Hanqinoota mudatan araarama tokko malee sirreessuurratti xiyyeeffannaan akka hojjetamu himame

Finfinnee: Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii Wiixata darbe walga’ii  idilee 1fa, marsaa 5fa, bara hojii 5fa kan adeemsifatan yoo ta’u, Pirezidaantiin Mootummaa RFDI, Aadde Saahlawarqi Zawudee haasaa baniinsaa taasisaniin kallattiiwwan hojii guguddoo mootummaa bara 2012 keessa raawwataman  ibsaniiru.

Jijjiirama bara darbe eegalameen hanqinaalee gama siyaasaa, dimokraasii, qabiinsa mirga namaa, sirna haqaa, sochii dinagdeefi fayyadamummaa waliinii fooyyessuutiin mudatan sirreessuun jalqabameera jedhanii, hanqinaaleen yeroo waggaa tokko olii gaafatanis jiraachuu ibsaniiru. Bara 2012tti imala jijjiiramichaa bu’uura qabsiisuudhaan gama hundaanuu biyyattii fuulduratti tarkaanfachiisuuf  kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Imalli jijjiiramichaa falaasama ida’amuu kaayyoowwan biyyaalessaa guguddoo sadii bu’uura godhachuudhaan adeemsifamaa jiraachuu himanii,  isaanis injifannoowwan gama siyaasaafi dinagdeetiin argaman itti fufsiisuu, dogoggoroota baroota darban keessa raawwataman sirreessuufi faayidaafi fedhii dhaloota dhufuu mirkaneessuudha jedhu.

Yeroowwan darban keessa bu’aawwan hedduun akkuma galmaa’an dogoggorootni qabiinsa mirga namummaa, mirga sabootaafi sablammootaa, fayadamummaa haqaa, walqixxummaa, sirna haqaa irratti raawwatamaniiru.  Tokkummaa biyyaalessaa uumuurrattis hojiilee baay’een hinraawwatamne. Guddinni dinagdee biyyattiis fayyadamummaa haqa qabeessa haala barbaachisuun kan hinmirkaneessine ta’uufi qabiinsi mirga namummaa mirgoota siyaasaarratt hanqina galmeessiseera. Kanaafuu dogoggorootaafi hanqinoota mul’atan araarama tokko malee sirreessuufi furuun barbaachisaa ta’uu himu.

Nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, daangaa siyaasaa babal’isuu,sirna dimokraasii lafa qabsiisuu,sirna haqaa fooyyessuu, sochii guddina dinagdee si’eessuu, omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu, waliingahiinsa bishaan dhugaatii, humna ibsaa, kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuu, teeknoloojii odeeffannoofi quunnamtii guddisuu, qabeenya tuurizimii nageenya, tokkummaafi badhaadhinaaf oolchuufi hariiroo biyyattiin biyyoota olaa waliin qabdu cimsuufi dogoggoroota turan sirreessuunhojiilee gurguddoo mootummaan bara 2012 xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetu ta’uu haasaa isaanii keessatti eeraniiru.

Filannoo biyyaalessaa barana adeemsifamu dimokiraatawaa, bilisa, haqa qabeessaafi amanamaa taasisuufi gara fuulduraatti adeemsa siyaasaa biyyattii bu’uura cimaa irratti akka ijaaramu taasisuunis hojiilee ijoo mootummaan barana raawwachuuf karoorfate ta’uu himu.

Miseensa Paarlaamaafi Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaas hojiilee guguddoo mootummaan barana akka biyyaatti raawwachuuf karoorfate milkeessuuf hojii akka naannootti qabate maddiitti kutannoofi xiiqiidhaan ni hojjeta. Guddinniifi jijjiiramni akka biyyaattis ta’e naannootti eegalame akka duubatti hindeebineef xiyyeeffannaan hojjenna jedhu.

Durataa’aan Paartii Tokkummaa Dimokiraasiifi Haqaa Obbo Tigistuu Awwaluu akka jedhanitti, hojiilee guguddoo mootummaan raawwachuuf karoorfate yoo sirriitti  hojiirra oolan biyyattiitti jijjiiramni gaddaan akka dhufu kan taasisuudha.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

12 Comments to “Hanqinoota mudatan araarama tokko malee sirreessuurratti xiyyeeffannaan akka hojjetamu himame”

  1. Pingback: ซื้อ pep
  2. Pingback: Micro Step
  3. Pingback: nutrition business

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *