“Ani barsiisummaafan uumame, biyyi rakkattee hojii birootiif na barbaannaan awwaachuuf dirqame” -Doktar Addunyaa Dabalaa

“Yeroo jalqaba  barsiisummaarraa muudamaan gara hooggansaatti yeroon dhufu  waantonni hundi bitaa natti galan. Yunvarsiitii keessatti haalli hojii keenyaa ifaafi bilisaan waan barattootni baruu qaban hunda iccitiifi of eeggannaa tokko malee barsiisaa turre.

Yeroo gara hooggansaatti  na fidanitti garuu  iccitiifi hojmaatni mootummaa akka kan yunvarsiitii waan hinturreef, hojichaan walbaruun natti ulfaatee dhiisee deemuuf hanga  murteessuutti ga’een ture.

Gaafan muudamaan gara hooggansaatti dhufu sadarkaa ittaanaa daarektara olaanaatiin waan tureef ji’a jaha ergan turee booda dura taa’aa koo bira deemeen “Dhiifama waliin ani hojichaan walbaruu waan hindandeenyee, dhiisee gara barsiisummaa kootti akkan deebi’uuf na okolchaa” jedhee gaafadhee ture.

Hooggantichi sun garuu gaaffii kiyya fudhatee na gaggeessuurra na tasgabbeessuudhaan wanti hundi dhawaata dhawaataan akka baramuufi anis yeroo muraasa booda hojichatti akkan madaqu abdii natti horanii yaadakoo najijjiirsisan.”

Gorsi hoogganaan koo gaafas naa kennan immoo fedhiifi hawwii ani ummata osoo hinbaratin na barsiise gargaaruuf qabu dhugoomsee yeroo ammaa kanatti  ummanni miiliyoona 25 kan ittiin jiraatu Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa akkan hoogganu na taasiseera. Doktar Addunyaa Dabalaa yeroo ammaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa ta’anii hojjechaa jiru.

Gaazexaan Bariisaa torban torbaniin namoota muuxannoo, beekumsa, dandeettii, ogummaafi dhageettii hawaasaa qabaniifi fakkeenyummaan eeraman keessummaa taasifachuun kan isiniif dhiyeessitu yoo ta’u, keessummaan keenya torban kanaa ammoo Daarektara Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa, Doktar Addunyaa Dabalaati.  

Bakka dhalootaafi ijoollummaa

Bakki dhaloota  keessummaa keenyaa har’aa iddoo hayyoonniifi goototni Oromoo hedduun itti dhalatan, magariisa, omisha bunaatiin beekamtu iddoo seena qabeettii Godina Horroo Guduruu  Wallagga, Magaalaa Shaambuuti.

Maatiinsaanii magaalaa keessa jiraachaa waan turaniif amala ijoollee magaalaa, kutaa 8fa booda ammoo maatiinsaanii baadiyyatti waan galaniif amala ijoollee baadiyyaas horachuudhaan guddatan.  Erga gara baadiyyaatti deebi’anii boodas akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu yeroo boqonnaasaanitti hojii maatii gargaaruufi dirqama ijoolleen baadiyyaa Oromoo qabdu hunda  bahachaa turaniiru.

Walmakuun amaloota magaalaafi baadiyyaa eenyummaa walmakaa kennuufii kan danda’e yemmuu ta’u,  akkuma ijoollee Oromoo hedduu yeroo sana turaniitti  afaan Amaaraatiin namaan waliigaluufis ta’e amala ijoollee magaalaatti dafee madaquuf isaan gargaareera.

Ijoollee baadiyyaafi magaalaatiin qixa waliigaluu bira darbuudhaanis isaan amalaafi yaadaan waliigaluu dadhabaniifis riqicha ta’uudhaan hariiroonsaanii akka cimu gochuudhaan dirqama eenyummaasaanii bahachaa turan.

Barnoota

Yeroo sanatti ijoollee Oromoo hedduuf dharraa kan ta’e barnootni, namoota muraasa carraa barumsaa argataniifi barnootaan milkaa’an keessaa tokko ta’uu dubbatu.

Kutaa 1fa hanga 12fatti bakkuma dhalootasaanii magaalaa Shaambuutti xumuran.  Qormaata kutaa 12fa qabxii gaarii fiduudhaan  yeroo sanatti akka nama “Jennata” galeetti kan nama gammachiisu carraa Yunvarsiitii galuu argatan. Barnoota digirii jalqabaa Yunvarsiitii Jimmaatti akaakuu barnootaa ‘Hortikalcharii’ baratanii xumuruun eebbifaman.

Yunivarsiitii galanii barachuuf tattaaffiin isaan taasisaa turaniifi deggarsa   maatiisaanii yoomillee kan hindaganne ta’uu himu. Carraa Yunvarsiitii galuu argachuutti gammaduu qofa osoo hintaane, yunvarsitichatti haala kamiin qo’atanii sadarkaa ittaanutti ce’uuf kutannoo cimaa qabu turan. “Barumsa koo digrii tokkoffaas qabxii olaanaa galmeessisuudhaan waanan xumureef hojii barbaacha eessallee osoo hin adeemne. Achuma yunvarsiiticha keessatti barsiisaa ta’ee mindeeffamuuf carraa argadhe.” jedhu.

Barataa muummee barnoota Hortikaalcharii ta’ee baradhee xumuree eessayyuu osoon hindeemin achumatti barsiisaa muummee sanaa ta’ee teessoon ofii kootii irra taa’ee barachaa turerratti obboloota koo quxisuu barsiisuu danda’eera. Yunvarsiitiin Jimmaa gaafa akkan barsiisuuf “Barsiisee gadi hinlakkisu” jechuudhaan waggoota hedduuf barnootaaf gara biyya alaatti na ergee na hordofee akkan deebi’u taasisaa ture. 

Digirii jalqabaa xumuree yunvarsiitichatti mindeeffamee utuun barsiisaa jiruu barnoota koo digrii 2fa Nezarlaanditti baradhee xumureen Yunvarsiitii Jimmaatti deebi’uun barsiisuu jalqaban.  Yeroo booda baruumsa digrii 3fa (PHD) barachuuf ammas  Nezerlaanditti baratanii xumuruun Yunivarsiitii Jimmaatti deebi’anii hojjechaa turan.

Barnootasaanii digrii 3fa bara 2008tti xumuranii Yunivarsiitii Jimmaattti deebi’anii utuu hojjechaa jiranii bilbila Guraandhala keessa isaaniif  bilbilamteen yuunivarsiiticha waliin akka wal hiikan ta’e.

Barsiisummarraa gara hooggansaa

Yeroo isaan barnoota ‘PHD’ xumuranii gara biyyaatti deebi’anitti biyyattiin haala hinbaramne keessatti kufteetti. Ummanni isaan keessaa dhalatanis qabsoo fincila diddaa gabrummaa cimaa gaggeessa ture. Mootummaan biyyattii immoo haalli adeemsasaa sirrii ta’uu dhabuu hubatee riiformiiwwan gara garaa gaggeessuuf kutateera.

Barnoonniifi  bakki muudamtoonni duraanii itti muudamaa turan kan walhinmadaalle waan tureef  dhaadannoon, “Hojiifi hojjataa walitti fiduu” jedhu  baay’inaan yeroo itti dhagahamu ture.

Yunvarsiitii ija itti banataniifi ija ijoollee biyyaa hedduu itti banan akkasumas akka maatii hedduu waljaalatuutti walyaadan dhiisanii adeemuun yaaddoo guddaa isaanitti ta’us, biyyattiin immoo warraaqsa ummataatiin rukutamtee deeggarsa namoota akkasaanii  barbaaddi waan ta’eef waamicha biyyaa irraa hafuunis akka biyya ganuutti waan itti ulfaateef waamicha biyyatiif birmachuuf murteessan.

Bilbilli Gurraandhala bara bara 2009tti isaaniif bilbilamte sun adeemsa dheeraa Yuunvarsiitii Jimmaafi hojii yeroo dheeraa barsiisummaa irraa gara imalaafi itti gaafatamummaa haaraatti isaan geessite.

Barsiisummarraa gara muudamaatti dhufanii hojii birokraasii keessa galuun hedduu kan isaanitti ulfaate Doktar Addunyaan, keessattuu yeroo jalqaba muudamanii dhufan ji’a jaha qofa turanii  gara barsiisummaatti deebi’uudhaaf hanga iyyata galfachuutti ga’aniiru.

Hooggansi yeroo sana ture garuu yeroon booda wanti hin baramne akka hin jirre cimsanii waan isaan hubachiisuusaaniif, har’a kunoo gaggeessummaadhaan itti fufuu qofa osoo hin taane, damee guddina biyyaa keessatti qoodasaanii bahachaa jiru.

Hooggansasaaniifi  jijjiirama damee bunaa yeroo ammaa

Itoophiyaan biyya argama bunaa taatus, faayidaa damee kanarraa argachuu maltu argachaa hinjirtu. Kanaaf immoo sababootni hedduun kan jiran ta’us jalqaba akkuma gara damee kana hoogganuuf ramadamaniin rakkoolee gurguddoo damichi qabu yeroo gahaa fudhatanii qorachuu kan jalqaban ta’uu dubbatu Doktara Addunyaan.

Akka ibsa Doktar Addunyaatti,  qorannoo bal’aa erga gaggeessaaniin booda rakkoowwan dameen kun qabu iddoowwan gurguddoo sadiitti adda baasan. Isaanis: omishaafi omishtummaan gadaanaa ta’uu, rakkoo gabaa bunaafi mallattoo daldalaa dhabuudha.

Rakkoo omishaafi omishtummaa bunaa

Biyyi jalqaba waa’ee bunaa addunyaa barsiifte yeroo ammaa walakkaa lafa hektaara warra waa’ee bunaa Itoophiyaa irraa baranii omishaa jiranii omishuu hindandeenye. Sababoota omishaafi omishtummaa buna Itoophiyaa xiqqeessan keessaa inni biraan  mukkeen bunaa hedduunsaanii kan dullooman ta’uudha.

Kanaaf  tarkaanfiin jalqabaa rakkoo omishaafi omishtummaa bunaa furuuf fudhatames mukkeen bunaa dullooman irraa muranii haaroomsuufi sanyiiwwan bunaa  filatamoo qonnaan bulaadhaaf raabsuu ture.

Sanyiiwwan bunaa yeroo ammaa qonnaan bulaadhaaf raabsamaa jiran kunniin omisha gahaa kan kennan qofa osoo hin taane, qulqullinaanis addunyaa irratti dorgomaa kan taasisuudha. Ogeessonni ikisteenshinii qonnaas dhiheenyatti  qonnaan bulaadhaaf deeggarsa barbaachisu akka kennaniif leenjiin kennameera. Qonnaan bultoonni bunaas haala itti hojjetanii omishaafi omishtummaa bunaa argachuu danda’an irratti leenjii akka argatan ta’eera.           

Rakkoo gabaa bunaa

Haalli gabaan bunaa keessa ture baayyee walxaxaafi keessattuu qonnaan bulaa gara moggaatti dhiibuudhaan daldaltootaafi faddaaltota walakkaa fiigan qofa fayyadamaa taasisaa kan tureedha. Hunda caalaa immoo sirna gabaa bunaa karaa Gabaa Omisha Itoophiyaa (ECX)tiin ta’uunsaa omishtoota rakkoo hedduuf saaxiluun komii heddu keessummeessaa tureera. Qonnaan bulaan immoo jaalatus jibbus karaa kanaan ala filannoo biroo omishasaa ittiin gara biyya alaatti ergatu hinqabu.  

Rakkoo  sirna gabaa bunaa kana sirreessuuf yeroo ammaa imaammanni fayyadamummaa qonnaan bulaa dhiibu sun jijjiiramuu danda’eera. Qonnaan bulaan omishasaa dur dirqiidhaan ‘ECX’ qofatti dhiheessaa tures yeroo ammaa filannoo jahaa torba qabaatee karaa fedheen omishasaa akka gurguratuuf haalli mijaa’eera. ECXnis akka durii dirqiidhaan osoo hintaane akka filannoo tokkotti qonnaan bulaaf dhihaateera.

Filannoowwan  yeroo ammaa gabaa bunaatiif mijatan keessaa immoo qonaan bulaan kallattiidhaan omishasaa gabaa addunyaatiif haalli itti dhiheeffachuu danda’u ykn immoo karaa Waldaaleefi Yuuneenota qonnaan bulaatiin gara alaatti erguudhaafis carraa argateera.

Mallattoo daldalaa (‘branding’)

Rakkoowwan gurguddoo sadan qorannoodhaan damee bunaa miidhuun adda bahan keessaa inni sadaffaan mallattoo daldalaa dhabuuti. Itoophiyaan bakka argama bunaa taatus buna ishee mallattoo daldalaa waan hinqabneef gabaa addunyaa keessa socho’uudhaaf hudhaa guddaa ture.

Bunni biyyattii biraandii ykn mallattoo daldalaa dhabuusaatiin buna biyyoota birootiin walitti makamee gurguramaa ture. Daldaltootni addunyaas bunni Itoophiyaa foolii gaarii waan qabuuf, baay’inaan osoo hin taane xiqquma bitachuudhaan buna biyya birootiin walitti makanii gurguraa turan. Haala kanaan garuu biyyattiin argama bunaa taate gabaa addunyaa keessatti taphachuu osoo hin taane, teessee ilaaluuf dirqamte.

Mallattoo daldalaa dhabuun immoo mirga qabeenya keenya tikfachuus nu dhabsiisee bunni keenya mallattoo biyya biraatiinis yemmuu gurguramus ta’e  walitti makamu teenyee ilaalaa turre.

Rakkoo gama kanaan jiru furuudhaafis yeroo ammaa mallattoon buna Itoophiyaa bakka bu’u qophaa’ee hojiin mallattoo daldalaa isa jalqabaa ta’e kana beeksisuu hojjatamaa jira. Akka fakeenyaattis yeroo ammaa biyyoota buna Itoophiyaa baay’inaan bitan keessaa ishee tokko kan taate Jaappaan keessatti mallattoon daldalaa (brand) buna Itoophiyaa beeksifamaa jira. Kun immoo rakkoo hanga ammaa biyyattiin buna malee mallattoo bunashee ibsu dhabuudhaan ishee qunnamaa ture keessaa bahuushee kan agarsiisuu yoo ta’u, ammaan booda buna biyyattii gabaa addunyaa keessatti akka barbaadametti gurgurachuuf daandii saaqeera. Rakkoowwan gurguddoo damee bunaa keessatti adda bahan sadeen furuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatamaa jiraachuu dubbatu Doktar Addunyaan.

Hanna bunaa

Rakkoon hanna bunaa sadarkaa hamaa keessa ture.  Bunni gara biyyoota alaatti kan ergamu konteenaraan waan ta’eef, buna toonii hedduu konteenaraan geejjibamu keessaa hanga kuntaala 20fi 30  hatamaa ture.

Tarkaanfiin rakkoo kana furuudhaaf fudhatame immoo geejjibni bunaa konkolaatarraa Baaburaan akka Jibuutii qaqqabu gochuu yemmuu ta’u, kunis carraa hanna bunaa daran dhiphiseera. Baaburris dhabamee konkolaataan kan adeemu taanaanis ‘GPS’n konkolaattotarratti godhamee  bakka fedhan taa’anii  imala bunichaa haala ittiin to’achuun danda’amu uumameera.

Kunis hanna bunaa wayita ala ergii raawwatamaa ture  akka hir’atuufi to’atamu  ta’eera.

Kontirobaandii bunaa

Kontirobaandiin bunaa ykn daldalli seeraan ala buna waliin wal qabatee taasifamus hedduu yaachisaa ture. Yeroo ammaa garuu rakkoo kana furuudhaaf koreen ittaanaa ministera muummeen hoogganamu ijaaramee daldala seeraan alaa too’achuu irratti caasaasaa hanga godinootaatti diriirsee hojii keessa galee waan jiruuf rakkoon gama kanaan jiru furamaa jira.

Ijaarsa goda hambaa bunaa

Osoo isaan gara muudama dame bunaatti hin dhufin goda hambaa bunaa Bongaatti ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’amus hojiinsaa garuu hineegalamne ture.

Yeroo ammaa garuu gara ijaarsaatti galuudhaaf qophiiwwan garagaraa taasifamaa kan jiru yoo ta’u, godi hambaa bunaa kun immoo isa dur ijaarsaaf dhagaan bu’uraa kaa’ame duwwaa osoo hin taane, magaala Finfinneettis ijaaruudhaaf yeroo ammaa  lafti isaaniif kennamuusaa dubbatu.

Guyyaa dhandhama bunaa

Biyyi buna addunyaatti beeksifte Itoophiyaan, guyyaa dhandhama bunaa barana yeroo jalqabaatiif qopheessuudhaaf carraa argatte. Guyyaan dhandhama bunaa kun biyyoota omisha bunaatiin beekkaman keessatti dabareedhaan qophaa’aa kan ture yemmuu ta’u,  gabaa addunyaa argamsiisuufi omisha ofii beeksifachuu keessattis shoorri inni taphatu olaanaadha.

Guyyaa bunaa kana sababeeffachuun leenjiiwwaniifi hojiin hubannoo uumuu iddoowwan buna omishanitti ji’a Amajjii irraa eegalee adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, sagantaan inni guddichiifi kan cufiinsaa Caamsaa keessa Finfinnetti kan kabajamu ta’a.

Barataan cimaan Yunvarsiitii jalqaba itti baratetti hanga digrii sadaffaasaa  hojjatutti  daallaa Yunvarsitichaa dhiibee bahuun itti ulfaate, gaafa biyyi raafamtee deggarsasaa barbaaddutti garuu waamicha biyyaaf owwaatee bakka itti muudamettis jijjiirama qabatamaa fideera.

Ciminni namaas kan madaalamu iddoowwan hundatti bu’aa qabeessummaa agarsiisuun waan ta’eef,  nama iddoowwan itti qorame hundatti mo’e, bakka kaa’ame madaaleefi fakkeenyummaa guddaa qabu kanarraa akka waan hedduu barattan abdii qabna.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

617 Comments to ““Ani barsiisummaafan uumame, biyyi rakkattee hojii birootiif na barbaannaan awwaachuuf dirqame” -Doktar Addunyaa Dabalaa”

  1. Pingback: bk8
  2. semaglutide cost [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus price[/url] semaglutide tablets

  3. buy semaglutide online [url=http://rybelsus.shop/#]rybelsus pill[/url] buy semaglutide pills

  4. cheapest rybelsus pills [url=http://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] rybelsus price

  5. buy rybelsus online [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] rybelsus coupon

  6. buy ozempic pills online [url=https://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] buy ozempic

  7. пин ап 634 [url=http://pinupkz.tech/#]pin up казино[/url] пин ап казино онлайн

  8. pin up казино [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап кз[/url] pin up казино

  9. order Rybelsus for weight loss [url=https://semaglutide.win/#]Buy compounded semaglutide online[/url] Buy compounded semaglutide online

  10. rybelsus generic [url=https://semaglutide.win/#]Semaglutide pharmacy price[/url] order Rybelsus for weight loss

  11. order Rybelsus for weight loss [url=https://semaglutide.win/#]order Rybelsus for weight loss[/url] Rybelsus 7mg

  12. neurontin 150 mg [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] neurontin 4000 mg

  13. purchase neurontin online [url=http://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] neurontin rx

  14. generic zithromax medicine [url=https://zithromax.company/#]generic zithromax[/url] can you buy zithromax online

  15. ivermectin price usa [url=https://stromectol.agency/#]stromectol best price[/url] stromectol xr

  16. neurontin 1800 mg [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin best price[/url] neurontin 2018

  17. neurontin 300 mg coupon [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin price[/url] neurontin 300 mg caps

  18. where can you buy zithromax [url=https://zithromax.company/#]buy zithromax z-pak online[/url] zithromax online no prescription

  19. Buy compounded semaglutide online [url=http://semaglutide.win/#]buy rybelsus[/url] rybelsus generic

  20. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican border pharmacies shipping to usa[/url] reputable mexican pharmacies online

  21. top 10 online pharmacy in india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacy paypal[/url] buy prescription drugs from india

  22. buy prescription drugs without doctor [url=https://drugs24.pro/#]carprofen without vet prescription[/url] men ed

  23. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] buying prescription drugs in mexico

  24. indianpharmacy com [url=http://indianpharmdelivery.com/#]india online pharmacy[/url] buy medicines online in india

  25. pharmacies in mexico that ship to usa [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexican drugstore online[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  26. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm24.pro/#]buying prescription drugs in mexico[/url] medicine in mexico pharmacies

  27. paxlovid generic [url=http://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] buy paxlovid online

  28. ivermectin 3 mg tabs [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st shop[/url] ivermectin 1%cream

  29. minocycline for rosacea [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st[/url] purchase stromectol

  30. ivermectin 1 cream generic [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] ivermectin 3

  31. пинап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап[/url] пин ап зеркало

  32. Pingback: discount
  33. canl? casino siteleri [url=https://1wintr.fun/#]dunyan?n en iyi casino siteleri[/url] casino oyunlar?

  34. deneme bonusu veren siteler yerliarama.org [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren yeni siteler[/url] deneme bonusu veren yeni siteler

  35. deneme bonusu veren siteler yeni [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  36. deneme bonusu veren siteler yeni [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler 2024

  37. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com[/url] deneme bonusu veren siteler 2024

  38. az parayla cok kazandiran slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] slot tr online

  39. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]Kamagra Kam Pharm[/url] kampharm shop

  40. gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy gabapentin online[/url] buy Gabapentin GabaPharm

  41. best ed pills online [url=https://erepharm.com/#]best ed pills online[/url] ED meds online with insurance

  42. buy rybelsus canada [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus rybpharm[/url] buy rybelsus canada

  43. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  44. best india pharmacy [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Indian online pharmacy ship to usa[/url] buy medicines online in india

  45. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] medicine in mexico pharmacies

  46. indian pharmacy [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy easy[/url] pharmacy website india

  47. where can i buy prednisone without prescription [url=http://prednisoneraypharm.com/#]prednisone ray pharm[/url] buy prednisone 20mg without a prescription best price

  48. prednisone brand name in india [url=http://prednisoneraypharm.com/#]prednisone 10mg for sale[/url] prednisone 2.5 mg daily

  49. world pharmacy india [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] top online pharmacy india

  50. how to get prescription drugs without doctor [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm[/url] how to fix ed

  51. india pharmacy mail order [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] cheapest online pharmacy india

  52. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  53. india pharmacy mail order [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] best india pharmacy

  54. buying prescription drugs in mexico online [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharm easy[/url] medication from mexico pharmacy

  55. Gabapentin Pharm [url=http://gabapentinpharm.com/#]Gabapentin Pharm[/url] Gabapentin Pharm

  56. buy cytotec over the counter [url=https://cytotec.top/#]purchase cytotec[/url] buy cytotec over the counter

  57. lisinopril 3972 [url=http://lisinoprilus.com/#]lisinopril 20 25 mg[/url] lisinopril 20mg daily

  58. 20 mg lisinopril without a prescription [url=https://lisinoprilus.com/#]can i buy lisinopril over the counter[/url] lisinopril 20 mg india

  59. can i buy clomid without rx [url=https://clomid.store/#]can you get clomid for sale[/url] how to buy cheap clomid now

  60. can i buy clomid for sale [url=https://clomid.store/#]cost of cheap clomid pills[/url] buying cheap clomid without dr prescription

  61. purchase cytotec [url=http://cytotec.top/#]buy cytotec pills online cheap[/url] buy cytotec pills

  62. cipro online no prescription in the usa [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]antibiotics cipro[/url] ciprofloxacin generic price

  63. Abortion pills online [url=https://cytotec.top/#]Misoprostol 200 mg buy online[/url] Cytotec 200mcg price

  64. buy cytotec pills online cheap [url=https://cytotec.top/#]buy cytotec in usa[/url] buy cytotec in usa

  65. zithromax capsules australia [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax cost uk[/url] can you buy zithromax over the counter

  66. best price for lisinopril 20 mg [url=http://lisinoprilus.com/#]lisinopril 10 mg cost[/url] lisinopril drug

  67. buy kamagra online usa [url=https://kamagra.men/#]buy kamagra online usa[/url] Kamagra 100mg

  68. пин ап казино официальный сайт [url=https://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  69. oyun sitesi [url=http://casinositeleri2025.pro/#]ilk Гјyelik deneme bonusu veren siteler[/url] date sitesi

  70. yasal kumar oyunlarД± [url=https://casinositeleri2025.pro/#]gГјvenli siteler[/url] glГјcksspiel internet

  71. slot oyunlar? puf noktalar? [url=https://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  72. en iyi yatД±rД±m siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]bahis siteleri slot oyunlarД±[/url] en gГјvenilir casino siteleri

  73. pinup2025.com [url=https://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино официальный сайт

  74. pinup2025.com [url=https://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино

  75. date sitesi [url=https://casinositeleri2025.pro/#]casino bet gГјncel giriЕџ[/url] casino en iyi siteler

  76. пин ап казино [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино[/url] пин ап

  77. viagra without a prescription [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy online reviews[/url] buy ed drugs

  78. reputable mexican pharmacies online [url=https://mexicanpharmi.com/#]mexican pharmacy[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  79. cheapest ed pills online [url=http://canadianpharmi.com/#]Best Canadian pharmacy[/url] ed drug prices

  80. top online pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]Top online pharmacy in India[/url] mail order pharmacy india

  81. best india pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]Indian pharmacy international shipping[/url] pharmacy website india

  82. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharmi.com/#]mexican pharmi[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  83. mexico pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmi.com/#]Mexican pharmacy ship to usa[/url] mexican drugstore online

  84. prednisone drug costs [url=https://prednibest.com/#]prednisone 20 mg tablets coupon[/url] can you buy prednisone

  85. buy ciprofloxacin over the counter [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] purchase cipro

  86. buy prednisone 10 mg [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone 20 mg without prescription

  87. cipro 500mg best prices [url=https://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] buy ciprofloxacin

  88. ciprofloxacin 500 mg tablet price [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin generic[/url] buy cipro online usa

  89. can i buy cheap clomid tablets [url=https://clomidonpharm.com/#]clomid on pharm[/url] how to buy cheap clomid tablets

  90. buy generic ciprofloxacin [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin[/url] ciprofloxacin generic

  91. buy amoxicillin online uk [url=https://amoxstar.com/#]order amoxicillin online[/url] amoxicillin 500mg capsule

  92. amoxicillin 500 mg tablets [url=http://amoxstar.com/#]where can you get amoxicillin[/url] amoxicillin where to get

  93. 30mg prednisone [url=http://prednibest.com/#]purchase prednisone canada[/url] where can i get prednisone over the counter

  94. can you buy prednisone over the counter [url=https://prednibest.com/#]Predni Best[/url] prednisone 10mg

  95. amoxicillin 500mg pill [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin 500mg price canada[/url] amoxicillin no prescipion

  96. buy cipro online canada [url=http://cipharmdelivery.com/#]buy cipro cheap[/url] buy cipro without rx

  97. online pharmacy india [url=https://indianpharmacy.win/#]reputable indian online pharmacy[/url] buy medicines online in india

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *