Finfinnee: Koreen giddu galeessaa ODP marii guyyoota lamaan Roobiifi Kamisa Finfinneetti taa’aa ture murtoowwwan dabarsuun xumure.
Korichi mariisaatin raawwii hojii dhaabbattummaafi mootummaa, tokkummaa keessoo paartiifi riifoormii paartilee, gufuuwwan jijjiirramaafi kallattii furmaataarratti mari’ateera. Ciminootaafi hanqinoota qabsoo irra ga’aameefi dhimma keessoo paartichaarratti gamaaggama gadi fageenya qabu geggeessuun kallattiiwwan rakkoo keessoo furuu dandeessisaniifi qabsoo yeroo ittaanuu milkeessan kaa’uun xumureera.
Kaleessaa akka paartiitti qabsaa’uun injifachaa kan as ga’ame ummata Oromoo qabachuun ta’u kan eeru ibsi korichaa, ammas ummata Oromoofi ummattoota Itoophiyaa qabachuun injifannoodhaan akka ceenu shakkii hinqabnu jedha. Humnoonni tarkaanfii dhaabichaa lakka’uun mufataniifi sodaatan olola ummata burjaajessu tamsaasaa jiraachuu kaasee, dhaabichis akkuma aadaa qabsoo kaleessaa, ummata qabachuun, olola sobaafi hawwii diigumsaasaanii ta’uu balballoomsa.
ODPn hanqina tokkummaa ilaalchaafi gochaa hoggansa olaanaarraa eegalee hanga caasaa sadarkaan jiruu biratti mul’atu hundeerraa furuun gaaffii ummataa karaa guutuu ta’een deebisaa deemuun dhimma boqonnaan qabsoo irra qaqqabe ta’uu isaarratti waliigaleera.
Kan cimsuunis gaaffiiwwan Oromoo
hanga ammaatti deebii argatan akka ka’umsaatti, kanneen deebii hinargatin ammoo
addatti ilaaluudhaan, yeroo gabaabaa keessatti lakka’amaanii deebii akka
argataniif kan qabsaa’u ta’uu kallattii kaa’eera.
“Biyya sab-daneessa, afaan-daneessaafi aad-daneessa ta’e keessatti sirni
federaalizimii sirna siyaasaafi bulchiinsaa filannoo biroo hinqabnee dha. Sirni
kun miidhagina heddumminaa kunuunsuun aadaafi duudhaa waloo biyyiifi ummanni
ittiin ijaaramu mirkaneessuuf meeshaa murteessaadha. Kanaafuu, ODPn sirna
federaalizimii sab-daneessaa dhugaa Itoophiyaa keessatti hojiirra oolchuun
wal-qixxummaafi biliisummaa ummattoota biyyattii mirkaneessuuf ejjennoo hinraafamne
kan qabu ta’uu isaa irra deebiidhaan ni mirkaneessa” jedha.
Caaseffamni ADWUI hanqinoota hedduun marfame gaaffiifi fedhii ummata Oromoofi ummattoota biyyattii deebisuuf kan hinmijanne ta’uu korichi xiinxalee irratti waliigaleera. Bu’uuruma kanaan, ADWUI haaressuun paartii sirnaafi hojmaata ammayyaa’aan hogganamu uumuun, Yaadama Warraaqsa Dimokraasii maqsuun yaadama Ida’amuutiin bakka buusuuf mari’atamaa akka jiru kaasa. ODPnis yaadamni Idaa’amuu milkaa’inoota darban caalmaatti cimsuun, hanqinoota jiran ammoo hundeerraa furuudhaan mirgaafi faayidaa dhaloota haaraa kan mirkaneessuudha jedhee amana. Bu’uuruma kanaan, dhimmi rifoormii ADWUI sirna federaalizimii dhugaa, sabboonummaa sabummaafi tokkummaa biyyaa sab-daneessaa madaallii isaa eeggateefi biyya badhaate ijaaruun faayidaafi dantaa ummataa ittiin kabachiisuuf tooftaa filatamaa ta’uu isaa amanee milkaa’inasaatiif hojjechuuf murteessuusaa addeessa.
Xumurarratti, boqonnaan qabsoo irra geenye ulfaataafi walxaxaa ta’us, hanqinaalee keessoo paartii furuudhaan ummata bal’aa of faana hiriirsuufi qormaata isa dura jiru mo’atee seenaa haaraa akka galmeessu gochuuf qabsoon eegale cimee kan itti fufu ta’uu ODPn ni ibsa.
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
4 Comments to ““Gaaffiin Oromoo deebii hinarganne yeroo gabaabaa keessatti lakka’aamee deebii argata” -Koree Giddu Galeessaa ODP”