Balaa ijaarsarratti muudatuun waggaatti namoonni kuma 60 ol ni miidhamu

Finfinnee: Indastiriin Konistiraakshinii indastiriiwwaan gurguddoo addunyarra jiran keessaa adda duree yoo ta’u, humna namoota hedduu hanga dhibbantaa 20 hirmaachisuudhaanis isa ijoodha.

Akka qo’annoon gara garaa ibsutti, addunyaarraa waggaa waggaan  hojjettoonni kuma 60 ol balaa hir’ina nageenya ijaarsaa waliin walqabatee uumamuun du’aafi miidhaa qaamaa olaanaaf ni saaxilamu. Balaan kun harki caalu biyyoota guddataa jiran keessatti baay’atu yoo ta’u, Itoophiyaattis rakkoon kun bal’inaan kan mul’atu ta’uu qo’annoon dhiyeenya kana ifa ta’e ni mul’isa.

Industiriin Konistiraakshinii Itoophiyaatti saffisaan babal’achaa babal’achuun guddina dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Lammiilee kuma 850 oliifis carraa hojii uumuun hojidhabdummaa hir’isuurratti qooda guddaa fudhateera. Haata’u malee lammiileen dame hojichaarratti bobba’an hedduun balaa du’aafi miidhaa qaamaa cimaadhaaf saaxilamaa jiraachuu qo’annoon dhiyeenya kana iftoome ni mirkaneessa.

Qo’annoon kun Dhaabbata Tajaajila Oduu Itoophiyaatiin qo’atamee, walta’iinsa Biiroo Konistiraakshinii Finfinneetiin kan dhiyaate yoo ta’u, kaayyoonsaas eegumsa nageenya hojjettootaa, haala raawwiifi gufuuwwan damee ijaarsaarratti mul’atan adda baasuufi furmaata waaraa kaahuuf akka ta’e himameera.

Hoogganaan Biiroo Konistirakshinii Finfinnee Injinar Dammallash Kabbadaa akka jedhanitti, damee konistirakshiniirratti fayyummaafi nageenya ogummaa mirkaneessuuf yaadamee seeronniifi labsiileen adda addaa bahanii kan jiran yoo ta’u, du’aafi miidhama qaamaa hojjettootaa hir’isuu hin dandeenye. Hojii miidhaarraa qulqullaa’eefi amansiisaa ta’e uumuufi faayidaa dinagdee damicharra argamu guddisuuf rakkoolee jiran adda baasuufi furmaata waaraa kennuuf qo’annichi gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Hoogganaan Olaanaa  Yaada Ummataafi Qo’annoo Dhaabbata Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Daagim Marshaa argannoo qo’annichaa wayita ibsan, Itoophiyaatti hojmaataafi teknolojiin damee konistiraakshinii fooyya’aa yoo dhufeyyuu biyyoota guddatan waliin wal bira qabame wayita ilaalamu humni nama hinleenjinee baay’inaan damee hojichaa irratti hirmaatanii argamu.

Dhaabbileen ijaarsaa baay’eenis imaammataafi karoora nageenyaa, koree fayyaa, sagantaa balaa dursanii adda baasuufi ittisuu, sirna odeeffannoowwan balaa gurmeessuufi gabaasuu akka hin qabne qo’annichaan adda bahuusaa himaniiru.

Dhiyeessi uffannaa balaa ittisuu gahaa ta’uu dhabuu, hanqinni meeshaaleefi teknolojii, manajimantii konistiraakshinii, hubannoo gahaa dhabuu, raawwii seeraa, to’annoofi hordoffii gahaa dhabuun sababoota gurguddoo balichi akka uumamu taasisaniidha. Rakkoo kana furuuf kontiraktaroonni wayita eeyyama ijaarsaa baasaniifi haaromsan nageenya ilaalchisee bajataafi leecalloowwan guutamuu qaban akka guutaniif dirqama kaahuun furmaata isa jalqaba ta’uu akka qabu eeraniiru.

Dhimmi fayyummaafi nageenya bakka hojii xiyyeeffannoo akka argatuuf hojjettootaaf leenjii hubannoo uumuu kennuu, seerotaafi dambiilee dhimma kana ilaalchisuun bahan hojiicharra oolchuu, dhaabbilee kana hojiirra oolchaan badhaasuufi kan hojiirra hin oolchine eeyyama ijaarsa irra fudhuun  balaa lubbuufi miidhama qaamarra gahuu xiqqeessuun akka danda’amu addeessaniiru.

Wayinisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

2 Comments to “Balaa ijaarsarratti muudatuun waggaatti namoonni kuma 60 ol ni miidhamu”

  1. Pingback: barber Melbourne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *