– Mootummaan bu’uura cimaa qabu tikfachuu qaba
Finfinnee: Haalli nageenyaa Oromiyaa guutummaatti tasgabbaa’uu Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa beeksise. Mootummaan aangoorra jiru bu’uura cimaa waan qabuuf of jalatti tikfachuu akka qabu ammoo hayyuun siyaasaa Doktar Diimaa Nagoo ibsan.
Hogganaa ittaanaan biirichaa Koloneel Abbabaa Garasuu ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti jeequmsiifi walitti bu’iinsi torban darbe magaalota Oromiyaa tokko tokotti uumamanii turan tattaaffii abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, qarreefi qeerroon qaamolee nageenyaa wajjin qindaa’uun taasisaniin nageenyi Oromiyaa guutummaatti iddootti deebi’eera. Wayita ammaas nagaan waan bu’eef iddoowwan hundatti ummannis nagaan bahee nagaan galaa jira.
“Oromoon, amantiidhaan walitti hinbu’u, Oromoon saba biraa ni hammata malee hinmiidhu” kan jedhan Koloneel Abbabaan, ummanni dhimmicharratti mari’achuun taateen raawwatame sun dogoggora ta’uu mirkaneessuusaa himaniiru. Dogoggorri uumames sirreeffamee nageenyi bu’eeraa jedhan.
Konfiraansiin nageenyaa hoggantoonni olaanaan biyyattiifi naannichaa irratti hirmaachuun geggeeffame nageenya mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu ibsanii, kanarratti rakkoolee gama lamaaniinuu jiranirratti ummanni mari’ateera jedhan.
Dogoggorri uumame walhubachuu dhabuurraa kan madde ta’uu kan himan hoggantichi, kana ammoo hoggantoonni olaanoon ummata hubachiisanii, ummannis fudhatee rakkoon gama lamaaniinuu jiru furamee amma nagaan bu’uusaa beeksisaniiru.
Nagaa argame kana haala ittifufiinsa qabuun tiksuu keessatti qoodni guddaan kan ummataa ta’uu kan eeran Koloneel Abbabaan, qaamoleen nageenyaa ummata wajjin ta’uun nageenya bu’e xiyyeeffannaan eeguu qabu jedhaniiru.
Humni nageenyaa naannichaa yeroo hunda ummata wajjin dhaabata, taatee darberrattis ummatuma wajjin dhaabate kan jedhan Koloneel Abbabaan, humni nageenyaa loogeera waanti jedhamu kan hinjirre ta’uu ibsaniiru.
Ta’us qaamoleen nageenyaa keessa akka dhuunfaatti kan naamusa hinqabne jiraachuu mala jedhanii, kanas yeroo yeroodhaan madaaluun tarkaanfiin sirreessaa irratti fudhatamee kan qajeelfamu ta’uu dubbataniiru. Balleessaa namoonni tokko tokko poolisii naannichaa, federaala keessaas ta’e raayyaa ittisaarraa raawwataniin maqaan humna nageenyaa haqaaf haqaan hojjetuu xuraa’uu hinqabu jedhan.
Poolisiin yeroo namni ajjeefamuufi yakki kamuu raawwatamu tattaafachuutu irra jira jedhanii, kanaafis dirqama eeggachuu akka hinqabne eeran. Namaa du’aa jiruu ajajni na hinqaqqabne yaadni jedhus ergama poolisii keessa kan hinjirre ta’uu beeksisaniiru.
Gama biraatiin mootummaan ammaan tana aangoorra jiru kanneen asiin duraa caalaa bu’uura cimaa waan qabuuf cimsee of jalatti tikfachuu akka qabu hayyuun siyaasaa Doktar Diimaa Nagoo gaafdeebii haala yeroorratti Gaazexaa Bariisaa wajjin dheengadda taasisaniin eeran.
Ummata biyyattii tokkoomsuufi dimokraatessuurratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabus ibsaniiru. Kanaaf ammoo dandeettiis ta’e dirqama ni qaba jedhaniiru. Siyaasa biyya kanaa qalbiidhaan qabuu waan barbaachisuuf ummannis tattaaffii mootummaan taasisaa jiru utubuu qaba.
“Bardheengaddaa abdii guutuudhaan dhufne. Ce’umsi kun ni milkaa’a. Biyyattiin yeroo jalqabaatiif mootummaa kamuurra wayyu waan argatteef ni ceena abdiin jedhu tureera. Haalota tokko tokko ammaan tana mul’ataa jiranirraa garuu kan hubatamu biyyattii qalbiidhaan qabu kan barbaachisu ta’uu kan namatti agarsiisuudha jedhan.
Keessumaa haalli siyaasaa Oromoo keessa jiru dhaabbilee siyaasaa adda addaafi nama jala hiriiruun nama mormii hinbarbaachifne uumuu darbees ummata biraa wajjinis walitti buusuu danda’a yaaddoon jiru jiraachuus eeraniiru.
Kun ammoo ce’umsa kana ni gufachiisa jedheen sodaadha kan jedhan Doktar Diimaan, kun akka hintaaneef ammoo ittigaafatamni paartii biyya bulchaa jiruufi mootummaa harka jiraachuu ibsu. Paartiileefi matayyoonni maqaa Oromootiin socho’aniifi miidiyaaleenis qooda akka qaban himaniiru.
Yeroo kanatti waan ummata walitti naqurraa of qusachaa gaaffiilee ummanni waggoota shan darbaniifis deebii kennaa deemuun akka barbaachisus eeraniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Charinnat Hundeessaatiin
6 Comments to “Nageenyi Oromiyaa guutummaatti iddootti deebi’uun ibsame”