“ADWUI n sharrii durii dhiisuu waan hindandeenyeef jijjiiramnis, ce’uumsis hinjiru” -Pirofeesar Ezqi’eel Gabbisaa

Jimma:  Mormiin ummataa waggoota afuriif taasifamaa ture paartii  waggoota 27f biyyattii bulchaa jiru guutummatti diigee isa birootiin bakka buusuu baatus namootni jijjiirama fedhan paarticha keessatti akka uumamaniifi gara fuulduraatti akka bahaniif carraa kenneera.

Carraa kanatti fayyadamuudhaan jijjiirama siyaasaatiif qophaa’oo kan ta’an namoota muraasa malee paartichi bakkuma durii jiraachuusaafi maqaadhaaf ce’umsa haa jedhu malee shira dur baratan keessaa bahuu kan hindandeenye ta’uu siyaasa biyyattii dhiheenyatti kan hordofan Pirofeesar Ezqi’eel Gabbisaa ni dubbatu.

Bakka imaammanni, tarsiimoofi hojmaatni paartii sanaa hingeeddaramnetti wanti jijjiirama jedhamu kan isaaniif hingalle ta’uu himanii, keessumaa malaanmaltoonniifi hattoonni ummata boochisaa turan ammas aangoorra osoo jiranii jijjiiramneerra jechuun ummatatti qoosuudha jedhu.

Akka ibsa pirofeesarichaatti; namootni muraasni jijjiiramne ofiin jedhanis warra fincila ummataatiin jijjiirama dhufeen carraa argataniifi bu’aa jijjiiramichaa waan ta’aniif  jijjiiramni kun hundeedhaan paarticha keessatti akka jabaatu hojjachuutu irraa eegama.

“Jalqabarratti jijjiiramni haqa qabeessa ta’e ni dhufa jennee abdii qabaachaa turre. Amma garuu haala amma keessa jirru yemmuu ilaallu, jijjiiramnis ta’ee ce’umsi hinjiru. Sababnisaas akka yeroo duraa abdii ummataa kennan sanaan itti fufaa hinjiran. Miseensota paartii biroo keessattuu ABOfi KFO iddoowwan gara garaatti sababa itti barbaadaa hidhuun, aangoo mootummaa harkaa qabanitti fayyadamanii hooggantoota paartiilee sodaachisuufi dhiibbaawwan adda addaa ifatti taasifamaa jiru” jedhan ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin.

Paartiilee dorgomtootaa filannoodhaan nu mo’uu danda’u jedhanii shakkan dadhabsiisaa jijjiiramniifi ce’umsi haqa qabeessi ni taasifama jedhanii eeguun immoo kan ulfaatu ta’uunis ni ulfaata jedhaniiru.

Inumaayyuu haalli amma biyyattii keessa jiru hamaa ta’aa waan jiruuf gara balaa caaluutti osoo hinseenne jijjiiramichiifi ce’umsi sirriin akka jiraatuuf hooggantootni fincila ummataatiin gara aangootti dhufan kunniin halkanii guyyaa hojjachuu qabu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

2 Comments to ““ADWUI n sharrii durii dhiisuu waan hindandeenyeef jijjiiramnis, ce’uumsis hinjiru” -Pirofeesar Ezqi’eel Gabbisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *