Itoophiyaa bosona, nageenya, jaalalaafi dhiifama gonfachiisuun akka barbaachisu ministirri muummeen hubachiisan

Finfinnee: Akkuma biyya keenya bosonni irraa golgolaa’ee bosonaan uwwisuuf kaane Itoophiyaa nagaa, jaalalaafi dhiifama dhabdee rakkataa dhufte tokko taanee nageenya, jaalalaafi dhiifama gonfachiisuu qabna jechuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad dubbatan.

Ministirri Muummeen sagantaa dhaabiinsa biqiltuu miliyoona 200 iftaan geggeeffamu sababeeffachuun ergaa karaa fuula Tiwiitariisaanii dabarsaniin akka jedhanitti, dhimma biyya tokkootiif tokko taanee kaayyoodhaaf yoo kaane waanti nu danqu akka hinjiraanne milkaa’inni ashaaraa magariisummaa keenya raga ta’uu eeranii, akkuma biyya bosonni irraa golgolaa’e uwwisuuf kaane biyya keenya nagaa, jaalalaafi dhiifama dhabdee rakkataa dhufte tokko taanee nagaa, jaalalaafi dhiifama uwwisuu qabna jedhaniiru. Ganna tokkotti biqiltuu biliyoona tokko dhaabuu yoo dandeenye duudhaalee afran biyyaa jechuunis nagaa, jaalala, dhiifamaafi tokkummaa dhaabuufi guddisuun gonkumaa nu hinrakkisu jedhaniiru.

Biqiltuun saba, afaan, amantiifi sagantaa siyaasaa hinqabu, mukoonni hundi kan hunda keenyaati, hojiin hojjennes kanneen hunda gararraadha jechuun kan ibsan Doktar Abiyyi, Adoolessa 22 hundi keenya ganamaan bahuun biqiltoota sirnaan dhaabuun ashaaraa keenya magariisa haa keewwannu, borsus hara haa dhaabbnu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Otoo ganni kun hindarbiin biqiltoota biliyiina afur dhaabnee manii keenya ni milkeeffanna kan jedhan Doktar Abiyyi, milkaa’ina kana fiduuf waajjiraaleen ministeerotaafi hoggantoonni naannolee, abbootiin amantii, hojjettoonni iddoo biqiltuun itti qophaa’utti argaman, ogeessonni qonaafi hayyoonni, ogeessonni aartii, komesiyaanotaafi kanneen birootiif maqaasaaniifi mootummaa RFDItiin galata dhiyeessaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

4 Comments to “Itoophiyaa bosona, nageenya, jaalalaafi dhiifama gonfachiisuun akka barbaachisu ministirri muummeen hubachiisan”

  1. Pingback: บัตร psn

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *