Finfinnee: Dhaabbileen siyaasaaAdda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n waggoota 28 booda paartiilee deggartootaa waliin walitti makamuuf murteessuusaa beeksiseera.
Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi (ABUT) garuu galmi walitti makamuu kun sirna bulchiinsa mootummaa kan jijjiiru waan ta’eef miseensummaasaa paarticha keessaa haquuf kan dirqamu ta’uu ibseera. Dhaabbileen siyaasaa sadeen (ODP, ADP, WDUK)fi paartiileen deggartootaa garuu adeemsicha harka caalmaan kan deggaran ta’uus eeraa jiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Giddugaleessa Paartii Dimokraasummaa Beenishaangul Gumuz (PDBG) Obbo Yisihaaq Abdulqaadir Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, jijjiiramoota siyaasaa biyyattiitti mul’achaa jiran milkeessuu dhaabni siyaasaa biyyattii bulchaa jiru, ADWUIn gurmaa’ina siyaasaa qindaa’aafi ammayyaa’aa hordofuu qaba.
Kanaanis dhaabbileen siyaasaa ADWUI paartiilee deggartootaa wajjin walitti makamuuuf murteerra gahuunsaanii tarkaanfii sirriidha jedhu. Akka paartiisaaniittis gaaffiifi hawwii waggoota dheeraa waan ta’eef guutummaatti kan deggaran ta’uu ibsu. Milkaa’inasaafis halkaniifi guyyaa ni hojjennaa jedhan.
Walitti makamiinsi ADWUI gurmaa’ina siyaasaati malee sirna bulchiinsa mootummaa kan jijjiiru miti kan jedhan Obbo Yisihaaq, sirni federaalizimii amma hojiirra oolaa jirus akkuma jirutti kan itti fufu ta’uu himu. Qaamni sirna mootummaa kana humnaan jijjiiruuf yaalu yoo jiraates milkaa’uu akka hindandeenye hubachuu qaba jedhan.
Erga walitti makamiinsi ADWUI dhugoomee booda sagaleefi eenyummaan sabootaafi sablammootaa akka hinhacuucamneef qajeelfamni hojmaata paartichaa daangessu kan qophaa’u ta’uu eeran. Kaayyoonsaa inni guddaanis waliigaltee biyyaalessaa uumuudha malee sirna bulchiinsa mootummaa tokkummaawaa duraanii deebisuu akka hintaanes hubachiisan.
Durataa’aan Warraaqsa Dimokraasummaa Ummata Gaambeellaafi pirezidaantiin naannichaa Obbo Umad Ujuluus gamasaaniin akka jedhanitti, dhaabbilee ADWUIfi paartiilee deggartootaa walitti makuuf murteerra gahamuunsaa hedduu kan nama gammachiisuudha.
Waggoota kurnan lamaan darban keessa murteewwan biyyaalessaa keessatti paartiinsaanii qooda fudhachaa waan hinturreef miirri hoggansa naannichaa daran gadaanaa akka tures himaniiru.
Jechi walitti makamuu jedhurra caaseffama fooyya’aa jechuu wayya kan jedhan ammoo Doktar Birhaanuu Leenjisooti.
Rakkoolee bu’uuraa caaseffama ADWUI keessa turan sadii. Isaanis paartiilee naannolee shan keessa socho’an hammachuu dabuu, ummatoota hunda lakkoofsa walfakkaatuun bakka buusuufi hojmaata jiddugaleessummaatiin hidhee namoonnumti hojii raawwachiistuudha jedhaman saglanuu akka hindubbanne kan hidhe ta’uusaati.
ABUT hojmaata kana hordofaa ture, ittiinis fayyadamaa ture. Adeemsa ammaan kanaan rakkoolee kanneen furuun barbaachisaadha. Caaseffamnisaas kan naannolee hunda hammatu ta’uu qaba. Saboonni hundis akka baay’ina ummatasaaniitti kan bakka itti buufaman ta’uu qaba. Waltajjiin falmii dimokraatawaan irratti adeemsifamus uumamuu qaba. Waa’een walitti makamuus adeemsuma kana keessatti kan ilaalamu ta’a.
Waanti walitti makamuu jedhamu hiika walfaallessu akka hinuumneef na sodaachisa. Kanaaf of eeggannaa gochuufi jecha fooyya’aa fayyadamuu barbaachisa. Caaseffama fooyya’aafaa jechuun ni danda’ama.
Akka adeemsa walitti makamuu taasifamaa jiruun dhalataan saba biraa isaan dhaqee bulcha otoo hintaane gurmaa’inni saboota ykn naannolee bakka bu’u caasaa haaraa kana keessatti kan uumamu ta’uu hubachuusaaniis eeraniiru. Fakkeenyaaf caasaan ummata Oromoofi Oromiyaa ykn kan Tigraayi bakka bu’u caasaa haaraa kana keessa ni jira jechuudha.
Walumaagalatti haalli gurmaa’inasaa ADWUIdhuma amma jiru kan fakkaatuudha. Waanti kan duriirraa adda taasisu ijaaramichi adda otoo hintaane paartii ta’uusaafi paartiilee shanan ala turan kan hammatu ta’uusaati.
Hinmakamu makamu jechuun ABUT gama kamiinuu paartiilee hafanirratti yaaddoo uumuu kan hindandeenye ta’uus eeranii, paartiilee kunniin bara 1983 yoo wajjummaan hojjenne wayya jedhaniiti kan waliigalan ta’uu yaadachiisaniiru.
ABUT caaseffama kana keessaa bahuun akka waan guddaatti ilaalmuu kan hinqabne ta’uus dubbataniiru. Ejjennoo ABUT qabateefi kan ummata Tigraayi addaan baasanii hubachuunis barbaachisaadha jedhan.
ABUT heerri biyyattii cabeera jedhaa waan jiruuf isaaf heerri maal akka ta’e gaafachuu barbaachisa kan jedhan Doktar Birhaanuun, isaaniif heerri kabajame jjechuun akkuma isaan waggoota 27 gochaa turan jechuu waan ta’eef yaadichi sirrii akka hintaane ibsu. Ummannis kana sirnaan hubatee paarticha dhiibuusaa himan. ABUT heerichi akka sirnaan hojiirra hinoolleef labsiilee adda addaatiin xaxee akka tures eeran. Heerichi fannifamee seeronni xixiqqoon akka labsii farra shororkeessummaafi miidiyaa hojiirra oolaa turan jedhu. Amma jijjiirama wajjin seeronni xaxoon sun ni ka’an. Heerichis hojiitti hiikamuuf jedha jechuudha. Kanaaf heerichi hindiigamne hojiirra ooluuf jedha malee.
ABUT gaaffii sabootaa kanneen Sidaamaafaa ukkaamsee turuus eeranii, amma garuu keessumaa gaaffiin ummata Sidaamaa gara fuulduraatti dhufuun hojiirra ooluu eegaluu heerichaatiif ragaadha jedhan.
Sirni ABUT hordofaa ture wiirtawaa (tokkee)dha kan jedhan Doktar Birhaanuun, caaseffamni haaraan keessumaa gama afaanota afur afaan hojii biyyattii gochuutiin waan gaarii qabachuusaa dubbatu. Kan ta’uu qabu bakka biraatii garagalchuurra Itoophiyaan ofuma akka fakkaattuufi taatu gochuudha jedhan.
Charinnat Hundeessaafi Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012
2 Comments to “Dhimma walitti makama ADWUI ija paartiilee deggartootaafi hayyuutiin”