Buufata konkolaataa Adaamaarratti komii konkolaalchistootaa

Adaamaa: Abbaan Taayitaa Geejiba Oromiyaa naannoo Oromiyaatti buufataalee konkolaataa sagal bifa ammayyaawaan waggoota lama keessatti qashii biliyoona 1.7n ijaarsisuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Kanneen keessaa buufatni konkolaataa Adaamaa tokko yoo ta’u, ji’oota sadan darbanirraa kaasee buufata konkolaataa duraanii jijjiiruun tajaajilli geejibaa bakka biraatti akka kennamu ta’eera. Konkolaachistootni Adaamaarraa gara Finfinneefi magaalota addaddaatti ummata deddeebisaa jiran sochiin geejibaa garmalee qabbanaa’aa jira jechuun wayita komatanitti, imaltoonni garuu buufatichi mijataa ta’uu ibsu.

Dargaggoo Amaan Abdii konkolaachisaa taaksii minibaasii yoo ta’u, buufatni konkolaataa duraanii gara haaraatti erga jijjiiramee kaasee sochiin tajaajila geejibaa daran qabbanaa’uu dubbata. Buufatichi dallaa gahaa osoo hinqabaatiiniifi wantootni guutamuu qaban osoo hinguutamiin akka tasaa waan jijjiirameef maamiltoota konkolaataatiin tajaajila geejibaa barbaadan argachuu akka hindandeenye himeera. Haalli to’annoofi qabiinsa dabarees kan duraaniirra laafaa waan ta’eef konkolaachistootni seera kabajuun hojjetan fayyadamummaa isaanii mirkaneeffachuu hindandeenyee jechuun komateera.

Salamoon Ballaxaas konkolaachisaa Adaamaarraa Finfinneetti imaltoota fe’uun deddeebisu yoo ta’u, buufatni konkolaataa haaraa magaalaarraa fagaachuunsaa hojii keenyarratti dhiibbaa uumeeraa jedha. Imaltootnis gara buufatichaatti deemanii tajaajila geejibaa argachuuf akka garaasaaniitti taaksii deddeebisaa argachaa kan hinjirre ta’uu eera. Ijaarsi buufata konkolaataa eegalame yeroo qabame keessatti hatattamaan ni xumurama jedhee abdii qabaachuus dubbateera. Lafti buufatichaas haalaan walqixxaataa waan hintaaneef sirreeffamuu akka qabu himeera.

Obbo Giyoon Asaffaa ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’an, yeroo hunda hojii dhuunfaasaaniif Adaamaafi Finfinnee gidduu geejibaan kan deddeebi’an ta’uu dubbatu. Buufatni konkolaataa inni haaraan haalaan bal’ina waan qabuuf sochii tajaajila geejibaatiif mijataa ta’uu himan. Waliigalaan nageenyi magaalittiifi buufatichaas tasgabbaa’aadha jedhanii, dallaan buufatichaa garuu hatattamaan hojjetamuu akka qabu dubbatan.

Dargaggoo Anwaar Ibraahimis akkuma Obbo Giyoon jiraataa magaalaa Adaamaati. Buufatni konkolaataa duraanii invastimantii biraatiif gurguramee waan jiruuf kan haaraa kun hojiitti akka galu taasifamuusaa gurraa akka qabu dubbata. Buufatni haaraan hanga haalli marti mijatutti imaltootaafi konkolaachistootaaf mijachuu dhiisuu danda’aa kan jedhu Anwaar, misoomas waan ta’eef walta’insaan sirreessaa deemuun barbaachisaa ta’uu eera.

Waajjira Geejibaa Godina Shawaa Bahaatti raawwataa hojii dhimma bobbiifi bulchiinsa buufataa kan ta’an Obbo Musxafaa Kadir akka ibsanitti, Abbaan Taayitaa Geejiba Oromiyaa buufata konkaalaataa duraanii Adaamaa bifa ammayyaawaafi sadarkaasaa eeggateen ijaarsisuuf hojiitti erga seenamee ji’oota afur ta’eera. Kanumarraa ka’uunis magaalittiitti buufatni konkolaataa haaraa banamuun tajaajila geejibaa si’ataa akka kennu taasifameera.

Buufatni tajaajila kennaa jiru dallaa waan hinqabneef darbee darbee nageenya imaltootaarratti rakkoo uumaa waan jiruuf dhimmicharratti bulchiinsa magaalattii waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Caasaaleen nageenyaa godinichaafi magaalittiis qindoominaan hojjechaa waan jiraniif sochii tajaajila geejibaarratti dhiibbaa geessise akka hinjirre himaniiru.

Buufata konkolaataa Magaalaa Adaamaa sadarkaasaa eeggate waggaa tokkoofi ji’oota jahaa keessatti xumuruuf  hojjetamaa jiraachuus beeksisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Hadush Abrahaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to “Buufata konkolaataa Adaamaarratti komii konkolaalchistootaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *