Birraa dhufu karri warra Abeebee Tufaa hinbanamuu laata?

Finfinnee: “Warri  kun.. warrana…

                  Siif karra qaalluu labee,

                   Dhufeen manaa si dhabee.

                  Warri Abeebee Tufaadhaa,

                  Karriisaanii cufaadhaa.

                 Warri Abeebee Tufaadhaa,

                 Balballisaanii cufaadha… jedhee kan weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa qe’ee Oromoo, Oromoon irraa salphatee godaanee one ture argeetu.

Finfinneen haandhuura Oromoofi Oromiyaa turte cunqursaa tureen ilmaanshee salphiftee ofirraa ariiteetti. Oromoon lafa, seenaa, eenyummaa, aadaafi afaansaa saamame magaalattiitti marsee taa’ee ilaalaa tureera. Sababa kanaan miidhaan lubbuu, xiinsammuufi qabeenyaa qaqqabe lakkaa’amee hindhumu.

Har’a garuu hamma tokko cancalli ifaa mul’ataa waan jiru fakkaata. Karri seenaafi aadaa cufames tures saaqamuudhaaf abdii waan qabu fakkaata. Gaaffii baroota dheeraa Oromoo Finfinneefi naannawaashee keessaa tokko kan ta’e irreechi Hora Finfinnee Birraa dhufu kabajamuuf murtoorra qaqqabuun isaa hamma tokko abdii uumeera. Tarii kanneen akka Weellisaa Keekiyyaa karra namoota baay’ee rukutan nama jalaa awwaatee balbala irraa banu argatu laata?

Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo ibsa Kibxata darbe kennaniin, qe’ee Oromoon irratti salphatee godaaneetti irreecha kabajuun hiika guddaa kan qabu yoo ta’u, Oromoon hundi bifa nagaa qabuun utuu amantiifi eenyummaa namaatti hinbu’iin tokkummaadhaan kabajuun akka irra jiru ibsu.

“Waan namarraa bade tokko yommuu namaa galu gammachuun fudhatanii, gammadu. Kanaaf Oromoonis kana gammachuun fudhachuun kabajachuu qaba. Namni irreechi kun akka nagaan hingaggeeffamne barbaadu Oromoo miti; Oromoonis isa hinbarbaadu. Kanaaf guyyicha tokkummaafi jaalalaan dabarsuu qabna” jedhu.

Barreessaan Gamtichaa Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa gamasaaniin, ummanni Oromoo aadaafi safuu sabaafi sablammoota waliin ittiin bulu akka qabu kaasanii, osoo walhinjibbiiniifi hinqeeqiin ayyaanota sabootaas kabajaa turuu ibsu. Irreechas bifa miidhagaafi nagaatiin kabajuuf qophiileen hundi waan xumurameef akkuma baratame saboonni biroos irratti hirmaachuun wajjummaasaanii ibsuu qabu jedhu.

Gamtaan Abbootii Gadaas Irreechi Hora Finfinneefi Hora Harsadee Fulbaana 24fi 25 bara 2012 akka irreeffatamu murteessuu ibsanii, Oromoon ayyaanicharratti argamuu danda’u akkuma kanaan duraa haala aadaasaa ibsuun akka irratti argami waamicha dhiheessaniiru.

Abbaa Duulaa Dinquu Dayyaasaas, Irreechi kan ummata Oromoo qofa osoo hintaane kan ummata kuush darbees kan Itoophiyaati jedhu. Kanaaf ayyaanichi bifa nagaan akka xumuramuuf hunduu tumsuu akka qabu ibsu.

Akka waajjira Abbaa Duulaattis Fooleewwan kuma 20 ol huccuu aadaatiin faayamanii  balbala shananirra dhaabbatanii seera kabachiisuuf eegumsaafi sakkatta’iinsa cimaa taasisuun kan hojjetan ta’uu himu. Ummanni ayyaanicharratti hirmaatus akka isaan tumsu waamicha dhiheessu. Bakki irreeffannaa dhiphate yoo bira ga’uun dadhabamees irreechi waldubbisuu waan ta’eef Oromoon nagaa walgaafatee gammadee akka adda ba’u gaafatu.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Admaasuu Waaqgaarii ammoo guyyichi bifa nagaafi miidhaginaan akka kabajamuuf gamanumaa qophiin barbaachisu hundi xumuramuu kaasanii, guyyaan irreeffannaa marii hayyootaatiin sirrachuu akka danda’u dubbatu. Kamtu dursee kabajama inni jedhus galtee hayyoota seenaarraa fudhatamuun kan ibsamu ta’uu addeessu.

Irreechi Finfinneefi Hora Harsadee har’aa boorii akka kabajamu kan murtaa’eef, Oromoon fagoorraa dhufu si’a lama deeddeebi’uurra takkaadhuma hirmaatanii akka deebi’an yaadameetu jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Birraa dhufu karri warra Abeebee Tufaa hinbanamuu laata?”

  1. Pingback: tai sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *