Finfinnee: Ayyaana Irreechaa baranaa sababeeffachuun dheengadda foramii Irreechaa tokkoffaan Finfinnee Hoteela Sharaatan Addisitti adeemsifameera. Foramicharratti waraqaaleen qo’annoo adda addaa seenaafi duudhaalee Sirna Gadaafi ayyaana Irreechaarratti xiyyeeffatan dhiyaataniiru.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluu foramicharratti akka jedhanitti, saboonniifi sablammootni Itoophiyaa aadaa, duudhaafi seenaa addunyaatiif barumsa guddaa dabarsuu qabu. Ummatni Oromoos aadaafi duudhaalee sirriitti hinqoratamneefi hinbeekamne hedduu waan qabuuf sirriitti qoratanii addunyaatti beeksisuusuun hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu himu.
Sirni Gadaa duudhaa ummatni Oromoo addunyaaf gumaache keessaa tokko ta’uu kan himan Obbo Girmaan, ayyaanni Irreechaas duudhaalee sirna Gadaa jalatti hammataman keessaa isa tokko jedhan. Sirni dimokiraasii addunyaas Sirna Gadaa irraa waraabame. Irreechis madda qorannoofi saayinsii akka ta’uuf hojiin qorannoo ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Irreechi ayyaana ummatni Oromoos ta’e sabootniifi sablammootni biyyattii biroon garaagarummaa amantii, siyaasaafi umurii malee waliin kabaju ta’uu kan himan hoogganaan biirichaa, gama hawata tuurizimiifi sochii dinagdee guddisuutiinis gahee guddaa kan qabu ta’uu eeru.
Ministirri Aadaafi Turizimii Doktar Hiruut Kaasaawu gamasaaniitiin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya aadaafi duudhaalee sabootaafi sablammootaa dinqisiisoo qabduudha. Aadaafi duudhaalee sabootaafi sablammootaatu walitti dhufuu aadaafi duudhaalee biyyattii ta’a. Irreechis duudhaalee biyyattiin qabdu keessaa isa tokko kan ta’e ayyaana ummataati. Duudhaalee nageenyaa, araaraa, jaalalaa, tokkummaafi obbolummaa Sirna Gadaafi ayyaana Irreechaa keessatti beekaman dhaloota ittaanutti dabarsuuf dhaabbileen barnootaa gumaacha irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
“Bu’uurri jaalala, nageenyaafi tokkummaa duudhaalee keenya” kan jedhan Doktar Hiruut, aadaafi duudhaalee keenya qoranneefi beeksisnee dhaloota ittaanutti dabarsuuf jabaannee hojjechuutu qabna jedhaniiru.
Pirezdaantii ittaanaan BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas akka jedhanitti, akaakayyuufi akaakileen keenya ayyaana irreechaa irratti utuu rukutamaniifi dhorkamanii tursanii nutti dabarsan. Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda deebi’uun ammoo ummata Oromoo maraaf gammachuufi injifannoo guddaadha. Ayyaanni irreechaa ibsituu aadaafi eenyummaa keenyaa waan ta’eef kanarra caalaa guddisuufi babal’isuutu nurraa eegama.
Duudhaalee sirna Gadaa leecalloo jiruufi jireenya keenyaa goonee itti fayyadamuu irratti hanqina qabna kan jedhan Obbo Shimallis, sirna Gadaafi eenyummaa keenya ganamaatti deebi’uuf jabaannee hojjechuu qabna. Ummatni Oromoo, saboonniifi sablammoonni biyyattii ayyaana Irreechaa Oromoo waliin akka kabajaniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Waraqaaleen qorannoo foramicharratti dhiyaatanis sirni Gadaa siyaasa, hawaasummaa, dinagdeefi haala jiruufi jireenya Oromoo kan of keessatti hammatu sirna guutuu ta’uusaa mirkaneesseera. Gadaan sirna dimokiraatawaafi ibsituu Oromummaa ta’uufi irreechis duudhaalee sirna Gadaa keessaa tokko waan ta’eef duudhaalee irreecha keessa jiran eeguufi kunuunsuunis barbaachisaa ta’uun ibsameera.
Irreechi bakka Oromoon itti walga’eegaraagarummaa siyaasaa, amantaafi umurii malee ba’ee Waaqa isaa ittigalateeffatuufi kadhatuudha. Ayyaannichi hamata tuurizimii ta’uurra darbee dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf sirnicha sirriitti eeguufi kunuunsuun barbaachisaa ta’uunis himameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012
5 Comments to ““Duudhaaleen keenya bu’uura nagaa, jaalalaafi tokkummaa keenyaati” -Ministira Aadaafi Turizimii”