Teknolojiin galii bu’aalee beeladaarraa argamu fooyyessuuf murteessaadha jedhame

Finfinnee: Galii bu’aalee beeladaarraa argamu fooyyessuuf itti fayyadamni teknolojii murteessaa ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Sadarkaa ministira de’eetaatti gorsaan ministeerichaa Doktar Iyyaasuu  Abrahaa agarsiisa bu’aalee beeladaa akka Afrikaatti yeroo 5faf Itoophiyaatti qophaa’erratti argamuun haasaa taasisaniin damichi xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uu ibsaniiru. Aagarsiisni kunis Kamisa darberraa kaasee galma Barkumeetti kan baname yoo ta’u, guyyoota sadiif kan turu ta’uusaas himaniiru.

Kaayyoon agarsiisa bu’aalee beeladaa kunis lakkoofsaanis ta’e qulqullinaan dabaluun galii alergii biyyaa fooyyessuu keessatti bakka guddaa kan qabaatan ta’uusaanii mul’isuuf kan yaadamedhas jedhan.

Agarsiisa amma qophaahe kanaan biyyootni Afrikaafi dhaabbileen garagaraa muuxannoo kan itti waljijjiiraniifi walitti hidhaminsa gabaa akka ummataniif karaa kan saaqu ta’uusaa Doktar Iyyaasuun himaniiru.

Hudhaalee qulqullina wajjin walqabatanii ka’an furuufis itti fayyadamni teknoloojii akka babal’atuuf agarsiisicharratti meeshaaleen teknoloojii kan dhiyaatan yoo ta’u, omishtootaan gahuun fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uus yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaattis meeshaaleen aannan itti elman, itti raasaniifi kuusaa bu’aalee beeladaaf oolan garagaraa agarsiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, damichi akka guddatuuf kallattii ni kaa’amaa jedhan.  

Bu’aa omishaalee beeladaa dabaluu keessatti nyaanni murteessaa yoo ta’u, kana furuufis teknoloojii ammayyaan deggaramanii nyaata beeladaa qopheessuun aadeffatamaa jiraachuullee kaasaniiru.

Dhaabbata Indastirii Qonnaa Waljajiitti, Obbo Tafarii Doojii ofiisara leenjii nyaata beeladaa yoo ta’an, dhaabbannisaanii nyaata beeladaa ammayyaa qopheessuuf kan hundaahe ta’uu dubbataniiru.

Nyaata ammaayyaa beeladootaa teknoloojiin deggaramanii qopheessaa kan jiran yoo ta’u, fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluuf leenjii gahaa qonnaan bultootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu keemikaala EM(Effective Micro Organism) ilbiisota xixiqqoo bu’a qabeeyyii ta’anirraa omishuun nyaata beeladoota garagaraatti dabaluun bu’aan beeladootarraa argamu akka dabalu kan gargaaru ta’uu Obbo Tafariin himaniiru.

Keemikaalli kun nyaata lukkuutti yoo dabalame hanqaaquun qulqullinaaf cimaa ta’e akka argamuufi fayyaan lukkuulee akka eegamu taasisa jedhan. Fooliin badaa bobbaa lukkuu akka dhabamsiifamullee keemikaalichi kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Nyaata looniitti yoo dabalames aannan, foon, akkasumas jabbileen dhalatan cimoo akka ta’aniif shoora guddaa kan taphatudha jedhan.  

Agarsiisni kun Onkololessa 6-8 bara 2012 galma barkumeetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, omishtootni, daldaltoonniifi ergitoonni irratti hirmaachuun walitti hidhaminsa gabaa ummachuu kan dandahan ta’uus ibsameera.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

One Comment to “Teknolojiin galii bu’aalee beeladaarraa argamu fooyyessuuf murteessaadha jedhame”

  1. Pingback: redirected here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *