Paarkii tokkummaa: Bu’aa kutannoodhaan hojjechuu

Finfinnee: Paarkiin tokkummaa waggaa darberraa kaasee masaraa mootummaa keessatti qarshii biliyoona shaniin ijaaramaa ture Roobii darbe eebbifameera. Sirna eebbichaarratti qondaaltonni olaanaa mootummaa federaalaafi naannolee akkasumas gaggeessitootni biyyoota Afrikaa Bahaa kan argaman ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.  

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad keessummoota sirnicharratti argaman paarkicha daawachiisaniiru. Paarkichis deggarsa qarshii Imireetota Walta’aniirraa argameen kan ijaarame ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, masaraan mootummaa waliigalaan lafa hektaara 40 kan haguugu yoo ta’u, iddoowwan hawata turistii sadii qaba. Masaraan mootummaa kun bara 1880 irraa jalqabee manneen jireenyaafi waajjiraaleen moototaa waan jiraniif tursiisuuf jecha pirojektii kanaan haareffamuusaanii dubbataniiru.

Hambaaleen seenaa kunneen si’a sadii kan haareffaman yoo ta’u, jalqaba bara 1963tti mootii Hayilesillaaseetiin, lammaffaa bara 1978 wayita sirni Dargii waggaa kurnaffaasaa kabajatutti, sadaffaan ammoo hoggansa Doktar Abiyyi Ahmadiin haareffame.

Paarkichi misooma magariisaan akka haguugamuuf kan hojjetame yoo ta’u, keessumaa haala teessuma lafa Itoophiyaa agarsiisuufi aadaa sabootaafi sablammootaa calaqqisiisuun kan hojjetame ta’uun ibsameera.

Haa ta’u malee hojiileen hawaas-dinagdeefi siyaasaa sirna mootota duriin hojjetamaa turan sabootaafi sablammoota biyyattii bu’uureffachaa akka hinturre ragaaleen seenaa ni mul’isu. Kunimmoo hanga har’aattuu waliigalteen biyyaaleessa akka hinuumamneef hudhaa ta’aa tureera.

Hayyootni seenaas, seenaa Itoophiyaa darbe keessatti hunduu ija takkaan ilaalamaa waan hinturreef, waa’ee mootota darbee leellisuun barbaachisaa miti jedhu. Kanarra biyya hundaaf haadha taate walta’insaan ijaaruurratti xiyyeeffachuun murteessaa akka ta’e himu.

Hojiileen misoomaa laggeen Shaggaris pirojektuma kana keessatti kan hammataman yoo ta’u, waliigalaan baajatni biliyoona 1.7 qabamuun ibsameera. Kana milkeessuufis abbootii qabeenyaa biyya keessaa hirmaachisuuf irbaanni Shaggar qophaa’uun ni yaadatama.

Miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii Federaalaa kaleessa paarkii tokkummaa masaraa mootummaa kana daawataniiru. Sanbata har’aafi boru ammoo maanguddootaafi lammiilee daandiirra jiraataniin kan daawatamu ta’uun ibsameera. Onkololeessa 3 bara 2012 irraa eegalee garuu namni kamuu qarshii 200, ‘VIP’ qarshii kuma tokko kaffalee daawachuu danda’a.

Takkaalliny Gabayyootiin    

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

One Comment to “Paarkii tokkummaa: Bu’aa kutannoodhaan hojjechuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *