“ Ilaalcha hooggantoota Itoophiyaatiif qabnu haqneerra” -Gaazexeessaa Abduljaliil Abdallaa

Finfinnee: Abduljaliil AbdallaaAmeerkaatti, gaazexeessaa Televizhinii Oromooti (bardheengaddaa gaafa Doktar Abiyyi Magaalaa Minisotaa daaw’atan waltajjicha Afaan Oromootiin geggeessaa ture).

Namoota miidiyaa kana hundeessan keessaa tokko akka ta’eefi ALA bara 1997 irraa eegalee hanga ammaatti waggoota 23f miidiyaa kana keessa hojjetaa jiraachuu ibsa, gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen.

Miidiyaan bilisa ta’e addunyaarra hinjiru kan jedhu gaazexeessaan kun, ‘VOA, ‘BBC, CN fa’is akka bilisa hintaane eera. Hanga rakkoo ummata ofiirra gahaa jiru ijaan arganitti bilisa ta’uun hindanda’amu. Miidiyaansaaniis rakkoofi cunqursaa ummata Oromoorratti raawwatamu ifatti baasuufi dhimmoota mirgaafi faayidaa ummatichaa mirkaneessuu danda’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu dubbata.

“Miidiyaan keenya miidiyaa qabsooti. Maddi odeeffannoo keenyaas ummatuma Oromooti. Rippoortaroota waan biyya keessatti ta’e karaa miidiyaalee hawaasummaa adda addaa sagalee, viidiyoofi barreeffamaan nuuf ergan bakkawwan hundaa qabna. Odeeffannoowwan nuu dhufan hunda garuu utuu adda hinbaafatiin qilleensarra hinoolchinu” jedha gaazexeessaan Abduljaliil.  

Miidiyaan biyya alaa qeerroo gurmeessuu, kakaasuu, ijaaruufi mala qabsoo dhahuun amananii waliin akka qabsaa’an taasisuudhaan mootummaa waraana jabaa qabu jilbeenfachiisuun jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru kanaaf gumaacha olaanaa taasiseera kan jedhu gaazexeessaan kun, wantoota miidiyaan biyya keessaa dhoksuufi hindubbanne ifatti baasee dubbachaa kan ture miidiyaa biyya alaa ta’uu eera. Namoota qabamaniifi ajjeefamanis hordofee gabaasaa kan ture miidiyaa biyya alaati. Utuu miidiyaan biyya alaa hinjirre ummatni waantota biyya keessatti ta’an hunda beekuufi dhagahuu  hindanda’u ture jedha.

Jijjiirama kanaan mirgi bilisaan dubbachuu argameera. Namootni sababa siyaasaatiin hidhamanii turan hedduunis gadlakkifamaniiru. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiran kanneen sababa siyaasaatiin gara biyyaa galuu hindandeenye yeroo ammaa gara biyya galuus ta’e deebi’anii ba’uu danda’aniiru. Jijjiiramichi ilaalcha lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiran hooggantoota mootummaa Itoophiyaaf qabanis jijjiireera jedha.

Jijjiiramni kun hoggantoonni  mootummaa Itoophiyaa duraan biyya alaatti arrabsamaafi tuffatamaa turan yeroo ammaa kabaja guddaan akka simatamaniifi bilisaan akka socho’an taasiseera.Gareen jila Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu kan waggaa darabe Ameerkaa, magaalota Waashigtan, Loosaanjalasiifi Miniisotaa dhufan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraniin akkamitti akka simatamaniifi marii ummata waliin taasifame yaadachuun ni danda’ama jedha.

Hooggantoonni Itoophiyaa gara qabsoo gaaffiilee ummataa deebisuutti waan dhufaniif ilaalcha duraan isaaniif qabnu haqneerra kan jedhu gaazexeessaan kun, miidiyaan keenyas waan gaarii mootummaan hojjete bira ni dhaabbata; waan badaa (yaraa) raawwate ammoo qeequuf duubatti akka hindeebine eera.

“Jijjiiramni kun ni jalqabame malee hinxumuramne. Gaaffiileen ummata Oromoo ammayyuu deebii hinarganne hedduun waan jiraniif xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Waa’een dhimma Finfinnee ammayyuu furmaata hinarganne. Afaan Oromoo guddisuufi dagaagsuurratti sirriitti hojjetamuu qaba. Dhugaa jiru walitti himnee walitti araaramuu qabna” jedha.

Shirri hooggansa Oromoo dadhabsiisuuf raawwatamaa jiruufi gareen ‘Mana Marii Baladaraa’ jechuun of waamu magaalota Oromiyaa keessatti banamaa jiraniifi yaadni magaalonni hundi keenya jedhu dhaabbachuu qaba jedhee ummatni Oromoos dinagdeesaa guddifachuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabuufi hooggantoonni mootummaas waan afaaniin jedhan hojiitti hiikuu akka qaban hubachiisa.

Gara fuulduraatti Gaazexaa Bariisaa wajjinis hariiroo uumnee hojjechuu ni barbaanna kan jedhu gaazexeessaa Abduljaliil, karaa miidiyaalee hawaasummaa adda addaas waliin mari’achuufi odeeffannoo waljijjiiruun akka danda’amu dubbata. Dhimmoota guguddoo gaazexicharratti ba’anis itti fayyadamuun gaazexicha ni beeksifna; odeeffannoo haaraas waljijjiirra jedha.

Natsaannat Taaddasaatiin

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

10 Comments to ““ Ilaalcha hooggantoota Itoophiyaatiif qabnu haqneerra” -Gaazexeessaa Abduljaliil Abdallaa”

  1. Pingback: incestuous sex
  2. Pingback: พรมรถ
  3. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *