“Gochi Obbo Jawaar Mahaammadirratti aggaamame yakka” -Ogeessa seeraa

Finfinnee: Kibxata darbe halkan naannawa sa’aatii 6:00tti xiinxalaa siyaasaafi Daarektara OMN, Obbo Jawaar Mahaammadirra maqaa jijjiirraa eegduu jedhuun doorsisa irra ga’eef guutummaa Oromiyaatti Roobiifi Kamisa darbe mormii cimaan adeemsifameera.

 Humnootni tokkummaa Oromoo bittinneessuuf kaayyoo yeroo dheeraabocuun hojjechaa turan ammoo carraa kanatti fayyadamuun mormii karaa nagaa adeemsifamaa ture gara hokkoraatti jijjiiruuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Kanaanis qabeenyi hedduun barbaadaa’uurra darbee lubbuun lammiilee nagaa darbeera. Ija seeraatiin ‘jijjiirraa eegduu’ jedhame kun akkamitti ilaalama? Gaazexaan Bariisaa dhimma kanaafi kanaan walqabatanirratti ogeessa seeraa dubbiseera.

Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaatti ogeessa seeraa olaanaa kan ta’an Obbo Umar Kadiroo, gochi qaamoleen mootummaa federaalaa qabsaa’aa mirga dhala namaa, Jawaar Mohaammad miidhuuf taasisan daran hamaadha.

Ija seeraatiinis yoo ilaalamu itti yaadameefi karoorfamee waan yaalameef dogoggora osoo hintaane yakka ta’uu dubbatu. Seera yakkaatiinis yoo madaalamu gocha tokko itti yaadanii yaalii taasisuun akkuma raawwatametti kan fudhatamu waan ta’eef qaamoleen mootummaa federaalaa ta’e jedhanii gocha kana raawwatan hatattamaan seeratti dhiyaachuu akka qaban ibsan.

Akka ibsasaaniitti, wayita ammaa Itoophiyaan hoggantoota Oromootiin gaggeeffamaa waan jirtuuf harka ummata Oromoorra jirti. Ta’us, qaamoleen mirgiifi faayidaan Oromoo akka eegamuuf hinfeene tokko tokko hoggantoota olaanaa gidduutti hokkara kaasanii olaantummaasaanii mirkaneeffachuu fedhan hayyoota Oromoo akkuma durii balleessuuf/ajjeesuuf tattaafachaa jiru. Gochi Kibxata darbe halkan walakkaatti Jawaar Mohaammadirratti aggaamames kanuma kan mul’isuudha jedhan.

 Kanaan walqabatees qaamoleen mootummaa naannoo Oromiyaas abbootii Gadaafi amantii, qarreefi qeerroon, akkasumas waldaaleen siivikii waliin ta’uun nageenya waaraa wabuusuu akka qaban hubachiisan.

Komishinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa nageenya naannichaa eegsisuuf yeroo kamuu caalaa kutannoon hojjechaa akka jiran dubbatu. Hayyoota bebbeekamoofi ija Oromoo ta’an kanneen akka Jawaar Mahaammadfaa tiksuuf humna gahaa ramaduusaanii himaniiru Kanaafis hawaasni marti poolisii Oromiyaa waliin hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Pirezidaantii Ittaanaan BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas ibsa kennaniin, gochi Jawaar Mahaammadirratti aggaamame dogoggora ta’uu dubbataniiru.

Kanaan walqabatees hiriirri mormii guutummaa Oromiyaatti karaa nagaan adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, gidduutti garuu qaamoleen tokkummaa ummata Oromoo bittinneessuuf tattaafachaa turan mormicha gara hokkoraatti geessaniiru jedhan.

Qaamoleen Oromoofi Oromiyaa dirree waraanaa taasisuuf wixxirfatan kunniin iddoowwan addaddaarraa walguuranii qaamolee nageenyaarratti dhukaasa banuusaanii himaniiru. Ta’us yeroo gabaabaa keessatti to’annaa jala oolfamuusaanii eeran.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)nis ibsa kenneen, mootummaan Itoophiyaa rakkoolee nageenyaa guutummaa Oromiyaatti Roobiifi Kamisa darbe uumameef furmaatni gaaffiilee ummataatiif deebii waaraa kennuu qofa jedhe.

 Takkaalliny Gabayyootiin

 Bariisaa Onkololeessa 15/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Gochi Obbo Jawaar Mahaammadirratti aggaamame yakka” -Ogeessa seeraa”

  1. Pingback: พรมรถ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *