Walta’insa nageeyaafi misooma waliinii cimsu

Finfinnee: Itoophiyaa Lixaatti rakkoolee nageenyaa uumamaa turan furuuf naannoleen afran (Oromiyaa, Beenishaagul Gumuz, Gaambeellaafi Amaaraa) torbee darbe Asoosaatti akkaataa walta’insa nageenyaafi misooma waloo ummattootaa cimsuun danda’amurratti mari’achaa turaniiru.

Kanaanis dhimma nageenya waaraafi misooma waliiniirratti yeroo kamirrayyuu caalaa walta’insaan hojjechuuf kallattiin kaa’ameera. Qindeessaan Waajjira Nageenyaafi Misooma Waliinii naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz Obbo Tashoomaa Dassaalany akka ibsanitti, rakkoolee nageenyaa daangaa naannolee lameeniirratti mudachaa turan furuuf walta’insaan waajjirri qindeessaa nageenyaafi misooma waliinii bara 2009tti labsiidhaan akka hundaa’u ta’eera.

Kanaanis sababoota rakkoo nageenyaa ummata Oromoofi Beenishaagul Gumuz adda baasuuf qorannoo saayinsaawaan adeemsifamaa tureera; yaadni furmaataas mootummaaf dhiyaateera.

Waajjirri qindeessaa kun erga hundaa’ee kaasee nageenya waaraa ummattoota Itoophiyaa lixaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa kan ture yoo ta’u, kanaanis duudhaaleen wajjummaa sabootaafi sablammootaa akka cimu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama misoomaatiinis keessattuu gandoota godinaalee Wallagga Bahaafi Lixaa akkasumas Kaamaashii waliin bu’uuraalee misoomaatiin walqunnamsiisuuf tattaaffii guddaan taasifamaa jira; bu’aan barbaadamus galmaa’aa akka jiru himaniiru. Gara fuulduraattis waliin jireenya ummata Oromoofi Beenishaagul Gumuz, Gaambeellaa, Amaaraa, Tigraayiifi kanneen biroos cimsuuf hoggantoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin walta’insaan ni hojjennaa jedhan.

Ummattootni Itoophiyaa Lixaas mootummaa cinaa hiriiruun nageenyaafi misooma waliinii cimsuuf tumsa gochuu akka qaban gaafataniiru. Bulchaan Godina Anyuwaaki Obbo Ugulaa Ujuruu ammoo akka dubbatanitti, sabootniifi sablammootni Itoophiyaa hedduun godinasaanii keessa karaa nagaafi jaalalaan jiraachaa kan turaniidha. Waggoota dhiyootii as garuu duudhaalee waliin jireenya ummattootaa laafaa waan dhufeef darbee darbee rakkoon nageenyaa mudachaa tureeraa jedhan.

Godinichi Sudaan Kibbaa waliinis waan waldaangessuuf yeroodhaa yerootti hidhattootni daangaa seenanii nageenya sabootaafi sablammootaa jeeqaa turaniiru jedhanii, wayita ammaa garuu qaamoleen nageenyaa naannichaafi federaalaa guutummaatti to’achuusaanii ibsaniiru.

Walta’insa nageenyaafi misooma waliinii ummattootaa cimsuufis kutannootiin hojjechaa jiraachuusaanii himaniiru. Afyaa’iin Mana Maree Beenishaangul Gumuz Obbo Habtaamuu Taayyee gamasaaniin akka jedhanitti, ummattootni Itoophiyaa Lixaa yeroo dheeraaf karaa nagaan waliin jiraachaa waan turaniif seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaan walitti hidhamaniiru.

Kanarraa kan ka’es wayita gammachuufi gaddaatti waliin qooddachuun har’a gahuusaanii dubbataniiru. Haa ta’u malee waggoota shanan darban keessa qaamoleen olaantummaa siyaas-dinagdee biyyattii seeraan ala of harka galfachuuf hojjechaa turan ummattoota gidduutti shira siyaasaa xaxaniin rakkoon nageenyaa akka uumamu ta’eera jedhan.

Kanaanis lammiilee hedduun qe’eefi qabeenyasaaniirraa akka buqqa’an gochuurra darbee lubbuu hedduu gaaga’eera. Gochi badii akkasii lammata akka hinmudanneef mootummootni naannolee afranii hariiroo ummattootaa cimsuurratti cichanii hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.

Gama misoomaatiinis sabootaafi sablammoota godinaalee kanneen akka Kaamaashii, Matakkaliifi Wallagga Bahaa keessa jiraatan walitti hidhuuf yeroo kamuu caalaa ciminaan kan hojjetamu ta’uus dubbataniiru. Hundarra ammoo walta’insi nageenyaafi misooma waloo ummattootaa akka milkaa’uu kutaaleen hawaasaa marti tumsa barbaachisaa ta’e gochuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.

Takkaalliy Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Suurri Tsahaay Niguseetiin

Recommended For You

13 Comments to “Walta’insa nageeyaafi misooma waliinii cimsu”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: link
  3. https://siseniorfoundation.org
    Oh my goodness! Incredible article dude! Many
    thanks, However I am having issues with your RSS. I don’t understand the reason why I can’t subscribe
    to it. Is there anybody else getting identical RSS issues?
    Anybody who knows the solution can you kindly respond? Thanks!!

  4. Pingback: pet camera
  5. pmmc merak bakauheni
    Right here is the perfect webpage for everyone
    who wishes to find out about this topic.
    You understand so much its almost tough to argue with you (not that I actually will need to…HaHa).
    You definitely put a fresh spin on a topic that has
    been discussed for many years. Excellent stuff,
    just great!

  6. Pingback: 토토유저

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *