Miidhaa lolaa dandamachuuf qophiin duraa taasifamus jiraattonni Tajiifi Asgorii yaaddoo keessa jiru

Finfinnee: Lagni Awaash Shawaa Lixaatii ka’ee hanga Arsii qaqqabutti godinaalee shaniifi aanaalee 15 qaxxaamuree gara Naannoo Affaaritti darba .

Lagni kun akkuma ummata biyyattiitiif faayidaa guddaa kennu gaafa guute balaa guddaa qaqqabsiisa. Miidhaa qaqqabsiisuun walqabatee Abbaa Taayitaa Sulula Awaash wajjin hojii guddaan hojjetameera. Baranas abbaan taayitichaa qarshii miliyoona 46 ramadee hojii ittisa lolaa geggeessaa jira.

Haaluma kanaan balaa lolaa tibba gannaa kana uumamu ittisuufi dandamachuuf qophiin duraa taasifamuu Komishiniin Hoggansa Hojii Sodaa Balaa Oromiyaa ni ibsa. Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Iluu ammoo ummanni magaalota Asgoriifi Tajii akkasumas jiraattonni magaalota kanneenii yaaddoo keessa akka jiraniidha kan beeksise.

Komishinarri ittaanaan komishinichaa, Obbo Garamawu Oliiqaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, raaga Ejensiin Meetiworooloojii Biyyaalessaa haala qilleensa gannaa ilaalchisuun kennurratti hundaa’uun iddoowwan adda addaatti ittisi taasifamaa jira.

Keessumaa barana baadiyyaas ta’e magaalotatti iddoowwan baay’eetti lafa dhooqa ta’ee lolaan yeroo heddu miidhu akkasumas bo’oon lolaa timjiidhaan cufamutti miidhaan akka hinqaqqabneef of eeggannoo cimaadhaan hojjetamaa jira jedhan.

Kunis timjii yaa’a lagichaa tinfee jiru keessaa baasuun, laga karaasaa gadilakkisee jiraattota rakkisaa ture biyyeedhaan kaabuu fa’iin kan ibsamu ta’uu eeraniiru. Keessumaa aanaalee Iluufi Ejersa Lafoo, Liiban Cuqqaallaafi Bosatitti barana hojii guddaan hojjetamuusaa himaniiru.

Hojiin dursaa waan hojjetameef miidhaan qe’eerraa buqqa’uufi oyiruun midhaan irra faca’e badaa ture barana yaaddoo guddaa kan hinqabne ta’uu Obbo Garramawu dubbataniiru.

Torban lama dura magaalota Tajiifi Asgoriitti lagni  Tajii guutee miidhaa geessisee akka tures yaadachiisanii, kanas Intarpiraayiziin Ijaarsa Bishaan Oromiyaa ummanni balaa hamaaf akka hinsaaxilamneef hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinaalee Oromiyaa maratti lafa dhooqa ta’ee sababa lolaatiin miidhaa qaqqabu ittisuuf qaama dhimmi ilaallatuuf akeekkachiisni kennamuusaafi darbee yoo rakkoon uumamee walbaraaruun akka danda’amuuf kallattiin kaa’amuufi qophiin taasifamuu beeksisaniiru. 

Dhimma kanarratti bilbilaan Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennan Godina Shawaa Kibba Lixaatti Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Iluu, Obbo Bajigaa Ergixaa akka jedhanitti, hojiin ittisa lolaa laga Tajiirratti geggeeffameefi hojjetamaa jiru amansiisaa waan hintaaneef jiraattonni magaalota Asgoriifi Tajii akkasumas kan gandoota baaddiyyaa naannawichatti argamanii yaaddoo cimaa keessa jiru.

Miidhaa lagni Tajii dhiyeenya qaqqabsiiseen namoonni manasaaniirraa buqqa’an jiraachuus eeranii, qaamni dhimmi ilaallatu naannoofi godinarraa bakkatti argamee haala jiru ilaalus namoota kanneeniif gargaarsi gahaan dhiyaataa kan hinjirre ta’uu beeksisaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 4/2011

Recommended For You

6 Comments to “Miidhaa lolaa dandamachuuf qophiin duraa taasifamus jiraattonni Tajiifi Asgorii yaaddoo keessa jiru”

  1. Pingback: namo33
  2. Pingback: communication
  3. Pingback: cat8888
  4. Pingback: Stilnokt te koop

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *