Labsiin lammiilee sababa misoomaatiin qabeenya isaaniirraa ka’an fayyadamoo taasisu ragga’e

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii hatattamaa bara hojii afraffaa Adoolessa 24 bara 2011 adeemsiseen  labsiilee hojii baankii, gumurukiifi qabiyyee lafaa faayidaa ummataaf jecha gadlakkisaniifi kaffaltii beenyaa fooyyessuuf ba’an akkasumas murtee yaadaa Mana Marii magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaafi filannoo naannawaa ilaalchisuun dhiyaatan irratti mari’atee raggaasiseera.  

Manni marichaa filannoon mana marii magaalota lamaaniifi naannawaa filannoo biyyaalessaa waliin kan adeemsifamu ta’uu mirkaneesseera.

Labsiin faayidaa ummataatiif jecha qabiyyee lafaa gadlakkisuufi haala itti kaffaltiin beenyaa raawwatamu ilaalchisuudhaan fooyya’ee bahe kun lammiilee sababa misoomaatiin lafasaanii irraa ka’aniif beenyaa gahaa akka argatan kan taasisuufi fayyadamummaa saanii kan mirkaneessuufi karaa itti fufiinsa qabuun deebi’anii akka dandamatan kan taasisu ta’uu labsichi ni ibsa.

Labsiin Gumurukiis rakkoolee adeemsa hojii labsii duraanii keessatti mul’achaa turan furuun bulchiinsasaa yeroo fayyadamtootaa kan qusatu, rakkoolee mirga ashuura bilisaan walqabatanii mul’achaa turan kan furuufi meeshaaleen ashuura irraa bilisa ta’uun biyya galan kaayyoo barbaadameef qofa akka oolu kan taasisuudha. Akkasumas kontirobaandii meeshaalee alergiifi olgalcha irratti raawwataa turan kan furu ta’uunis eerameera.

Labsiin hojii baankii fooyyessuuf ba’es lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan misooma hawaas-dinagdee biyyattii keessatti akka hirmaataniif kan jajjabeessu ta’uufi industirii baankii ammayyeessuudhaan tajaajila faayinaansii qaqqabamaafi si’ataa taasisuuf kan gargaaru ta’uu labsicharratti ibsameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

2 Comments to “Labsiin lammiilee sababa misoomaatiin qabeenya isaaniirraa ka’an fayyadamoo taasisu ragga’e”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *