“Aadaa haammachuutiin waan guddanneef nama mitii bineensa bosonaayyuu ni madaqsina” -Artisti Lij Yaareed

Finfinnee: “Oromoon saba aadaa hammachuutiin of ijaare waan ta’eef nama mitii bineensa bosonaayyuu madaqsee ummata nagaadhaan  jiraatuudha” jedha Artisti Lij Yaareed gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen.

Lij Yaareed aadaa haammachuu itti guddate qabatamaan agarsiisuuf bineensota bosonaa garagaraa walitti qabee madaqsaa kan jiru yoo ta’u, kanaafis ka’umsa kan ta’eef aadaa Oromummaa ganama itti guddate ta’uu himeera.

Artistichi Kibxata darbe Buraayyuu, naannawa Ashawaa Meedaa wiirtuu bineensota bosonaa walittiqabee madaqsaa jiru keessatti ibsa kenneen sochiin taasisaa jiru mul’istuu Oromoon saba mara haammatee jiraachuu danda’uuti jedha.

Aadaan haammachuu akkanaa tokkummaa biyyaafi aadaa waldanda’uu akka gabbisu kan hime Artisti Lij Yaareed, wantoota walitti hinaraaramne fakkaatan araarsanii jiraachuurratti gahumsa Oromoon qabu qabatamaan kan agarsiisuudha jechuunis eereera.

Yeroo ammaattis bineensota bosonaa kanneen akka jaldeessa cilaadaafi kanneen biroo madaqsuurra darbee afaan barsiisee waliin jiraachaa akka jiruufi jaldeessonni madaqses afaanota Oromoo, Ingiliffaafi Amaariffaan isa wajjin kan waliigalan ta’uu ibseera.

Jaldeessatti dabalee bineensota bosonaa kanneen akka waraabessaafi jawweefaa walitti qabee madaqsuuf sochiirra jiraachuus komediyaanichi eeree, yeroo dhiyoo booda agarsiisaaf kan dhiyeessu ta’uus beeksiseera.

Aadaan haammachuu Oromoon durumaa qabee badhaafame kun jaarraawwan hedduuf kan ture ta’uus himee, saboonni biroos duudhaa cimaa kanarraa barachuu qabu jechuun gorsasaa gumaacheera.

Jaldeessi ani madaqsaa jiru osoon mirgasaatti bu’ee naaf hinhilu kan jedhu Lij Yaareed, jaalalaan yoon itti siqe garuu nyaatasaa qooddadhee isa wajjin jiraachuu nan danda’a jedheera.

Bara bineensi bosonaa namatti madaqee haammatamee jiraatamu kana keessa ilaalcha madaalawaa hintaane maddisiisanii olaantummaa ofii agarsiisuuf yaaliin taasifamu addunyaa kam keessattuu fudhatama kan hiqabne akka ta’e beeksiseera.

Yeroo ammaattis bineensonni madaqfamaa jiran hawaasa wajjin hariiroo uumuurra darbanii sadarkaa fiilmii hojjechuurra gahuu kan hime Lij Yaareed, aadaan walhaammachuufi waldanda’uu har’a dheebotamaa jiruuf fakkeenya gaarii akka ta’u kaaseera.

Sochii amma jalqabame daran babal’isuun madda galiif hawwata turistii taasisuuf kan hojjetu ta’uus ibsee, aadaan haammachuu kun Itoophiyaanotarra darbee addunyaa birootiif galtee irraa baratamuudha jedheera.

Dandeettii cimaa aartii suuraa kaasuurratti qabuunis Ameerikaatti badhaasaafi waraqaa ragaa argachuu kan ibse artistichi, Itoophiyaa keessatti damichi xiyyeeffannoo dhabuunsaa sirrii akka hintaane eereera. Milkaa’ina hojiisaatiifis deeggarsi mootummaan Naannoo Oromiyaa taasisaafii jiru jajjabeessaa ta’uu himeera.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

12 Comments to ““Aadaa haammachuutiin waan guddanneef nama mitii bineensa bosonaayyuu ni madaqsina” -Artisti Lij Yaareed”

  1. Pingback: towing service
  2. Pingback: pgroyalbet
  3. Pingback: Apartheid
  4. Pingback: 789 club
  5. Pingback: page
  6. Pingback: my diery
  7. MU88 – Link vào nhà cái uy tín mới nhất https://mu88.express
    MU88 – Thiên đường giải trí với hàng ngàn slot game, mini game hấp dẫn. Nạp rút nhanh chóng, bảo mật cao và khuyến mãi khủng mỗi ngày.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *