Tola ooltummaa barsiisummaa kabaje

Maqaansaa Niqoodimoos Saamu’eel jedhama. Dhalatee kan guddate Finfinnee, naannawa Dhagaa Araaraa (Araati Kiiloo)tti. Ammaan tana konkolaachisaa taaksiidha. Galgala galgala ammoo barachaa jira. Kolleejii dhuunfaa tokkotti digriidhaan barataa sooshoolojii waggaa sadaffaati.

Kanaan dura ogummaa tiyaatiriitiin dippiloomaa qaba. Eddii taaksii oofuu eegalee waggaa tokko guutuuf jedha. Gaazexaan Bariisaas akkuma kanaan dura gochaa ture maxxansa kanaanis dargaggoo kabaja barsiisotaaf qabu tola ooltummaadhaan ibsaa jiru wajjin gaafdeebii taasisneerra.

Dargaggoo Niqoodimoos taaksii doolfiin jedhamu keessatti beeksisa Amaariffaan barreeffame kan Afaan Oromootiin, “Addunyaan kan ijaraamte beekumsaani. Abbaan beekumsaa ammoo barsiisota. Ani barsiisota baay’een kabaja. Barsiisonni oggaa konkolaataa kanaan imalan waraqaa eenyummaa agarsiisuu qofaan kanfaltii malee tajaajilamuu danda’u” jedhutu maxxanfamee jira. Anis kanuma ka’umsa godhachuun gochasaa gaarii kana qarreefi qeerroof qooduun barbaade.

Tola ooltummaa

Waantotan raawwachuuf yaadaa ture keessaa tokko tola ooluudha. Waan gaarii gochuuf waanin hinqabne keessaa otoo hintaane waanuma qaburraa ka’uun tola ooluun ni danda’ama.  Oggaan gaarummaa raawwachuu yaadu qaamota tola ooltummaan ta’uufii qabu keessaa ammoo abbaa, madda beekumsaafi ogummaa maraa kan ta’an barsiisota ta’ee natti mul’ate.

Barsiisummaa

Ani bu’aa barsiisota kootiiti. Barsiisota kootiif tajaajila tolaa kennuun qaba jedhee oggaan yaadee murteessu sababoota danuun qaba. Tokkoffaa anuu bu’aa barsiisotaati. Lammaffaa ogummaa barsiisummaa nan jaaladha. Sadaffaa fakkeenyaaf ogummaan addunyaa kanarratti argamu kamuu ka’umsisaa barsiisummaadha.

Barsiisummaan ogummaa kamuurra hojii amanamummaadhaan hojjetamuudha. Barsiisummaan ogummaa malaammaltummaan keessa hinjirreefi dhaloota qaruudha. Barsiisummaan ogummaa mindaa qarshii kuma lamaatiin ogeessa qarshiin kuma 200 kanfalamuuf qaree baasuudha.

Addunyaa kanarra ogummaa hunda horateefi ga’oomsee kan baasu barsiisaa qofa.  Kan biraa gonkumaa hinjiru. Waakkii tokko malee beekumsa qabu mara duguugee barataan akka isa caaluuf dabarsee kan kennu barsiisaafi ogummaa barsiisummaa qofa.

Ogummaa kamirrattuu namni biraa na haa caalu jedhee akka barsiisotaatti kan beekumsasaa qoodu hinjiru, jiraachuus  hindanda’u. Barsiisaan barataansaa isa caalee dhaloota qaroome akka ta’uuf hojjeta.

Sababa barsiisotarratti xiyyeeffateef

Sabootan irranatti tarreesserraa ka’uunin barsiisotaaf kabaja kennuun akka narra jiraatu murteesse. Bara si’anaatti ogummaan barsiisummaa gadibu’uunsaa daran na yaachisa. Duudhaa barsiisummaa kanaan ture abbootiin keenya oggaa nutti himaniifi waan barreeffamerraa dubbisnu bulchaa aanaatti aanee mindaa guddaan kan barsiisotaa ture.

Kanaaf ulfinni barsiisummaa dur ture gadi bu’uunsaa daran na yaachise. Ilaalchi barattoonni barsiisotasaaniif qaban gadi bu’uun keessumaa barsiisonni umriidhaan dargaggoo ta’anirratti dhimmi of kennuufi kutattummaa ka’aa jira. Warri ammaa akka barsiisota durii kutattoota miti. Kun anaaf dhimma yaachisaadha.

Tajaajila tolaa

Dur intalli tokko oggaa barsiisaatti heerumtu akka dinqiitti himamee sirbama ture. Kunis dur barsiisummaan ulfina akkamii qabaachaa akka ture kan agarsiisuudha. Haalli barsiisota si’anaa garuu daran kan nama gaddisiisuudha. Kanaaf ani gama kootiin barsiisota darbanis ta’e isaan ammaa nan kabaja. Kana ibsachuufis tajaajila tolaa kennaafiin jira.

Tajaajila tolaa kana na biraa kan argatan warra ammaan tana barsiisaa jiran qofa otoo hintaane kanneen barsiisummaan tajaajilanii soorama bahanis ni dabalata. Barsiisonnis ogummaa amma harkaa qaban daran kabajamaafi kan addunyaan ittiin ijaaramtu ta’uu hubatanii sirnaan kajanii qabachuu qabu ergaa jedhu dabarsuu barbaadeen tola ooltummaa kana jalqabe.

Dhimma dinagdee

Oggaa haala kanaan tola ooltu gama dinagdeetiin hinmiidhamtuu jedhamee gaafatamnaan, “Gaaffiin kana namoonni baay’een na gaafatu. Fakkeenyaaf akka sirna barsiisa amantiitti namni harka dhibba keessaa 10 akka baasu (galfata) ajajama.  Hojii hojjennerraas mootummaaf gibira ni kanfalla. Waanti namoonni fedhiidhaan raawwatanis jiraachuu qaba. Taaksiin kun kan maatii ta’us qarshiin ani tola ittiin oolu kanuma koorraa cita. Otoo kanin deddeebisu marti barsiisaa ta’anii natti tola, nan gammadas.

Guyyaatti barsiisota tajaajilicha argatan

Guyyaatti barsiisonni hanga 15 ta’an konkolaataa kootiin tola ni imalu. Isaanis daran galateeffatanii bu’u. Waan akkanaa takkaa arganii akka hinbeeknellee dinqisiifannaan natti himu. Nan yaadadhaa dubartiin tokko boocheetti. “Barsiistuu ta’ee waggaa 30 oggaan tajaajilu ilaalchin hojii kootiif qabaataa ture daran gadhee ture. Har’a garuu akkan ogummaa koo jaaladhuufi kabaju naa taasiste” jettee boohaa natti himte.

Barsiisota qofa otoo hintaane namoonni hundi waa’ee barsiisaa akka yaadan taasiseera. Ani guyyaatti Hoteela Turistii hanga Ambaasaaddaritti yeroo 20 nan deddeebi’a. marsaa tokkotti namoota 15n fe’adhee deema. Kanaaf guyyaatti yoo xiqqaate namoonni 200 ta’an waa’ee barsiisaasaanii akka yaadatan ta’eera. Gocha koo kanatti maatiin koo guddaa gammadu, na jajjabeessus. Namoonni biroos na galateeffatanii bu’u.

Miira tola ooltummaa

Tola ooluun miira nageenyaa gonfachuudha. Namni tokko hanguma tola oole nageenya argata. Sammuunsaa boqota. Namoonni tola oolan keessoonsaanii nagaan argata. Boqonnaan jira. Garuu gaarummaa ooluuf gara uumama keenya ganamaatti deebi’uu qabna jedheen yaada.

Fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti namni akkamitti akka uumametu ibsama. Dur namni oggaa uumamu gaarummaadhaan guutameeti. Hamaan kamuu keessoosaatti hinfacaane. Kanaafuu tokko tokkoon namaa iddoo amala uumamaasaa duriitti deebi’uu qaba. Amalli uumamaa durii keenya sun akka Waaqayyo jedhetti gaarummaadha.

Kanaafuu amalli eenyummaa sun deebi’ee dhufuu qaba. Yoo kun ta’e hundi keenya gaarummaadhaan kan guutamne taana. Ba’aa walii baachuu dandeenya. Otoo dhugaadhaan sirriitti itti yaadnee harka qal’eeyyiin biyya kanaa humna warra waa qabaniitii ol ta’eetii? Garuu otoo ittiyaadnee miti. Rakkoon namoota baay’ee humna keenyaa ol ta’ee otoo hintaane ba’aa walii baachuurratti waan duubatti jenneefi.

Ba’aa walii baachuu

Hundi keenya otoo ba’aa walii baannee walqabannee ce’uu dandeenya. Itoophiyaa, Afrikaa darbees addunyaa fooyyofte ijaaruun ni danda’ama. Kanneen hundaaf ammoo bu’uurri barsiisaa ta’uun gonkumaa dagatamuu hinqabu. Kanneen hunda dura bu’ummaan uumanii kan hojjetan barsiisota. Akkuma Waaqayyo ‘ergamtootasaatiin isin ifa addunyaati’ jedhe barsiisonni addunyaa dukkana wallaalummaatiin liqimfamte kanaaf ifa. Ifa kennanii addunyaa dukkana wallaalummaa ibsaniiru.

Seenaa addunyaa oggaa ilaallu jijjiirama suuteetiini kan as qaqqabame. Kanaafuu ifoonniifi jijjiiramoonni addunyaarratti arginu marti kan dhufan beekumsaani. Beekumsa kana ammoo kan facaasan  barsiisota. Barsiisota harkaa dabaree darbaa as qaqqabe. Kanneen addunyaa hogganaa jiran bu’aa  baarsiisotaati.

Hawwii

Otoon tola oolee jedhee durumaa qabee hawwaan ture. Fakkeenyaaf taaskii qabaachuu baadhus waan humni koo danda’een waanuma kiisii koo keessa jiruunin nama gargaara. Mana amantii keessa jirutti tola ooltummaadhaan daa’imman nan barsiisa. Carraa argadhee barsiisotan kabajuu tajaajiluu kootti guddaan gammada. Konkolaataa kanaan gaarummaa akkamiin oola jedhee oggaan yaadu kun naa dhufe. Kanaanis durumaanuu barsiisonni koo keessa koo waan turaniifan isaan tajaajiluu eegale. Ani omishasaaniiti. Isaan dhaloota biratti fuuldura bu’anii mul’achuu qabu jedheen yaade. Hawwiin koos naa milkaa’e jechuudha.

 Hojjetaa waraqaa eenyummaa ilaaluu

Dubbii keenyarratti barsiisonni soorama bahanis barsiisaan ture yoo jedhan tajaajilicha tola argachuu danda’u. Barsiisonni hojiirra jiranis yoo waraqaa eenyummaa hinqabanne barsiisaa ta’uusaanii ibsatanii tajaajilamuu danda’u; jechi idaa amantaa waan ta’eef.

Asirratti kan hubatamuu qabu dhimmichi waa’ee saantimaa miti. Tokko tokkoon barsiisaa oggaa manaa bahu qarshii kanfalee deemuuf qophiidha. Kanatu na mudata jedhee kan yaadu hinjiru. Kan barbaadame garuu yaada tola ooltummaafi kabaja walii kennuu namoota hubachiisuudha. Namni otoo barsiisaa hinta’iin barsiisaadha jedhee irri deddeebiidhaan tajaajilamaa ture waan nu mudateef waraqaa eenyummaa gaafachuu eegalle.

Tajaajilamtoonni koo marti abbaa, haadha, obbolaa kooti. Nan kabaja, obsa, garraamummaafi jaalalaanin tajaajila. Namoota baay’ee wajjin maatii taaneerra. Hojii taaskiirratti waantinni nama qoran yoo jiraatanillee bu’aa barsiisotaa waanin ta’eef jaalalaafi obsa agarsiisuun qaba.

Tajaajilichi

Tajaajilichi barsiisota oolmaa daa’immaniitii qabee hanga yunivarsitiitti jiran mara ilaallata. Barsiisonni amantii kamuus akkasuma. Tajaajilicha argachuuf ‘ani barsiisaadha’ jechuun gahaadha. Kanneen yaadichatti gammadanii qofa nan kanfala malee jedhanii kansaaniis ta’e kan nama biraa kanfalanis jiru.

Keessoo ofii qulqulleessuu

Nama gaarii ta’uufi gaarummaa yaaduuf akkuman irranatti jedhe gara uumamteesaa ganamaati deebi’uu qaba. Keessumaa yeroo ammaa kan yaadu qabnu waa’ee biyya kana guddisuuti. Biyyattii gara seenaashii duriifi olka’insaatti guddisuurratti qofa xiyyeeffannee hojjechuufi yaaduu qabna.

Fakkeenyaaf abbaan koo waggoota dheeraaf barsiisaa ture. Kan jiraatus Godina Baalee, Aanaa Dalloo Mannaa jedhamu keessa. Barasaa hunda kan dabarse barsiisummaafi daarektarummaadhaani. Kana keessatti afaaniin, sabummaa, amantiifi kkfdhaan walqoqqooduufaan akka hinturre odeeffadheera. Biyya kana garaagarummaa tokko malee jaalalaan ijaaruuf hojjechuu qabna. Bara ammaa kana keessa kan waa’ee sanyummaa dubbatu nama hinqaroomne, hibaranneefi biyya diiguudha.

Kanaafuu miira gaarummaa, sammuu qulqulluufi tola ooltummaatiin kaanee waa’ee fuulduratti tarkaanfachuu keenya yaaduutu barbaachisan jedha. Barsiisota qofa fe’ee eessayyuu yoon deeme nan gammada malee kasaaraadha jedhee hin yaadu.

Dhaamsa

Barsiisonni si’anaa aarsaa barsiisonni durii kanfalanii darban yaadachuu qabu. Warri durii sa’aatii lamaa sadii lukaan imalanii barsiisaa turan. Har’a waantonni hundi jijjiiramaniiru. Keessumaa dargaggoonni ogummichi darana kabajamaa ta’uu hubachuufi kabajuu qabu.  

Charinnat Hundeessaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

5 Comments to “Tola ooltummaa barsiisummaa kabaje”

  1. Pingback: sell drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *