Finfinnee: Rakkoolee jijjiirama qilleensaa to’achuuf pirojektotni mancaatii bosonaa hir’isan bocamuun sochiiwwan addaddaa taasisaa turaniiru. Akka Oromiyaatti pirojektiin bosona Baalee (Harannaa Bulluq) keessatti kaarbonii qulqulluu omishuuf tattaaffiin kan taasifamaa ture yoo ta’u, milkaa’uun qilleensa qulqulluu kaarbonii toonii miliyoona 5.5 omishuun danda’amuusaa beekameera.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa Hasan Yusuuf (PhD) akka ibsanitti, qilleensa qulqulluu kaarbonii omishuun bosona uumamaan jiru karaa namtolcheetiin mancaatiin akka hindhaqqabneef kunuunsa taasisuudha. Kunis kutaalee hawaasaa bosonarratti hirkachuun jiraatan tooftaa biraatti fayyadamuun jireenyasaanii akka gaggeeffataniif karaa kan saaqudha jedhu.
Haala kanaan bosonni Baalee keessumaa waggoota shanan darban keessa akka hinmancaaneef eegumsi barbaachisaa ta’e taasifamaa kan ture yoo ta’u, qilleensi gubataan (kaarbondaayiksaayidiin) qilleensa naannawaatti akka hinmakamneefis hojjetamaa tureera. Kunimmoo waggaa waggaatti qabiyyee lafa bosonichi haguugee jirurratti wayita safaramu qilleensa qulqulluu kaarbonii toonii miliyoona 5.5 qabachuusaa kan mirkanaa’e ta’uu ibsu. Kaarbonii qulqulluu argame kana gurguruuf tattaaffiin addaddaa taasifamaa turuyyuu dhaabbilee ykn kaampaanota bitan argachuun qormaata guddaa ture; hanga har’aattillee hinmilkoofne jedhu.
Kaarboniin qulqulluu bosonicha keessatti argame kun gabaa addunyaarratti gurguramnaan, guddina dinagdee naannichaa si’eessuu keessatti shoora olaanaa bahachuu kan danda’uudha. Bosonni kan kunuunfamu kaarbonii gurgurachuuf qofaa miti jedhanii, rakkoolee jijjiirama qilleensaan dhufan keessumaa hongeen biyyattii akka hinmudanneef shoora guddaa kan taphatu ta’uu dubbatu. Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaas rakkoolee mudataniin ittifamee duubatti deebi’uu akka hinqabne gorsu.
Obbo Mulugeetaa Liibanee ammoo ogeessa olaanaa kunuunsaafi manajimantii bosonaati. Damicharratti yeroo dheeraaf Yunivarsiitii Kolleejjii Wandoo Gannat keessatti qorannoo saayinsaawaa taasisaniiru. Akka isaan jedhanitti, yeroo ammaa addunyaarratti rakkooleen jijjiirama qilleensaan mudatan biyyoota addunyaatti mataa dhukkubbii ta’aa jiru.
Kunis sababoota garagaraatiin mancaatiin bosonaa babal’achaa waan jiruuf, qilleensi qulqulluun uumamaan ture akka faalamu ta’eeraa jedhu. Kunimmoo adeemsa keessa qilleensi gubataa kanneen akka kaarbondaayiksaayidii, naayitrojiniifi miiteniin gara qilleensaatti makaman waan taasiseef, hongeen akka hammaatuuf sababa guddaa ta’uusaa eeran.
Hanga elementoota kanneen qilleensa keessaa hir’isuun ykn bakka qabiyyee qilleensa uumamaa duraaniitti deebisuun qilleensa qulqulluu kaarbonii omishuu ta’uusaa kan ibsan Obbo Mulugeetaan, naannoon Oromiyaa pirojektoota kaarbonii bocuutiin lafa manc’aa ture mukeeniin akka haguugamu hojjetamaa tureeraa jedhu.
Kanaanis bosona Baalee keessatti qilleensa qulqulluu kaarbonii toonii miliyoona 5.5 omishuun kan danda’ame ta’us gurgurtaaf dhiyaatee gabaan dhibamuusaa dubbatan. Kunimmoo rakkoon tokko wayita furamu kan biraan jiraachuusaa kan agarsiisu waan ta’eef, abdii osoo hinkutatiin ciminaan hojjechuu kan gaafatu ta’uusaa mul’isa.
Pirojektiin kaarbonii qulqulluu omishuu kun hanga har’aattillee xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa kan jiraachuu ibsanii, kunis hawaasni bosona mancaasuurra deebisee bosonoomsuutiin qilleensi gubataan akka xuuxamu kan godhuudha. Gama kanaan bosona Iluu Abbaa Boor, Yaayyoo keessatti qilleensa qulqulluu omishuuf hojjetamaa jiraatullee gurgurtaaf kan hingeenye ta’uu eeran.
Gabaa har’aatiin yoo ilaalamu kaarboniin qulqulluu tooniin tokko hanga dolaara shaniitti kan gurguramu yoo ta’u, kana ammoo toonii miliyoona 5.5niin baay’isnaan guddina dinagdee Oromiyaa caalaatti kan si’eessuudha jedhan. Kunis madda galii haaraa waan ta’eef keessumaa kutaalee hawaasa harka qalleessa ta’an gargaaruuf kan oolu ta’uusaati kan ibsani. Kaarboniin qulqulluun biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa keessatti daran kan barbaadamu waan ta’eef mootummaan kaampaanota bituuf fedha qaban waliin walqunnamuu akka qabu gorsu.
Qilleensa qulqulluu kaarbonii omishuuf waggoota shanan darbanirraa kaasee godinaalee Oromiyaa bosonaan haguugaman kanneen akka Baalee, Iluu Abbaa Booraa, Gujiifi Wallagga Lixaatti tattaaffiin olaanaan taasifamaa tureera. Kan Baalee, Harannaa Bulluqitti milkaa’uun danda’amus kaawwan jalqabbiirra jiraachuusaa hubatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011
6 Comments to “Sochiiwwan kaarbonii qulqulluu omishuuf taasifamaa jiran”