“Oromiyaaf kan barbaachisu hoggansa gochaan agarsiisuudha”- Obbo Admaasuu Daamxawu

Finfinnee: Hooggansi kana booda Oromiyaaf barbaachisu kan gochaa malee kan jechaa qofa  ta’uu akka hinqabne hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa beeksisan.

Hoggantichi Obbo Admaasuu Daamxawu ibsa Roobii darbe addatti gaazexaa Bariisaatiif kennaniin hogganaan Oromoof hojjetu jechaan osoo hintaane gochaan dirqamasaa bahuun akka irra jiraatu himaniiru.

Hoggansi bahe kamuu imaanaa ummataa baachuu dagachuu hinqabu jedhanii, faayidaa lammiif jecha aarsaa barbaachisu kaffalee hojii boonsaa hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Jaarraa ammaan tana keessa jirrutti lammiilee keenya afaaniin mooksaa jireenya ofii fooyyeffachuuf fiigichi taasifamu tarkaanfachiisaa akka hintaane eeranii, hogganaan kamuu jecha keessaa bahee of kennee lammiisaatiif hojjechuu qaba jedhaniiru.

Hoggantoonni ittigaafatamummaa lammiif jiraachuuf fudhatan haalaafi bakka mijataa filachuun kan irra hinjiraanne ta’uu hogganichi himanii, bakka ramadamanitti haqaan hojjechuun dirqama aantummaa lammiif qaban agarsiisuu akka ta’e ibsaniiru.

Kun ta’us haalaafi bakka mijataa barbaachaaf jecha ittigaafatamummaa kennameef duubatti dagatanii fiigichi faayidaa dhuunfaa milkeeffachuuf taasifamu sirrii akka hintaane Obbo Admaasuun hubachiisaniiru.

Miirri tajaajiltummaa hokkolaan akka dhabamsiifamuufis ijaarsi dandeettii hooggansawwan sadarkaa aanaa hanga godinaatti jiraniif kennamaa jiraachuus ibsaniiru.

Ijaarsi dandeettii kennamaa jiru kun hudhaalee tajaajiltummaafi qaawwa dandeettii wajjin walqabatee ka’u kan maqsu ta’uun waan itti amanameef xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Sochii gama kanaan mootummaan taasisaa jiru jajjabeessaadha kan jedhan Obbo Admaasuun, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiranis ergamaafi imaanaa lammii fudhatan sirnaan bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

Kaayyoon leenjii kanaa Oromiyaan dirree dimokiraasiin, nageenyi, akkasumas olaantummaan seeraa  itti babal’ate akka taatuuf hoggantoonni haaromsaa of kennanii hojjechaa jiru jedhaniiru.

Akka ibsa Obbo Admaasuutti hooggantoota kuma 57 sadarkaa aanaa hanga naannootti jiraniif ijaarsi dandeettiif gahumsi kennamaa tureera.

Kanamalees gaaffiileen dimokiraasii, misoomaafi nageenyaa lammiileen kaasaa turan akka furamaniif hordoffiifi to’annoon walirraa hincinne akka taasifamus himanii, hooggansi kana beekuun hojiitti seenuu akka qabullee dubbataniiru.  

Leenjii kenname kana boodas hudhaaleen harkifannoo pirojektota gara garaa furamuu eegaluus ibsanii, jijjiiramni kun itti fufaa akka ta’uuf leenjichi sadarkaa gadiittillee kan kennamu ta’uu himaniiru.

Leenjiin hoggansa bu’uuraa aanaalee Oromiyaafi magaalota adda addaatti kenamaa jira.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Oromiyaaf kan barbaachisu hoggansa gochaan agarsiisuudha”- Obbo Admaasuu Daamxawu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *