Finfinne: Biyya haala teessuma lafaa olka’aa baay’inaan qabdu Itoophiyaadhaaf biqiltuu dhaabanii kunuunsuun barbaachisaa qofa osoo hin taane dirqama ta’uu, waggoota kurnan sadeen darbaniif qorannoo damee qonnaarratti gaggeessaa kan turan Agroonomistii Dachaasaa Jiruu ni dubbatu.
Akkuma lafti olka’aan baay’achuun wayita roobni baay’inaan roobu carraan lolaadhaan miidhamuu kan dabalaa adeemu ta’uu himanii, lafa biyyattii keessaa dhibbantaa 40 kan ta’u lafa olka’aa waan ta’eef dhimmi bosonaan uwwisuu waan yeroon kennamuufii hin qabne ta’uu gorsu.
Haala teessuma lafaa olkaa’aan itti baay’atu qabaachuun Itoophiyaa baay’ina rooba argachuutiinis Afrikaa keessaa sadarkaa 2fa irratti akka argamtu kan taasise yemmuu ta’u, roobni baay’inaan argamuun kun immoo carraa haramaafi dhiqama lolaa akka hinqaqqabsiifneef biqiltuu baay’inaan dhaabuufi bosonoomsuun dirqamaa ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Obbo Dachaasaatti, biqiltuu dhaabuufi uwwisa bosonaa dabaluun keessattuu iddoowwan lafa olka’ootiif hedduu barbaachisaadha. Lafti olka’oon yeroo hedduu rooba waan argataniif lolaadhaaf kan saaxilamanidha. Haalli itti fayyadama lafaa biyyattiis rakkoo kan qabu yemmuu ta’u, kun immoo biyyattiin waqtii roobaatti lolaadhaan biyyeen akka haramu taasisaa jira.
Iddoowwan dur bosonaan uwwifamanii turan hedduun yeroon booda babal’ina lafa qonnaatiif jecha fudhatamaa dhufuuniifi looniin rigamee dheedamuunis dhigamaafi harama biyyeetiis sababa guddaa uumaa waan jiruuf sochiin biqiltuu baay’inaan dhaabuu barana adeemsifame murteessaa ture jedhu.
Akka ibsa agiroonomistii kanaatti, lafti biyyattii irra caalaan biqiltuun dhaabamee yeroo muraasa keessatti ga’uudhaan bosona akka ta’uuf haala mijataa kan uumudha. Biyyi addunyaa irraa lafa walii galashee keessaa dhibbantaa 75 bosonaan uwwifte Siwidinitti biqiltuun tokko dhaabamee sadarkaa barbaachisurra ga’uudhaaf waggoota 150 kan itti fudhatu yemmuu ta’u, mukni walfakkaataan garuu Itoophiyatti guddachuudhaaf waggaa 15 qofa isa barbaachisa. Kun immoo haala mijataa biyyattiin biqiltuuf qabdu kan agarsiisuudha.
Torbaanota lamaan fuula dura jiran kanatti immoo mallattoowwan roobni guddaan jiraachuu agarsiisan mul’achaa waan jiraniif hawaasni qarqara laggeenii jiru of eeggannoo gochuu akka qabus dhaamaniiru jechuun kan Gaazexaan ‘The Ethiopian Herald’ dubbisiiseera.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011
4 Comments to ““Itoophiyaadhaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa osoo hin taane dirqama” – Agroonoomistii Dachaasaa Jiruu”