Tibbuma kana miidiyaa hawaasummaa ‘feesbuukii’ biyya keenyatti faayidaarra miidhaaf oolaa jiruufi summiin jibbiinsaa irratti facaafamurratti barreeffama, “Ani har’aa qabee feesbuukii waan gaarii qofaaf fayyadamuuf waadaa galeera, isinoo?” jedhu arginee turre. Anis dafee ergicha jaalachuu koo ibsuuf deebiin kenne.
Sababnisaas dirree gadhiisii (feesbuukii) kanarratti waanti baay’inaan halkanii guyyaa gadilakkifamu ergaa jibbiinsaafi ajaja hammeenyaan guutame waan ta’eefi. Hubannoo dhabuudha malee hokkarri ka’u kamiyyuu akka obomboleetti hunda haxaa’ee deeme. Akkuma bishaan mataa tuqe miila hinhanqatu jedhamu san jechuudha.
Hayilee Gabrasillaasees kaampaanii feesbuukii nan himadha jedhee tibbana kan dhaadates waanuma miidhaa miidiyaa kanaan qaqqabeefi qaqqabaa jiru hubateefi. Dhugaa qaba kaa biyya jijjiirama siyaasaa keessa teessee beekaanis wallaalaanis faayidaa argatu qofaan hadoodee summii jibbiinsaa facaasuun nagaanshii raafamuun daran kan nama gaddisiisu waan ta’eef.
Qaamoleen summii jeequmsaafi jibbiinsaa halkanii guyyaa facaasuun sammuu dargaggootaa gara hinmalletti oofan kunniin gadi taa’anii gocha kana gara gaarummaatti otoo jijjiiraniiru ta’ee biyyattiin qilleensa jijjiiramaa keessa jirtuun utubamtee gara fuulduraatti ni tarkaanfatti ture.
Summii jibbiinsaafi diigumsaa waan cululuquun maramee akka dhaloonni kun liqimsuufi waga’amu gochuun tasumaa fudhatama hinqabu. Kanaafis malli summii qophaa’e kana bitachuu dhiisuun dhimma siyaasaa namoota siyaasaatiif dhiisuun gara misoomaafi hojii irratti bobbaaneetti deebi’uudha.
Iddoo jirrutti ergamoota nagaa yoo taane nageenya dheebotaa jirruuf wabii hinsochoone taana. Kanaaf qaamolee badiif mindeeffamaniin liqimfamnee ofis biyyas raafamaaf saaxiluu hinqabnu. Sochiin keenya hundis hubannaafi beekumsaan kan guutame ta’uu qaba.
Har’a biyyiifi ummanni kan barbaadan isa dhagaa darbatu otoo hintaane isa yaada caalmaa qabu waan ta’eef yaada bilchaataa, haala qaroomina jaarraa 21fa keessa jirru madaaluun dhiyeessaa fuulduratti tarkaanfachuu barbaachisa malee gonkumaa miiraan oofamuu hinqabnu.
Yoo tasgabbiifi hubannaadhaan deddeebine nagaa keenyaaf wabii ta’aa hanqina keenyas guuttachaa deemna. Keessumaa dhalattoonni Oromoo, ijoolleen abbaa Gadaa hammaatus tolus Gadaa nu harka jiru hanqinoota jiran addababayitti otoo hintaane dhoksaatti iccitiidhaan balbala cufannee waliti himaa, walsoroorsaa deemuu sakandii tokkoofillee dagachuu hinqabnu.
Wagoota 27 wayita biyyi tun saba biraatiin geggeeffamaa turtetti miseensota sabichaarraa komiin dirreetti dhagahamee akka hinbeeknellee sirnaan hubachuun barbaachisaadha. Kanaaf nutis hanqina keenya waliiguutuu malee mogolee walbuusuu hinqabnu. Imaanaan saboonni cunqurfamoonni nutti kennanis dagachuu hinqabnu. Isa madaa keenya tuttuquun, “Nutuu ofii jirra” jechuun nageenya keenyaaf mootummaafi qaamolee nageenyaa wajjin wabii hinsochoone haa taanu!
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
6 Comments to “Koottaa wabii nageenyaa haa taanuu”