“Hawaasa tajaajiluun boqonnaa sammuuf malee mindaa qofaaf miti” -Leenjitoota bu’uuraa

Sabbata: Bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaa imalli jijjiiramaa eegalame akka lafa qabatuuf gegeessitootsaa sadarkaalee adda addaatti argamaniif leenjii kennaa tureera. Gaazexaan Bariisaas Sanbata darbe xumura leenjii geggeessitoota bu’uuraa Magaalaa Sabbataatti adeemsifamerratti argamuun leenjitootaafi leenjistoota tokko tokko dubbisseera.

Magaalaa Sabbataatti bulchaa Ganda 01 kan ta’an Obbo Buzaayyoo Baqqalaa akka jedhanitti, rakkoo dandeettiifi bulchiinsa gaariitiin walqabatanii magaalotatti uumamaa turan haalatti furuun danda’amurratti, rakkoolee sadarkaa gandaafi magaalaatti furamuu qabanirratti, rakkoon jiraataan magaalaa, dargaggoonniifi qonnaan bultoonni kaasan maalfaa akka ta’anirratti addaan baasanii furuurratti leenji’aniiru. Komiiwwan kanaan sassaabdummaa kiraan walqabatanii hawaasa biraa ka’aa turan maddasaa addaan baasuurraa eegalee haala ittiin furuun danda’amu irratti leenjiin kan kennameef ta’uus himaniiru.

“Kanaan dura callisameetuma ebelu iddoo kana haa hogganu jedhamee muudamni kennamaa ture. Namichi kun dhaqee maal akka hojjetu, dandeettiinsaa, ga’umsiifi ilaalchisaa, maal akka ta’e keessumaa hubannoon meeshaalee riiformiirratti qabu otoo addaan hinbaafamini ramaddiin geggeeffamaa ture” jechuun adeemsi kanaan duraa sirrii akka hinturreefi leenjiin kenname hubannoo cimaa kan uumeef ta’uu addeessaniiru.

Kanaan dura namni tokko kallattiifi ejjennoo mootummaan biyya bulchu siyaasa, dinadgeefi hawaasummaarratti  qabu irratti ilaalcha akkamii akka qabu otoo addaan hinbaafamiin ramadamaa hinturuus eeraniiru.

Heerarrattis maqaasaatiin ala qabiyyeessaarratti hubannoo ga’aan akka hinturre Obbo Buzaayyoon himanii, maalummaa riifoormii, hoggansaafi hogganaarrattis iftoominni akka hinturre dubbaniiru. Amma garuu hanqinoota kunniin leenjii kennameen addaan baafachuusaanii ibsaniiru.

Ganda tokko raawwataa saddeet qofaan milkeessuun ulfaataa ta’us bu’uura leenjii kennameen gurmuulee adda addaa wajjin yoo hojjetame kallattiin kaa’ame fiixaan baasuun akka danda’amu hubachuusaaniis eeraniiru.

“Leenjii kana booda akkamitti maal akka hojjennu, haala kamiin hawaasa akka tajaajilluufi komiiwwan ka’aa turan akkamitti furuu akka qabnurratti hubannoo guddaa arganneerra. Ejjennoofi ciminaan hojjechuun bu’aa akkamii akka qabu haalatti jijjiiramni addunyaa ajaa’ibsiise biyya keenyatti dhuferraa hubachuun dandeenyeerra” jedhu.

“Nutis leenjii amma matadureewwan adda addaarratti ogeessotaan nuu kennamerratti hundaa’uun gadi buunee hawaasa keenya haqummaafi gahummaan tajaajiluuf qophoofneerra kan jedhan ammoo ittigaafatamtuu Waajjira Misooma Intarpiraayiziifi Industirii Ganda 06, Aadde Simboo Yiggazuuti.

Akka isaan jedhanitti, komii ummanni mataa malee jalli hinjijjiiramne jedhaa ture hubannoo leenjii kanarraa arganneen jijjiirama gubbaatiif miila ta’anii hojjechuuf qophiifi kutannoo guddaadhaan ni hojjetu. Ummannis kana booda leenjii arganneen haqummaafi ga’umsaan akka isa tajaajilu hubachuu qaba jedhaniiru. Sadarkaa gandaatti meeshaaleen teknolojii hojii si’eessuu keessatti shoora olaanaa qaban guutamuu dhabuun akka hudhaatti kan eeran Aadde Simboon, ta’us leenjii fudhatanirratti hundaa’uun haaluma qabatamaa jiru keessatti hawaasasaanii tajaajiluuf qoophii ta’uusaanii beeksisaniiru.

Hawaasaaf tajaajila quufsaafi haqaqabeessa kennuun boqonnaa sammuu kan nama gonfachiisu ta’uun hubatamee, isaanis haaluma kanaan hojii isaanitti kenname kan raawwachiisan ta’uu kan eeran Obbo Buzaayyoofi Aadde Simboon, hojmaataafi adeemsa badaa kanaan dura keessa turre keessaa bahuun ummataafi biyya haqaan tajaajillee seenaa hojjechuuf qophiidha jedhaniiru. Kaka’umsaafi hubannoo leenjicharraa argatan raawwataa isaan jala jirutti dabarsanii kallattii kaa’ame milkeessuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Geggeessaas ta’e raawwataan oggaa abbaa dhimmaa keesummeessu sagalee bilbila mobaayiliinsaa ittiin waamullee kan amantii yoo ta’e nama keessummaa’u gammachiisuu waan hindandeenyeef waan xiqqoo fakkaatanii komii uuman keessaa bahuun otoo sababa hinbaay’isiin ummata tajaajiluun akka barbaachisu leenjicharraa hubachuusaanii beeksisaniiru.

Leenjicha kennaa kan turan ittigaafatamaan ijaarsa ODP Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Obbo Galatee Caalaas gamasaaniitiin, leenjiin kennamaa ture matadureewwan guguddoo afura: seenaa qabsoo Oromoo, sirna federaalizimii, maalummaa hoggansa raawwiifi qabsoo misooma, nageenyaafi dimokraasii irratti jedhaniiru.

Geggeessitoonnis ergama isaanitti kenname beekanii, dandeettiifi hubannoosaanii raawwachiisummaarratti qaban cimsatanii, gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii ummanni dhiyeessuuf deebii akka kennaniif sadarkaa sadarkaan hubannoo waliigalaa uumuuf yaadamee leenjichi kan kenname ta’uu ibsaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Hawaasa tajaajiluun boqonnaa sammuuf malee mindaa qofaaf miti” -Leenjitoota bu’uuraa”

  1. Pingback: suicide bombing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *