Giddugalli Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadihin iftaan banama

Giddugalli Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadihiin Yunivarsiitii Ambootti Onkoloolessa 10 ifatti banamee hojii kan eegalu ta’uu yunivarsitichi ibse.

Itti gaafatamaan dhimmoota kominikeeshinii yunivarsitichaa Obbo Mul’ataa Dhugumaa ibsa dhimmicha ilaalchisuun kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennanniin hojiilee aartiifi aadaa Looreet Tsaggaayee dhaloota dhufuuf dabarsuuf yaadamee giddugalichi hundaa’uu ibsaniiru.

Seeneetiin yunivarsiitii giddugalichi akka hundaa’uuf murteessuusaas eeranii, Looreet Tsaggaayeen walaloo barreessuu keessatti hayyuu Itoophiyaan horatte keessaa tokkoofa hangafa ta’uus himaniiru.

Giddugalichi barattoonni Yunivarsiitii baratan aadaafi duudhaasaanii akka waliif qoodaniif kan gargaaru ta’ee kan tajaajilu ta’uus eeraniiru.

Looreet Tsaggaayeen hojiilee aartii Afaan Oromoo, Amaariffa akkasumas Ingiliffaan qopheessuun hayyuu maqaa qabaniidha kan jedhan Obbo Mul’ataan, bu’aaleen hojiisaanii kun fakkeenya irraa baratamuu qaban waan ta’eef seeraan akka kunuunfaman tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Giddugalichi Onkoloolessa 10 bara 2012 bakka leellistoonniifi artistoonni bebbeekamoon argamanitti  ifatti banamuun tajaajila jalqaba.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

5 Comments to “Giddugalli Aadaafi Aartii Looreet Tsaggaayee Gabramadihin iftaan banama”

  1. Pingback: fortnite hacks
  2. Pingback: buôn lậu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *