Finfinnee: Abbaan itti dafqa xuruurratee giphiisaa itti dhadhawate hafee inni boodarra harkasaa dhadhahaa dhufe asii achi gidduu fiffiigee gama lachuu kukkutatee, gamaa gamana waliin dhahee jara dadhabbii irraa qabdu gogaa luqqisee kiishasaa furdise.
Timaatima qonnaan bulaarraa kiiloo qarshii 15 bite bakkaa itti omishamee kiiloomeetira dhibba tokko osoo hindeemin dachaan ol dabalee badiinsaa kun hiyyeessa magaalaa jiraatus kabale.
Gara jabeenyi jaraa inni hamaan himameetuu hindhumuu, tokko nyaatee tokko hinqusatuu inni qonnaan omishe boo’ee inni bitatee fayyadamus gaggabee jara osoo homaa hindhadhabin dadhabbii ummataatiin ummata boochiftu tanaaf mootummaan akkamitti fala dhabee?
Abdii wayiituu mul’ata fakkaataa bara haaraa kana keessa, warri qonna Oromiyaa immoo oduu aagaa odeessaa, osoo oolee hinbulin garuu dalagaan mirkaneessaa.
Bakka hanqinni omishaa hinjirreetti qaala’iinsa gabaa namtolchee uumamaa jiruuf furmaata dhumaa qopheessaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee ni ibsu.
Keessattuu wayitiin ammaa kun kan ayyaanaa ta’uusaatiin walqabatee daldaltootni seeraan alaafi faddaaltotni qaala’iinsa gabaa ta’e jedhanii uumaa jiraachuusaanii himanii, kanaaf immoo caasaan haaraan dhimma kana qofa hordofu ijaaramaa jiraachuu ibsu.
Caasaan uumamu kun faddaaltota gidduudhaa baasee omishtootaafi fayyadamtoota kallattiidhaan kan walqunnamsiisu yemmuu ta’u, hangasiif immoo qonnaan bultootni Oromiyaa kallattii saddeetiin qaala’iinsa gabaa kana furuuf omishasaanii gara Finfinneetti galchaa jiraachuu himu.
Kuduraafi muduraa wayitii ayyaanaa kana barbaadaman haala gahaa ta’een dhiheessuuf yuniyeenotniifi waldaaleen hojii gamtaa bifa qindaa’een iddoo kuusaasaanii sirreeffachaa kan jiran ta’uusaafi yeroo ammaa kanattis giddu gala Aadaa Oromootti baay’inaan dhiheessaa jiraachuusaanii dubbatu.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012
9 Comments to “Qaala’iinsi gabaa namtolcheen ummata boochise, gurmaa’ina caasaa haaraa dirqisiise”