“Waa’ee manni hidhaa dhoksaan jiraachuu hinbeeku” -Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa

Maanguddoo waggaa 72 kan ta’aniifi Komishinii Mirga Namummaa Itoophiyaa kamishinarummaan kan tajaajilan Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa bara 1939 kan dhalatan akka moggaasa duriitti Bulchiinsa Waliigalaa Kafaa, Aanaa Koontaati.

Barumsasaanii sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Magaalaa Jimmaa, bakka dhalootasaaniirraa kiiloo meetira 110 fagaatee argamu deemanii hordofan.  Yunivarsitii Hayilasilllaasee duraanii kan har’a Yunivarsitii Finfinneetiin waamamu  seenuunis Ikonomiksiifi Saayinsii Siyaasaatiin digrii jalqabaa kan fudhatan yoo ta’u, digrii lammaffaa ammoo Ameerikaarraa faayinaansii biyyoolessaatiin eebbifamaniiru.

Gaafdeebiin Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa tibbana dhimmoota adda addaarratti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisan Gaazexaan Bariisaa akka armaan gadiitti qindeeffatee dubbistootasaatiif dhiyeesseera.

Ambaasaaddarichi otoo gara komishinarummaa mirga namummaatti hindhufiin maal hojjetaa akka turan gaafatamanii, jireenyasaanii guutuu dippilomaatummaan kan dabarsan ta’uu ibsan. Komishirummaan biyyaafi ummatasaanii kan tajaajilanis waggoota shaniif ta’uu eeran.

Otoo kallattiidhaan gara dippilomaatummaatti hinseeniin akkuma Ministeera Dhimma Alaa seenaniin hojjetaa kan turan hariiroo biyyoolessaarra ta’uufi bakki kun qajeelchawwan dinagdeefi biyyoolessaa jedhamaa akka tures ni eeru.

Akkuma xiqqoo hojjetaniin wayita sana Jarman Bahaa Itoophiyaa wajjin hariiroo gaarii uumtee waan turteef gorsaa dinagdee ta’anii achitti ramadamanii deemuun waggoota jahaa oliif tajaajilaniiru. Akkuma ADWUIn aangoo qabateen Kooriyaa Kibbaatti embaasii Itoophiyaaf banuuf deeman.

Waan miseensa Dargii ta’aniif yeroo sana bakka sanatti ambaasaaddara taasisanii muuduu hindandeenye. Garuu isaan amananii akka embaasii bananiif erganiiru. “Oggaa warra kaan hidhan na amananii na hojjechiisaa turan. Yeroo sana oggaan embaasii banuuf deemu maallaqa kanaaf oolu akkaawuntii koottin qabadhee socho’aa ture. Maallaqa guddaa waan ta’eef fudhatanii baduuf nama dharraasisa ture. Ta’us amanamummaadhaanin hundumaa hojjetaa ture. Embaasii baneef gara Finfinneetti deebi’e” jedhan.

Yeroo sanatti Gaanaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan turan Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa gara biraa geessuuf waan yaadameef isaan ambaasaaddarummaaf otoo hintaane embaasii keessa akka hojjetaniif (keeriyar dippilomaat) ta’uudhaan gara Gaanaatti ergaman.

Akka isaan jedhanitti, ambaasaaddarummaan akka salphaatti kan kennamu miti. Yoo xiqqaate miseensa paartii ta’uu ykn ministirummaan tajaajiluu barbaachisa. Akkuma Gaanaa ji’oota torbaaf hojjetaniin gorsummaan Niiwuyorki deemi jedhamanii garasitti qajeelan. Dippilomaatonni ramadaman haaraa waan ta’aniif Niiwuyorkiifi Biraasilsitti waantota hedduu akka hojjetanis ni dubbatu.

Ambaasaaddar Xurunaan gaaffii, yeroo sana biyyattiitti sarbi mirga namummaa jira jedhamee dubbatamaa ture. Haala kanaan oggaa komishinara mirga namummaa taatanii filatamtan maaltu isinitti dhagahame jedhamanii gaafatamaniif ennaa deebii kennan:

“Dhimmoota irra diddibanii darbuuf akkan haala mijeessuufiif barbaadanii waan na filatan natti fakkaatee ture. Akkan filatame bilbilaan kan natti himte barreessituu afyaa’ii Marii Bakka Bu’oota Ummataati.Manni marichaa qoqqobbii tokko malee sagalee guutuudhaan na filate. Yeroo gara komishinarummaatti dhufu waanin iddoowwan adda addaatti muuxannoo qabuuf guyyaatti doolaara 300tu naa kanfalama ture” jedhan.

Eddii dhufanii booda waantonni hojjetaman baay’een akka jiran hubachuusaaniifi waantota danuu fooyyessuu akka danda’an abdatanii turuus ni dubbatu. Kanaafis deggarsi seeraa isaaniif kenname banaa ta’uu ibsanii, kunis akka garaatti kan hojjechiisuufi gonkumayyuu addunyaa kamirrayyuu waan fooyya’aa hojjechuuf qophaa’anii akka turan dubbatu. Ta’us seerichi akka barbaadanitti kan tarkaanfachiisu akka hintaaneefi kana ajajni waan baay’ateef hojichas otoo  hinturiin jibbuusaanii eeru.

Ajajni kana hojjedhu sana dhiisi jedhus Ministira Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii duraanii Obbo Barakat Simoon fa’irraa isaan qaqqabaa akka tures Ambaasaaddar Xurunaan dubbatanii,  isaan garuu hojii seeraan kennameef yoo raawwachuufi raawwachiisuu dadhaban dhiisanii akka deeman itti himaa akka turan addeessu.

Sababuma Obbo Barakat wajjin walitti bu’aniif hojii akka gadilakkisaniif qondaalota birootiin kadhatamaa turuusaaniis eeranii, isaanis kanumarraa ka’anii oggaa dhiibbaan xalayaa galchii itti baay’atu xalayaa qopheeffachuusaanii ibsu.

Ka’umsa waldhabdeesaanii oggaa ibsanis,  “Akkuman waggaa tokkoofi ji’a muraasa hojjedheen filannoo bara 2002 nan hordofa, gabaasa dhiyeessaa, hordofuuf ammoo  dirqama kooti waan jedheef isaan ammoo hinta’u waan jedhaniifi. Kanaafuu kana gochuu hindanda’u taanaan haaluma namoonni na gorsaniin gadidhiisuuf otoon qophaa’aa jiruu ministirri muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawwii bilbilanii waan tokko akka hojjetan  gaafataniin.

Wayita kana Obbo Mallas bira waanti akka gahe hinjirreefi akka gadidhiisuuf jedhan kan hinbeekne ta’uu oggaa hubatan ‘maaliifin gadidhiisaree’ jechuun hojiisaanii akka ittifufaniis dubbatu.

Oggaa isaan komishinicha geggeessaa turan jidduseenummaan bal’inaan mul’aachaa turuu kan dubbatan komishinarri duraanii kun, ta’us akka jidduu seenaniif seerri kan hineeyyamneef ta’uu hubachiisaa hojjetaa akka turan himu. Oggaa isaan addababayiitti falmaa turan warri amma bahanii dubbataa jiran callisaa turuus ni dubbatu. “Leencummaan kun amma eessaa dhufe” jedhanii kan ajaa’ibsiifatan ta’uus beeksisaniiru.

Kanaafuu yeroo sanatti waan seerri eeyyamurratti falmaas ta’uun hojii komishinirri mirga namummaa tokko hojjechuu malu ol hojjechaa turuu eeruun, seerichi kan nama hojjechiisu ta’uun ala jidduseenummaa mootummaa akka hineeyyamamne himu.

Hojiilee hojjetaa turan keessaas harka qal’eeyyiifi kanneen humna hinqabne gargaaruun akka barbaachisurratti ejjennoo qabatanii socho’aa turuu ibsu. Fakkeenyaaf magaalaatti oggaa namni tokko hidhamu biyyoonni, dhaabbileenis ta’u matayyoonni waan iyyaniifiif warra nama sagalee ta’uuf hinqabneef hojjechuu akka ejjennootti qabatanii socho’aa turuusaanii eeru.

Dhimma kana fakkeenya biraatiin oggaa ibsan, “Oomoo Kibbaa keessatti yoo ilkaan daa’ima tokkoo inni olii yoo dursee biqile carraa gadhee fida, abaarsa Waaqaati, jechuun kan darbatan jiru. Kun sarba mirga namummaati. Namni dhimma kana kaasu hinjiru” jechuun ibsu.

Mirgi namummaa maatiidhaan, mootummaadhaan, abbaa warraa ykn haadha warraatiin kan sarbamu ta’uus eeranii, sarbamni mirgaa nama hidhamee qofaan kan hinibsamne ta’uu dubbatu. Seerri mirga namummaa oggaa wixinamu waan achi keessa tuuraniifi Niiwuyorkitti dhimma kanaan walqabatee waggoota saddeetiif waan hojjetaniif sarbamni mirgaa haala irranatti eeraniin kan ibsamu ta’uu dubbatu. Kanaaf haallitti hojjetaa turan sirriifi dhugaa ta’uu dubbatu.

Ta’us hojiisaaniitiin ittifufuu barbaadanis kan seerri eeyyamuuf waggaa shan qofa waan ta’eef hojiisaanii akka hinfixne eeruun, yaadnisaanii aanaaleetti bakka gargaarsi seeraa itti kennamu 500 hundeessuu akka ture eeru. Kanneen keessaa isaan kan milkeessan 130 akka ta’es himaniiru.

Hojiisaanii keessatti ‘kana gabaasa keessa galchi, sana ammoo keessaa baasi waanti’ jedhu kan isaan hinmudanne ta’uus AmbaasaaddarXurunaan dubbatanii, gocha akkasiitiif sammuunsaanii kan hineeyyamne ta’uu eeru.

Manneen sirreessaatti sarba mirga namummaatiin walqabatee gaafatamanii oggaa deebii kennanis, “Egaa waanti arge dhugaadha ykn hinbeeku. ‘Maa’ikalaawwii nan deema. Oggaan achitti nama gaafadhu deebiin argadhu waan gaariidha. Tarii kan gaarii qofa natti himaa turan sodaarraa ka’anii ta’uu mala” jedhan. Waa’ee manni hidhaa dhoksaan jiraachuu kan hinbeekne ta’uu eeran”.

Oggaa manneen sirreessaa naanna’anii daaw’atan ibsamuu baatus sirreeffamtoonni sireefi firaashii akka argatan gochuusaaniis eeranii, nyaannisaanii daran gadi bu’aa tures akka sirraa’uufiif gochuusaanii dubbatu. Maallaqni nyaataaf kennamuufiif akka sirraa’u taasisaaniis yaadatu.

Sarba mirgaa manneen sirreessaatiin walqabatee ka’u hinbeeku jedhanii, jijjiiramni amma biyyattiitti dhufe gama mirga namummaatiinis daran gaarii ta’uu ibsu. Garuu hundumtuu madaalliisaa kan eeggate ta’uu akka qabus ni dubbatu. Ammaan tana callisanii nama mana sirreessaa gadilakkisanii lubbuun akka badu gochuun sirrii mitii jechuun qeequ.   

Charinnat Hundeessaatiin

  Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011  

Recommended For You

2 Comments to ““Waa’ee manni hidhaa dhoksaan jiraachuu hinbeeku” -Ambaasaaddar Xurunaa Zeenaa”

  1. Pingback: this article

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *