Maa’ikalaawwii: Mana hidhaa kaleessaa godambaa har’aa -Obbo Yasiiwaas Asaffaa

Finfinnee: Torban har’aa waajjira kootii bahee akka yeroo biraa gara mana kootti otoo hintaane kallattii koo gara mana hidhaa (Maa’ikalaawwii) durii godambaa ammaattin qajeele.

Agarsiisa suuraafi agarsiisawwan mooraa keessatti daaw’attootaaf dhiyaate takkaa mil’adhee, ibsa poolisoonni dhimma balaa tiraafikiirratti kennan dhaggeeffadhee akkasumas gabbisa hubannoo meeshaalee waraanaa seeraan alaa guguddoo kanneen akka matarayyasiirratti kennamus hordofeera.

Keessumaa ibsi matarayyasii ilaalchisuun kenname natti toleera. Kanaanis meeshichi haaluma kamiinuu nama dhuunfaa harka galuu akka hindandeenye, garuu ammoo ammaan tana karaa seeraan alaa gara biyyaatti galaa waan jiruuf hawaasni kana hubatee qaamolee nageenyaatiif eeruu akka kennu kan hubachiisuudha.

Meeshaa waraanaa kanaafi rasaasasa, dhoksa albuudota gatii jabeeyyiirratti raawwatamu akkasumas amala maallaqa sobaa (forjidii) ilaalchisuun poolisootaan ibsi bal’aan kennamaa tureera.

Anis eddiin ibsa dhimmootan eererratti kennamaa ture hanga tokko hordofee booda gara mana hidhaa namoonni yakkoota adda addaatiin shakkaman iccitii akka baasaniif itti ergaramaafi mirgisaanii itti sarbamaa ture daaw’achuuf ol seene.

Keessoon kutaalee daran waan dukkanaa’uuf ibsaa bilbila mobaayilii kootiin gargaaramee kanneen cufamaniin ala kutaalee hunda naanna’ee kanin daaw’adhe yoo ta’u, kutaalee keessatti garuu barreeffamoota girgiddaa irra turan irratti  halluun waan dibameef akkan alaa dhagahaa turetti argachuuf hincarroomne.

Namoonni manicha keessatti hidhamanii turaniifi guyyaan ani daaw’adhee maatiifi hiriyootasaanii daaw’achiisaa turan tokko tokko yaada naa qoodaniiru. Isaan keessaa tokko miseensa Kongirasii Federaalistii Oromoo kan ta’e Gurmeessaa Ayyaanoo isa tokko.

Manicha keessa naannessuun kan nu daaw’achiise Gurmeessaan, mooricha keessa kutaaleen Saayibeeriyaafi Sharaatanfaa jedhaman akka jiran natti himeera. Kunis Sharaatan kutaalee biroorra ifa kan qabuufi haalli qabiinsasaas fooyya’aa ta’uu eera. Haalli qabiinsa mirgaas daran jibbisiisaa akka ture dubbata.

Otoo mana hidhichaa daaw’atanii bahanii argadhee kanin dubbise dura taa’aan paartii “Izema” jedhamuufi miseensa paartii Samaayaawwii duraanii keessaa qabamanii moorichatti ji’oota sadiif bara 2006 hidhamanii turuusaanii kan himan Obbo Yashiwaas Asaffaa akka jedhanitti, qabiyyeen manicha tokko tokko jijjiiramuusaafi keessoosaa halluun dibamuu eeran. Halluunis dibamuu akka hinqabneefi kutaaleen cufamanis akkuma jirutti otoo daaw’atamee gaarii ture jedhan.

Ennaa akka lammiitti manicha daaw’achuuf miirri addaa itti dhagahamus bakki Hayilasillaaseerraa qabee tajaajilaa ture haala kanaan jijjiiramee faayidaa biraatiif ooluunsaa adeemsa sirrii ta’uus eeraniiru. Mootummaa kan uumu ummata waan ta’eef adeemsa darbetti akka hindeebi’amneef waldhaggeeffachuun barbaachisaadha jedhan. Seenaan darbe akka irra hindeebi’amneef yaada nama hordofuu sana filachuu barbaachisa.

Keessumaa dargaggoonni bara haaraa kanatti eenyu akka isaan hoogannu filachuu qabu, abbuma argeen oofamuu utuu hintaane isaan dhaggeeffatu hordofuufi filachuu qabu. Dargaggoon miiraan oofamee of maraachee biyya maraachuu hinqabu. Miirri lammiilee bade waan gaariif banamuu qaba” jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

7 Comments to “Maa’ikalaawwii: Mana hidhaa kaleessaa godambaa har’aa -Obbo Yasiiwaas Asaffaa”

  1. Pingback: RO

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *