Barumsi sirna Gadaa kennamuu eegale duudhaa sirnichaa ni cimsa jedhame

Finfinnee: Barumsi sirna Gadaa Yunivarstiin Bulee Horaa barana kennuu eegale duudhaa sirnichaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu Bulchaan Godina Gujii Lixaa ibsan.

Bulchichi Obbo Abarraa Bunoo dheengadda dhimmacharratti Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kennaniin akka jedhanitti, mallattoo Oromoo kan ta’e sirna Gadaa Oromoo bira darbee hawaasa biyyattiif fayyadaa jiru kana dhaabbilee barnootaa olaanaatti barsiisuu eegaluun duudhaa cimaa achi keessa jiru babal’isuu keessatti shoora olaanaa qabaata.

Barumsichi keessumaa yeroo ministirri muummeen kitaaba yaadrimee IDA’AMUU duudhaa Abbaa Gadaatiin barreessanii ummata biyyattiif dhiyeessan kanatti kennamuu eegalamuunsaa hiika guddaa qaba jedhaniiru.

Yunivarsitichi xiyyeeffannaa kennee kaarikulamii qopheessee duudhaalee Sirna Gadaa keessatti argaman qo’atee barsiisuu eegaluunsaa kan isaan gammachiise ta’uus eeranii, kunis kanaan booda qaamolee sadarkaa addunyaatti sirna Gadaarratti qo’annoofi qorannoo geggeessaniif ulaa kan banuudha jedhaniiru.

Kanaafis Yunivarsitiin Bulee Horaa galata qaba jedhaniiru. Barattoonnis sirnaa Gadaa mallattoosaanii ta’e sirnaan barachuu akka qaban dhaamaniiru.

Kana wajjin ardaalee addaa Gadaa 165 jiran misoomsaa maaltu akka achi keessatti raawwatamu qorachaa ittifayyadamuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Darbees ardaalee kanneen hawwata turizimiitiif oolchuun akka danda’amu himaniiru.

Gama biraatiin jalqabamuun barumsa sirna Gadaa adeemsa baruu barsiisuu haala nagaqabeessa ta’een ittifufsiisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu abdatamuusaa yunivarsitichi Wiixata darbe Tajaajilaa Oduu Itoophiyaatti himeera.

Pirezidaantiin Yunivarstichaa Doktar Caalaa Waataa akka eeranitti, barumsi sirna Gadaa Yunivarsitii Bulee Hooraatti kennamuu eegalamuun sirnicha gabbisuufi beeksisuun gamatti duudhaalee keessa jiran barattoota barsiisuudhaan adeemsa baruu barsiisuu nagaqabeessa dugoomsuuf ni Sirni Gadaa rakkoolee hawaasummaa din­agdeefi siyaasaatiif furmaata kennuu akka danda’us himaniiru.

Yunivarsiitii Bulee Horaatti Daarektarri Inistiitiyuutii Aadaa, Gadaafi Qo’annoo Pirofesara Gargaaraa Roobaa Dhaabaa ga­ Sirni Gadaa rakkoolee hawaasummaa din­agdeefi siyaasaatiif furmaata kennuu akka danda’us himaniiru.

Yunivarsiitii Bulee Horaatti Daarektarri Inistiitiyuutii Aadaa, Gadaafi Qo’annoo Pirofesara Gargaaraa Roobaa Dhaabaa ga­masaaniitiin barumsicha jalqabuuf qophii gahaan taasifamaa turu eeranii, barumsichi barattoota digrii jalqabaatiif ‘koman’ koor­siidhaan /koorsii dhaabataan/ kan kennamu ta’uu beeksisaniiru

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

 Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

3 Comments to “Barumsi sirna Gadaa kennamuu eegale duudhaa sirnichaa ni cimsa jedhame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *