

Qeerroon  kaleessa kan qabsaahe walqixxummaaf fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf yoo ta’u har’a erga injifannoon galmaahee ilaalchi ani siif beekaa calaqqisaa jiru dogoggora fooyya’uu malu akka ta’ellee Artst Lij Yaareed himeera.

Duulli maqaa qeerroo gurraachessuu gaggeeffamaa jiru bu’aa qabsichaa cinatti haqaaqanii dhuunfachuuf yaalii gaggeeffamu waan ta’eef qeerroo birattillee fudhatama akka hinqabne ibseera. Qeerroon har’a alatti dhiibamu kun jijjiramicha dhiigaan kan fide ta’uu Artistiin kun yoo himu mootummaa biratti xiyyeeffannoo akka hin arganne kaaseera.

Kanaaf humna jijjiiramaa kana gara booddeetti dhiibuurra misooma mara keessatti hirmaachisuun jijjiiramicha utubsiisuun mootummaas ta’e qeerroof wabii mirkaneeffannoo misoomaa  ta’ee akka tajaajilu Artist Lij Yaareed himeera.

Waasihun Takileetiin

Suurri Tsahaay Niguseetiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

5 Comments to “Qeerroon humna misoomaa sammuu qulqulluun socho’u waan ta’eef dhiibamuu hinqabu”

  1. Pingback: henry guns
  2. Pingback: lwrc m6a2
  3. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *