Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsitiiwwan Afrikaa keessaa sadarkaa 10fa argate

  • Yunivarsitiin Jimmaa barsiisota afuriif sadarkaa pirofesarummaa kenne

Finfinnee: Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsiitiiwwan guguddoo Afrikaa kurnan barana filataman keessaa sadarkaa 10fa qabatee beekamtii addunyaa argachuusaa yunivarsiitichi beeksise. Yunivarsitiin Jimmaa barsiisotasaatiif sadarkaa pirofesarummaa kenneera.

Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Pirofesar Xaasoo Waldahaannaa Kamisa darbe Gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, Yunivarsiitiin Finfinnee ALA bara 1950tti erga hundeeffamee kaasee barnoota qulqullina qabu lammiilee biyyattiif dhiyeessuun jireenyi hawaas-dinagdeefi siyaasa biyyattii akka fooyya’uuf tattaaffii olaanaa taasisaa tureera; milkaa’eeras.

Yunivarsiitichi dandeettii simannaa barattootaas waggaadhaa waggaatti akka dabaluuf kutannoon hojjechaa kan ture yoo ta’u, wayita ammaa barattoota sadarkaa barnoota digrii 1fa, 2fafi 3fa baratan  waliigalaan kuma shantama barsiisaa jira jedhan. Hojjettoota kontiraataafi dhaabbii kuma torbaa ol qacaruutiin ummata Itoophiyaa mara amanamummaan tajaajilaa akka jirus ibsaniiru.

Kana malees yunivarsiitichi dhaabbilee barnootaa olaanaa biyyattiin qabdu keessaa isa duraafi hangafa waan ta’eef dhimmoota biyyaalessaa kanneen akka misooma waliinii, nagaafi tasgabbii, ijaarsa sirna dimokiraasii lafa qabsiisuurratti gahee guddaa taphachaa kan tureefi jiruudhas jedhan. Kanaanis qorannoowwan yunivarsiitichaan gaggeeffamaa turanis qabatamaatti jijjiiramoota siyaas-dinagdee dhugoomsaa akka jiran eeraniiru.

Yunivarsiitiiwwan biyyoota addunyaa marti firiiwwan gama hojii baruu barsiisuutiin, qo’annoofi qorannoon, akkasumas itti fayyadamaafi ce’umsa teknoloojiitiin galmeessisaniin waggaa waggaatti kan madaalaman ta’uus dubbataniiru. Yunivarsitiiwwan guguddoo Afrikaa keessa jiranis ulaagaadhuma eerameen waggaa waggaatti madaalamuun beekamtii hawaasa idil-addunyaa argachaa turuusaaniis himaniiru.

Yunivarsiitiin Finfinnees yunivarsiitiiwwan Afrikaa keessa jiran waliin dorgomee sadarkaa 10fa argachuusaa himanii, barnoota qulqullina qabu kennuuf kutannoon yunivarsiitichaa kan dabaluudhaa jedhaniiru. Beekamtiin argames kan ummattoota Itoophiyaa maraa waan ta’eef baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Bu’aan hayyoota, hoggantootaafi barattoota yunivarsitichaas qabatamaatti jireenya lammiilee jijjiiraa waan jiruuf caalaatti walta’insaan hojjechuu akka qaban gaafataniiru. Waliin yaa qorannu, gara nageenyaatti yaa ceenu, akkasumas bu’aawwan argannes waliin haa leellisnu jechuun dhaamaniiru.

Gama biraatiin Yunivarsitiin Jimmaa barsiisota yunivarsitichaa afuriif pirofeserummaa guutuu kenne. Boordiin Hoggansa Hojii Yunivarsitii Jimmaa walgahii addaa Onkoloolessa 20 bara 2012 gaggeesseen barsiisota buleeyyiisaa afuriif sadarkaa pirofeserummaa guutuu kennuu xalayaa Gaazexaa Bariisaatiif ergeen beeksise.

Barsiisonni kunneenis Pirofesar Gammadaa Abbabaa (‘Molecular medical microbiology’)tiin, Pirofesar Gazzaahanyi Bareechaa (‘Applied ecology’)tiin, Pirofesar Sulxaan Suleeyimaan (Pharmaceutical analysis and regulatory affairs)tiin akkasumas Pirofesar Zallaqaa Mokonnin (Medical parasitology)tiin kabaja kana argachuusaanii yunivarsitichi beeksiseera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

5 Comments to “Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsitiiwwan Afrikaa keessaa sadarkaa 10fa argate”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: AMBKING

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *