Finfinnee: Jiruun dugda itti kenninaan maatii lubbuushee caalaa jaalattutti dugda kennitee jireenya mo’achuuf iddoo lafaafi namasaa hinbeeknetti godaanuuf dirqamte.
Harka qullaa maatii rakkoodhaan ishee guddise teessee ija keessa ilaaluun itti ulfaatee haala hinmalleefiin Finfinneetti baqatte.
Osoo hojii hintuffanne mana namaatti mindeeffamtee hojii manaa hunda hojjachuuf murteessite. Jaalalliifi walhubannaan dur ture hir’achaa tuffiifi reebamuun immoo yeroosaa eeggatee carraa ishee ta’e.
Dhumarratti tuffiifi arrabsoon itti hammaannaan gaaf tokko wanti abdii ishee kutachiisu mudate ofiis baddee namas balleessuuf murteeffatte. Hojjachiiftuushii ulfa garaa jiru waliin ajjeeftee reeffashee immoo abiddaan gubde.
Kunniin hund gara jabeenya ishee qofa osoo hintaane, wanti gara jabummaa kanaaf ishee kakaase cimaan jiraachuu hiriyyaan haadha seenaa armaan olii Aadde Bizunesh Abarraa ni dubbatu.
Tuffiifi gara jabeenyi hojjachiiftotni tokko tokko hojjattoota mana keessaatiif qaban yeroo ammaa yakkoota gara garaatiif sababa ta’aa jiraachuu kan himaan Aadde Bizunash, wantootni hamilee namaa cabsan yemmuu isaan mudatanitti qaama itti iyyatan dhabuun yakka keessa galaa jiraachuus ni himu.
Dhiibbaafi hacuuccaa isaanirra gahu dandamachuuf yeroo ammaa Waldaa Hojjattoota Mana keessaa Finfinnee hundeeffachuusaaniifi kunis rakkoolee turan hir’isuu keessatti shoora olaanaa ni qabaata jedhanii kan abdatan ta’uu ibsu.
Tuffiifi cunqursaan hojjattoota mana keessaa mudachaa jiru seera biyyattii irraa kan eegalu ta’uu kan himan immoo dura teessuu waldichaa, Aadde Hiruut Abarraati. Seera biyyattii keessatti hojjattootni manaa iddoo kan hinarganneefi eegumsa kan hinqabne ta’uus ni dubbatu.
Waldicha hundeessuun sagalee gurmaa’e dhaggeessifachuuf kan isaan gargaaru ta’uufi tattaaffiin kun kan fiixa bahu garuu yoo mirgi hojjattoota mana keessaa akkuma kan warra kaanii seera biyyaatiin eegumsa qabaate qofa waan ta’eef mootummaan isaan yaadachuu akka qabu dhaamu.
Yeroo ammaa miseensota 500 horachuusaaniifi dubartoota biyyoota Arabaa gara garaa keessa jiran gurmeessuutti ce’uusaaniis ni eeru.
Konfedereeshiinii Hojjattoota Itoophiyaatti daarektarri dhimma dubartootaa Aadde Raheel Ayyalaa gamasaaniitiin rakkoolee hojjattoota mana keessaa mudachaa jiran furuuf mootummaan labsii Dhaabbata Hojjattoota Addunyaa (‘ILO’) keeyyata 189 akka raggaasisuuf dhiibbaan godhamaa jiraachuufi ragga’uun labsichaas rakkoolee eeramaniif furmaata waaraa kan fidu ta’uu ibsu.
Akka addunyaatti hojjattootni mana keessaa miliyoona 67 kan jiran yemmuu ta’u, isaan keessaa dhibbantaan 80 dubartoota ta’uu ragaan ILO ni mul’isa
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
6 Comments to “Sammuu hojjattuu manaa jeequun, jireenya maatii hedduu jeeqaa jira”