Biqiltuu dhaabuun sirba guyyaa tokkoo ta’uu hinqabu

Finfinnee: Doktar Girmaa Mokonnin miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataati. Akka isaan jedhanitti, duulli dhaabbii biqiltuu Adoolessa 22 bara 2011 sadarkaa biyyaatti adeemsifame mootummaan biyyattii haalaafi dhugaadhaan ummata dura bu’ee hojjetuufi karaa agarsiisu jiraannaan ummatni waan raajii hojjechuu akka danda’u kan agarsiisu ture. Duulli biqiltuu dhaabuu kun akka naannoottis ta’e biyyaatti hojii guddaa gochaan  mul’ateedha jedhu.

Ummatni Ministira Muummee Doktor Abiyyi Ahmad taasisaniif kabajee guyyaa sana rooba keessa ganamaa hanga galgalaatti dirqama tokko malee fedhiifi jaalala isaatiin dhaabbii biqiltuu irratti hirmaateera kan jedhan Doktar Girmaan, ummatni guyyaa sana hanga biqiltuun wal hanqatutti ba’ee dhaabaa ture. Duulichi ummatni ajandaa misoomaa irratti yaadaa tokko kan qabu ta’uufi isaa agarsiiseera. Utuu biqiltuun wal hanqachuu baate guyyaa sana rikoordii addunyaa kan yoomiyyuu bira ga’amuu hindandeenyetu galmaa’a ture jedhu.

Dubartii deessee ji’a lama hinguunne, misiroowwaniifi miidhamtoonni qaamaa utuu hinhafiin duula biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaachuun isaanii, ummatni  jijjiirama biyyattii keessatti mul’achaa jiru kan deggaruufi tattaaffii mootummaan hiyyummaa hir’isuuf taasisaa jiru cina hiriiree hojjechaa jiraachuu isaa kan agarsiisudha jedhu.

Duulli biqiltuu dhaabuu kun sirba guyyaa tokkoo ta’uu hinqabu kan jedhan Doktar Girmaan, biqiltuuwwan dhaabaman akkama daa’imaa eegumsaafi kunuunsa gahaa barbaadu waan ta’eef bishaan obaasuun, dallaa itti ijaaruun akka horiin hinballeessine irraa eeguun barbaachisaadha. Biqiltuuwwan dhaabaman abbaa qabaachuu qabu. Namootni dhaabanis yeroo muraasa booda biqiltuu dhaaban deebi’anii ilaaluutu isaan irraa eegama jedhu.

Hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu hojii misoomaa dhaloonni har’aafi borii fayyadu waan ta’eef dhiibbaafi dirqama tokko malee ji’attis ta’u ji’a lamatti dhuunfaadhaanis ta’e gareedhaan dhaqnee ilaaluutu nurraa eegama. Waajjiraaleen mootummaas  akkuma dhaabbii biqiltuu irratti hirmaannaa olaanaa taasisan ji’a lamas ta’u sadiitti sagantaa baafatanii biqiltuuwwan dhaaban ilaaluun kan isaan irra eegamu ta’uu yaadachiisu.

Naannawaa tokko tokkotti ummatni godoo ijaarratee biqiltuuwwan dhaabaman eegaa jira. Biqiltuu kana eeguuf godoo mitii mana naannawaa biqiltuun dhaabametti  ijaarratanii  yoo eegan gaariidha. Qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranis hubannoo hawaasni biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuu irratti qaban gabbisuutu isaan irraa eegama. Biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuun jireenya har’aas ta’e kan dhaloota borii itti fufsiisuudha jedhu.

Namootni hedduun ammayyuu nyaatanii buluudhaaf jecha bosona ciranii cilee gubaafi qoraansaa gurguraa jiru. Namoota kunneeniif carraa hojii biraa utuu hin uumin bosona akka isaan hincirre gochuun furmaata waaraa hinta’u. kanaafuu mootummaan warra bosona ciranii cilee gubaafi qoraan gurguraa jiraniif carraa hojii biraa uumuufiidhaan isaanis ta’e biyyattii badiisa irraa baraaruu akka qabu yaadachiisu.

Kan cilee gubus ta’e qoraan gurguru rakkatee,  beela’ee, hiyyoomeeti waan ta’eef akka isaan gurmaa’anii hojii biraa uummatan gochuun barbaachisaadha kan jedhan Doktar Girmaan, bosonuma eegee bosonicha keessatti kanniisa horsiisuudhaan omisha dammaa akka argatu gochuun barbaachisaadha. Kana ta’uu baannaan ani nan nyaadha ati agabuu buli jechuuniidha ta’a jedhu.

Naannoon Oromiyaa duula biqiltuu dhaabuu kanarratti karoora mootummaan akka biyyaatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf karoorfatee ol  karoorfachuun biqiltuuwwan miliyoona 211.9 dhaabuudhaan  ummatni Oromoo raajii hojjechuu akka danda’u hojiidhaan agarsiiseera. Hirmaannaa ummatani  biqiltuu dhaabuu kana irratti taasise hojiilee misoomaa biroofi nageenya isaa eeguufi tikfachuu irrattis irra deebi’uu akka qabu dhaamaniiru.

Duula biqiltuu dhaabuu kanaan akka biyyaatti  guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 353fi kuma 633fi 660 dhaabuudhaan rikardii Hindiin guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 66 dhaabuun qabattee turte fooyyessuun Itoophiyaan rikardii addunyaa harkatti galfatteetti.

Ministirri Muummee  Doktar Abiyyi Ahmadis, hirmaannaa ummatni biyyattii jaalalaafi tokkummaadhaan duula biqiltuu dhaabuu irratti agarsiiseef galata dhiyeessaniiru. Ummatni biyyattii tokkummaan kaanaan bakka barbaadu gahuu akka danda’us hirmaannaa duula kana irratti taasiseen kan mirkaneesse ta’uu himu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 27/2011

Recommended For You

27 Comments to “Biqiltuu dhaabuun sirba guyyaa tokkoo ta’uu hinqabu”

  1. Pingback: lsm44
  2. Pingback: eat pussy
  3. Pingback: naked women
  4. Pingback: try this out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *