Konsartiin muuziqaa deggarsa ummata Walloo boru geggeeffama

Finfinnee: Naannoo Amaaraatti ummata Walloo sababoota adda addaatiin qe’eesaaniirraa buqqa’an deggaruuf konsartiin muuziqaa boru waaree booda Galma Barkumeetti kan geggeeffamu ta’uu koreen qophii konsartichaa ibse.

Barreessaan korichaa Dargaggoo Saphaaloo Kadir dhimmicha ilaalchisuun Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kenneen, konsartichi lammiilee naannawa Wallootti sababoota adda addaatiin buqqa’an deebisanii dhaabuufi hariiroo ummatootaa cimsuurratti xiyyeeffatee kan geggeeffamu ta’uu beeksiseera.

Konsarticha Artisti Saaliyaa Saamii koree dhimma kanaaf hundaa’e wajjin kan geggeessitu ta’uu eeree, sagantaa kanarratti ummanni hanga kuma 26 ni hirmaata jedhamee tilmaamamuusaas ibseera.

Konsartii waaree sa’aatii 6:00 irraa eegalee Galma Barkumeetti geggeeffamu kanaaf kuppooniin, tikeetiifi ‘T-shartiin’ qophaa’uu kan eere dargaggoo Saphaloon, qophichaan qarshii miliyoona afur walittiqabuuf koroorfamuusaa himeera.

Qophicharratti Artisti Saaliyaa Saamii dabalatee weellistoonni saboota Affaar, Agawuufi Qimaantifaan Baandii Gaachana Oromiyaa wajjin ta’uun qophiisaanii kan dhiyeessan ta’uu barreessichi eereera.

Konsarticharratti Raayyaafi Wanbaraa dabalatee kutaaleen hawaasaa godinaalee adda addaarraa dhufan kan hirmaatan ta’uu kan ibse Saphaloon, sagantichi ilmaan abbaafi haadha tokkoo galma tokko keessatti walga’anii akka walbarruufillee carraa guddaa waan ta’eef hunduu akka hirmaatu waamichasaa dhiyeesseera.

Milkaa’ina qophichaatiif galmi akka argamu gochuurraa eegalee Magaalaa Finfinneetti waajjiraaleen fayyaa, nageenyaa, elektirikii, bishaaniifi fannoo diimaa deggarsa kan taasisaniif ta’uu beeksiseera.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Konsartiin muuziqaa deggarsa ummata Walloo boru geggeeffama”

  1. Pingback: sex tre em
  2. Pingback: Poppie Toys

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *