Haroo Caamoofi bineensota harocha keessaa haa baraarru

Finfinnee: Haroon Caamoo Naannoo Kibbaa, Godina Gaamoo Magaalaa Arba Mincitti argama. Caamoon haroowwan Itoophiyaan qabdu keessaa Xaanaafi Abbaayaatti aanee sadarkaa sadaffaarratti argama. Haroon Caamoo omisha qurxummiifi naachaatiin akkasumas akaakuuwwan qurxummii hedduu qabaachuun ammoo sadarkaa tokkoffaarratti kan argamu ta’uu dubbatu Yunivarsitii Arba Mincitti qorataan saayinsii bishaanii Doktar Faasiil Isheetuu.

Akka isaan jedhanitti, lageen Siileefi Elgoo balfa magaalota keessaafi biyyee lafa qonnaa irraa dhiqaman guuree gara harochaatti yaa’aa jiraniin daran faalamaa jira. Laga Elgoo qofaan waggaatti tima toonii miliyoona sadiitu gara harochaatti  gala jira. Kun ammoo harochi akka faalamu gochuun bineensonni haricha keessa jiran kallattii lagichi ittiin seenurraa gara biraatti akka baqatan taasiseera. Walhormaatasaanii irrattis dhiibbaa geessisuudhaan baay’inni lubbuqabeeyyii harocha keessaa akka hir’atan taasiseera jedhu.

Haroon Caamoo horsiisa naachaatiin beekamaafi altokkotti jiddugalaan naachawwan 45 arguun ni danda’ama ture. Faalama harocharra gahaa jiruun walqabatee  keessumaa bara 2000 irraa eegalee hir’achaa dhufeera. Naachas ta’e qurxummiin jiraachuufis ta’e walhoruuf bakka cirracha qabu filatu. Bakki cirrachaa jireenya naachaafi qurxummiif mijatu kun ammoo  tima harochatti yaa’uun dhaalamaa jiraachuu dubbatu.

Yeroo ammaa harocha keessatti naachota hedduu walbiratti arguun seenaa ta’eera kan jedhan qorataan kun, waggaa tokko dura hoteelonni Magaalaa Arbaa Minichi keessa jiran hanga nyaatni qurxummii hinjiru jedhanitti  gahaniiru jedhu.

Yuunivarsitiin Arbaa Minici horsiisa qurxummii kana fooyyessuudhaaf qaama harochaa heektaara 100 daangessuudhaan namootni qurxummii qaban akka hinseenne taasifnee hojjechaa jirra. Qaama bishaanii daangeffame kana keessa kiyyeessitoonni qurxummii kamiyyuu akka hinseenne seeraan dhorkamaadha. Seenanii yoo argamanis yabaloofi saaphanni isaanii jalaa ni fudhatama. Ergasii as omishni qurxummii dachaadhaan dabalaa jira. Akaakuun qurxummiiwwan badanii turaniis deebi’anii wal horuu jalqabaniiru jedhu.

Yuunivarsitichi gara fuulduraatti kiyyeessitootaa qurxummii waldaadhaan gurmeessuudhaan qaama harochaa bakkeewwan shan daangessuudhaan qurxummii tutuqaa irraa bilisa gochuun daran akka wal horan taasisuuf hojjechaa jiraachuu kan himan Doktar Faasil, qaama harichaa daangeffame keessa hojii qorannootiif yoo ta’een ala namni kamiyyuu akka hinseenne nitaasifama.

Faalama haroo kanaa furuuf biqiloota naannawaa harochaa dhaabuufi  lafa qonnaa naannawaa harochaa irraa fageessuun barbaachisaa ta’uu kan himan Doktar Faasil, lafti qonnaa harochatti dhiyaachaa dhufuu isaatiin xaa’oofi biyyeen gara harochaatti dhiqamee akka galu ta’aa jira.  Kana ittisuuf hojiin misooma sululaa ykn biqiltuu naannawaa harichaa dhaabuu itti fufuu qaba jedhu.

Kiyyeessaa Habtaamuu Geetaahuun waggoota 28f Haroo Caamoo irraa qurxummii kiyyeessuun jireenya ofiifi maatii isaanii gaggeeffachaa jiraachuu dubbatu. Kiyyeessitoonni qurxummii baay’achuufi saaphanni haaraan ‘laayner’ jedhamu  uraan isaa dhiphaa waan ta’eef  qurxummii nyaataaf hingeenye hedduu qabee ajjeesuun omisha qurxummii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu dubbatu.

Yuunivarsitiin Arbaa Minici qaama harochaa heektaara 100 daangessee erga hojjechuu jalqabee garuu omishni qurxummii dabalaa dhufeera kan jedhan Obbo Habtaamuun, yeroo ammaa guyyaa guyyaatti qurxummii kiiloo hanga 10tti argachaa jiraachuu kan jiran ta’uufi hojiin yuunivarsitichi jalqabe cimee ittifufuu akka qabu gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

6 Comments to “Haroo Caamoofi bineensota harocha keessaa haa baraarru”

  1. Pingback: slot88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *