“Gochi Gumbii Bordaddeetti raawwatame saba Affaariis Oromoos bakka hinbu’u” -Obbo Fiqaaduu Miliyoon

Finfinnee: Kamisa barii sa’aatii 12:00 irraa kaasee humnoonni hidhannoo qaban gara qe’ee qonnaan bultoota Godina Harargee Lixaa, Aanaa Gumbii Bordoddee, Ganda Gumbii, iddoo addaa Gimjaabeet jedhamu deemuun dhukaasa banuuniifi mana manarra deemuun namoota nagaa ajjeesuufi madeessuusaanii Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Lixaa ibse.

Kanaanis lubbuun namoota torbaa battalumatti kan darbe yoo ta’u, sadii immoo miidhaa cimaan irra qaaqqabee gara Hospitaala Adaamaatti geeffamuufi isaan keessaas tokko galgaluma sana kan du’e yoo ta’u, kanneen hafan wal’aansa argachaa jiraachuu Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Fiqaaduu Miliyoon kaleessa Bariisaaf ibsaniiru.

Gochi kun tasa kan raawwatame ta’uusaatiin ummatarratti naasuu guddaa uumuu kaasanii, yaalii humnoonni poolisii fedeeraalaa, raayyaa ittisaa, kora bittinneessaafi humni nageenyaa naannawichaa taasisaniin jeequmsichi guutuutti to’atamuu eeraniiru. Akka waliigalaattis godinichatti rifaatii uumamerrraa ka’uun ummanni mootummaan namoota gochaa kana raawwatan ariitiidhaan to’annaa jala oolchuun tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu karaa nagaan gaafachuurra kan darbe nageenyi tasgabbaa’uusaa himaniiru.

Odeeffannoo hawaasa naannawaarraa argame bu’uureffachuun akka ibsanitti, gandi gochi kun itti raawwatame daangaa Oromiyaafi Affaar ta’uu kaasanii, namoonni miidhaa qaqqabsiisanis achumaa kan dhufan ta’uu himu. Ta’us qaamonni kunneen saba Affaaris ta’e Oromoo kan bakka hinbuuneefi garee muraasa fedhii mataasaaniin socho’an akka ta’an addeessaniru.

Namoonni gocha badii kana raawwatan barbaadamaa jiraachuu kaasanii, ummannis gama kanaan waan irraa eegamu hunda akka ba’atu dhaamaniiru.  Wanti raawwatame saba kamiinuu akka bakka hinbuune hubatamee gara gocha haaloofi jeequmsa biraatti akka hindeemneef kan hojjetamu ta’uu ibsu. Mootummaan naannoos ta’e godinichaa miidhaa qaqqabeen gadduusaaniifi maatiifi firoota miidhamtootaafis jajjabina hawwuusaanii ibsaniiru. Namoota yakka raawwatan hatattamaan seeratti dhiheessuufis humna guutuun akka hojjetamu addeessaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Gochi Gumbii Bordaddeetti raawwatame saba Affaariis Oromoos bakka hinbu’u” -Obbo Fiqaaduu Miliyoon”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *