“Qellam Wallaggaa fuulashee gara misoomaafi nageenyaatti naanneffatteetti” -Obbo Mitikkuu Dheeressaa

Asoosaa: Godinaalee Oromiyaa Lixaa keessaa Qellam Wallaggaan ishee tokko yoo taatu, aanaalee 11fi bulchiinsa magaalaa tokkoon kan ijaaramteedha.

Sirnoota mootummaa darbanirraa kaasee hanga hoggansa ADWUI duraaniitti mormiirra waan turteef rakkoo nageenyaatiin dararfamaa turteetti. Haalli nageenya godinichaa ji’oota afran darbanii asitti sadarkaa gaariirra jiraachuu bulchaan godinichaa Obbo Mitikkuu Dheeressaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, sirnoota darbanirraa kaasee haalli nageenyaa godinichaa tasgabbaa’aa hinturre. Godinichi humnoota siyaasaa Oromiyaa bulchaa turaniifi jiran, akkasumas bulchuuf fedhii qaban gidduutti walitti bu’iinsi uumamaa waan tureef, nageenya waaraafi misoomaa mirkaneessuun hindanda’amnee jedhu. Kanarraa kan ka’e qonnaan bultootni sagantaalee misoomaarraa fayyadamummaasaanii mirkaneeffachuu akka hindandeenyes ibsaniiru.

Daldaltoonnis sochiiwwan sirna daldalaa keessatti haala barbaadaniin hirmaatanii bu’aa qabeessummaasaanii mirkaneeffachuu hindandeenyee jedhanii, ji’oota muraasaa as garuu haalli nageenya godinichaa abdachiisaa ta’uusaa dubbataniiru. Keessumaa ammoo rakkoo nageenyaa uumaamaa tureen haadholeen, daa’immaniifi maanguddoon miidhamaa kan turan yoo ta’u, kunimmoo ummatni godinichaa yaaddoo jireenyaa keessa akka galan taasisuu himan.

Bara 2003 irraa kaasee ammoo haalli nageenya Qellam Wallaggaa sadarkaa yaaddessaarra gahee ture kan jedhan Obbo Mitikkuun, barana garuu rakkoolee turan furuuf mootummaafi ummatni walta’insa cimaadhaan hojjechaa akka jiranis addeessaniiru. Kanaanis nageenyi waaraa mirkanaa’aa kan jiru yoo ta’u, kunis jiraattota godichaatti abdii jireenyaa horuu danda’eera jedhan.

Humnoota siyaasaa meeshaalee waraanaa hidhachuun godinicha keessa socho’aa jiranis karaa nagaatiin akka qabsaa’aniif kallattii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa kaa’een gara ummataatti akka makaman taasifamaa jiraachuus himaniiru. Humnootni kunneen garuu waamicha isaaniif taasifame cinatti dhiisanii ummatarratti itti fufanii waraana kan labsan taanaan akka ‘shiftaatti’ kan lakkaa’aman ta’uus eeraniiru.

Nageenyi ammaan tana godinichaatti argames keessumaa qonnaan bultootniifi abbootiin qabeenyaa fuulasaanii gara misoomaatti akka naanneffatan godheeraa jedhanii, humnoota nageenyaafi misoomasaanii booressurrattis yaadaafi ejjennoo tokko akka qabatan taasiseera. Hundarra nageenya argame akka itti fufiinsa qabaatu gochuuf ammoo abbootiin Gadaafi amantii, akkasumas qeerroofi qarreen walta’insaan hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Tsahaayi Nuguseetiin)

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to ““Qellam Wallaggaa fuulashee gara misoomaafi nageenyaatti naanneffatteetti” -Obbo Mitikkuu Dheeressaa”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Bauc14

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *