Daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii guddina dinagdee si’eessaa jiru

Sabbataa: Sochiin Daandii Baburaa Itiyoo-Jibuutiifi Paarkii Indastirii Adaamaa sadarkaa maaliirra akka jiru beeksisuuf Itoophiyaatti Kaawunsiliin Misooma Dinagdee Chaayinaa Roobii darbe ogeessota miidiyaan akka daaw’atamu taasiseera.

Daandiin baaburichaaMuddee 23 bara 2010 irraa kaasee tajaajila geejibaa kennaa kan jiru yoo ta’u, wayita ammaa fedhii imaltootaa caalaatti eeguuf buufataalee haaraan shan (Labuu, Adaamaa, Dirree Dawaa, Alii Saabeefi Nagaadi) hojii keessa akka galan ta’eera.

Gatiin daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii kan xiyyaaraafi konkolaataa waliin walbira qabamee oggaa ilaalamu madaalawaa waan ta’eef haalli itti fayyadama imaltootaa dabalaa jiraachuusaa hubachuun danda’ameera.

Aadde Samiiraa Ahmad namoota muraasa buufata Labuutti argamuun baabura eeggachaa jiran keessaa tokko yoo ta’an, Dirree Dawaa deemuuf gatii baaburaa qarshii 308 kaffaluusaanii dubbatu. Tajaajilli baaburaa kun bara darbe erga hojii eegalee kaasee itti fayyadamaa waan jiraniif sochii daldalasaanii haalaan si’eessuu akka danda’anis ni himu.

Daandii baaburaatti fayyadamuun maallaqaafi yeroo ofii qusachuuf gargaara kan jedhan Aadde Samiiraan, yaaddoo balaa tiraafikaatiin mudachuu malus daran kan hir’isuudha. Daandii baaburichaatti caalaatti fayyadamaa kan jiran daldaltoota ta’uu himanii, hawaasni garuu faayidaa baaburaatiin imaluurratti hubannoo gahaa akka hinqabne dubbatu. Kanaaf ammoo mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjechuu qaba jedhan.

Daarektarri olaanaa Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Xilaahuun Sarkaa akka ibsanitti, daandiin baaburichaafi Paarkii Indastirii Adaamaa Korporeeshinii Injinariingiifi Konistiraakshinii Chaayinaatiin hojjetamaa waan jiraniif, hojiileen baaburaafi paarkichaa caalaatti ogeessota Chaayinaatiin gaggeeffamaa jira.

Hojiileen pirojektota lameenii kan hogganamu garuu mootummaa Itoophiyaafi Jibuutiitiin ta’uusaa ibsan. Galiin argamus kan biyyoota lameenii waan ta’eef akkaatuma waliigaltee qabaniin fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachuuf walta’insaan hojjechaa jiru jedhan.

Daandiin baaburaa tajaajila geejiba lafarraa si’eessuu keessatti qooda guddaa qaba jedhanii, erga daandiin baaburaa Itiyoo-Jibuutii hojii jalqabee kaasee hanga har’aatti imaltootni kuma 39 daandii baaburichaatti fayyadamaniiru. Kunimmoo galii qarshii miliyoona kudha afuriif kuma 509fi 800 argamsiiseeraa jedhan.

Daandiin baaburichaa lammiilee biyyattiif keessumaa dargaggoota magaalaa Sabbataa, Adaamaa, Mi’eessoofi Dirree Dawaaf carraa hojii bal’aa banuusaa kan ibsan Injinar Xilaahuun, kanaanis hanga ammaatti Itoophiyaafi Jibuutiirraa namootni kuma sadiifi 900 dhaabbiidhaan mindeeffamanii akka hojjetan ta’eera. Bara 2012tti ammoo Itoophiyaarraa qofa dargaggoota kuma sadii ol dhaabbiifi kontiraataan mindeessuuf karoora qabachuusaaniis dubbataniiru.

Ittigaafatamummaa hawaasaa bahachuu keessattis daandiin baaburichaa shoora olaanaa bahachaa tureeraa jedhanii, lammiilee sababa walitti bu’iinsaatiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an deggaruuf midhaan nyaataa dhaabbilee deggartootaafi mootummaatiin raabsamaa turan kaffaltii malee baaburaan akka dhaqqabsiifaman ta’eera. Kanaanis midhaan nyaataa  tooniin kumni 20 kan fe’ame yoo ta’u, gara fuulduraattis rakkoolee hawaasaa furuuf ciminaan ni hojjetamaa jedhan.

Itoophiyaatti ambaasaaddarri Chaayinaa Mistar Taan Jiyaan gamasaaniin akka ibsanitti, hariiroon Chaayinaan biyyoota Afrikaa Bahaa waliin qabdu yeroodhaa yerootti dabalaa waan jiruuf sochiin invastimantii haalaan akka babal’atu ta’eera. Keessumaa ammoo Itoophiyaatti invastarootni Chaayinaa pirojektota meegaa, daandii baaburaa, konistiraakshiniifi paarkiiwwan indastiriirratti bobba’uun guddina dinagdee biyyattii tumsaa jiruu jedhan.

Hundarra ammoo indastiriin bu’uura guddina dinagdee biyyoota guddachaa jiranii waan ta’eef Chaayinaan misooma paarkiiwwan indastirii Itoophiyaa keessatti babal’achaa jiran gama faayinaansiifi humna namaatiin deggaraa akka jirtu ibsaniiru. Paarkii Indastirii Adaamaa keessatti kaampaaniiwwan huccuu addaddaa hodhaniifi guula omishan 19 hojii keessa akka seenan taasifameera jedhan.

Kaampaaniiwwan kunneen ammoo keessumaa dargaggoota naannawichaatiif carraa hojii bal’aa banuurra darbee meeshaalee teknolojii ammayyawaa waliin akka walbaran kan taasisu ta’uu himaniiru. Sharafa alaa argamsiisuun guddina dinagdee kan utubuudhas jedhan.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

5 Comments to “Daandii baaburaa Itiyoo-Jibuutii guddina dinagdee si’eessaa jiru”

  1. Pingback: blote borsten
  2. Pingback: phishing links

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *