-Kafaltoota gibiraa amanamoo 152f beekamtiin kenname
Finfinnee: Oromiyaatti sassaabbii gibira bara bajataa xumurameetti galiin qarshii biliyoona 19 ol sassaabamu Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa beeksise.
Hooggantuun abbaa taayitichaa Aadde Caaltuu Saanii sirna kaffaltoota gibiraa Oromiyaaf beekamtii kennuu kaleessa Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin, sassaabbii gibiraafi taaksii bara bajataa 2011 galiin qarshii biliyoona 19 ol walitti qabamuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, galiin kaffaltii gibiraafi taaaksiirraa sassaabame kan bara darbee wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu jijjiirama guddaa argamsiiseera.
Bara darbe kan sassaabame qarshii biliyoona 14 ta’uu ibsanii, barana hordoffii cimaa taasifameen gara biliyoona 19tti ol guddachuu ibsaniiru.
Gibira lammiileerraa lammiileef sassaabamu harka caalaa amanamummaan kaffalaa kan jiru hojjetaa mootummaati kan jedhan Aadde Caaltuun harcaatii tokko malee peeroliirraa ji’aan wana cituuf hojjetaan mootummaa gibiraafi taaksii miliqsu akka hinjirre dubbataniiru.
Galii hojjettoonni argatan kan daldalaa wajjin walbira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan guddaatu jira jedhanii, hojjetaan mootummaa galii xiqqaa ji’aan argatu osoo hinharcaasiin kallattiin kutaa jiraachuunsaa kan isa galateeffachiisu ta’uu ibsaniiru.
Galii gibiraa bara kanaa dhibbantaa 65 sassabame kanaaf irra jireessi kan hojjetaarraa sassaabame ta’uus eeranii, gibirri sassaabamu kun gaaffii dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa lammiilee deebisuuf kan ooluudha jedhaniiru. Kanaafuu gibira amanamummaan kaffaluun dirqama ta’uu kaasaniiru.
Namoonni tokko tokko haxxummaafi hattummaa amaleeffachuun gibiraafi taaksii ukkaamsanii qabeenya hinmalleef dhuunfachaa jiraachuus Aadde Caaltuun dubbataniiru.
Kun ammoo lammiin dhama’ee biyyaaf mataasaa jijjiiruuf kaatu akka mudhuku kan godhu ta’uufi mootummaan gocha akkanaatiif obsa hinqabu jedhaniiru.
Keessumattuu daldaltoonni hedduu qabeenyaan fagaatan gibira mootummaa miliqsuun dinagdeen lammiileefi biyyaa akka gaaga’amuu gochaa jiraachuufi dinagdeen jiraachuu Itoophiyaaf lafee dugdaa ta’e Oromiyaa keessaa maddus gibiraafi taaksiin akkaataa karoorfameen sassaabamaa akka hinjirre kan dubbatan ammoo pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaati. Abbootiin qabeenyaa hedduu gibira waliindhahuun gaaffiileen misoomaa lammiilee akka hinfuramne hudhaa ta’aa jirus jedhan.
Abbootiin qabeenyaa gibira miliqsuun durooman akkuma jiran lammiin guyyaatti al tokko nyaachuu dadhabee rakkatu hedduu jiraachuus eeraniiru.
Kun akka hafuuf daldaltoonni dirqama lammummaa itti kenname bahachuu qabu jedhanii, kanneen amanamummaan gibiraafi taaksii lammii deebisaniif beekamtii kennuufi badhaasuun tarkaanfii sirrii ta’uu eeraniiru.
Tajaajilli kaffaltoota gibiraa amanamoof kennamus akka fooyya’uuf kan hojjetamu ta’uus Obbo Shimallis ibsaniiru.
Sirni kaffaltoota gibiraaf beekamtii kennuu kun kanneen haqummaan hojjetaniif jajjabina kan uumuudha jedhanii, warreen hataniifis kana booda obsi akka hinjirre dhaamaniiru.
Kafaltoonni gibiraa tokko tokko yaada kennaniin mootummaan haala kanaan beekamtiifi badhaasa isaaniif kennuusaatti daran kan gammadan ta’uufi kanarraa ka’uun gara fuuladuraattis dirqama lammummaa amanamummaan bahachuuf qophii ta’uusaanii beeksisaniiru.
Waasihun Takileetiin
Suurri Tsahaay Niguseetiin
Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011
7 Comments to “Oromiyaatti gibirarraa qarshiin biliyoonni 19 ol sassaabame”