“Nummoo bosona ijoollee abbaa Gadaa qabaachuuf biqiltuu ni dhaabna” -Artiistoota Oromoo

Finfinnee: Roobii darbee abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, artiistoonni, daldaltoonniifi hoggantoonni miidiyaa Waajjira Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaayyoo waloo tokkoof hanga galmi isaan hanqatutti walitti qabamaniiru. Kaayyoonsaaniis waamicha ilma abbaa Gadaa, Abbichuuf awwaachuufi.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad ganna kana biqiltuu biliyoona afur, kana keessaammoo iftaan biqiltuu miliyoonni lama akka dhaabamuuf lammiilee biyyattii hundaaf waamicha dhiheessaniiru. Namni tokko biqiltuu 40 akka dhaabuufis imaanaa kennaniiru. Kanumarraa ka’uun lammiileen biyyattiis biqiltuu dhaabuu eegalaniiru, Adooleessa 22 ammoo isa jedhame guutuun addunyaarratti seenaa galmeessisuuf kutatanii ka’aniiru.

Sagantaa iftaan gaggeeffamurratti adda durummaan akka hirmaataniif gama mootummaa naannoo Oromiyaatiin abbootii Gadaafi abbootii amantii, artistootaafi daldaltootaaf ittigaafatamummaa guddaan kennameera.

Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa walakkaa ol Oromiyaarraa waan eegamuuf hojiin ilmaan abbaa gadaarraa eegamu dachaa ta’uu eeranii, kanaaf ammoo kutaaleen hawaasaa hundi addadurummaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Guyyicha  guyyaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane guyyaa tokkuummaan jiraannaan waa hunda fiixaan baasuun akka danda’amu itti agarsiifamu waan ta’eefis hiiknisaa akka laayyootti kan ilaalamu akka hintaane eeranii, artistoonniifi daldaltoonni mata mataan biqiltuu 40 utuu hintaane 200 dhaabuun ummata akka kakaasan gaafataniiru.

Oromiyaa keessa hiyyummaan hiyyummaa gadii %24 kan qaqqabe yoo ta’u, miidhamni dhufaa jiru yoo dafamee itti dammaqamee hojjetame malee qaanessaa ta’uu eerru. Kanaaf immoo sababni guddaan uumamni baduu waan ta’eef kana bakkatti deebisuufi misoomsuun dirqama ta’uu ibsu.

“Dhimmi of misoomsuu siyaasa miti. Hiyyummaa keessaa ba’uuf hunduu tokkummaan hojjechuu qaba. Aangoon siyaasaa Oromoo hiyyummaa keessaa hinbaafne hallayyaa haa seenu. Oromoon dingadee  hinqabu taanaan injifannoo waan hinqabneef dhimma Oromiyaa ijaaruurratti hunduu tumsuu qaba. Duudhaa Oromummaa duriitti deebi’uun uumama kunuunsuufi bakkatti deebisuun dirqama” jedhu.

Hirmaattonni sagantichaas akka biyyaatti bosona jiru bosona Dargii jedhamanii akka beekaman kaasanii, isaanis bosona ijoollee abbaa Gadaa jedhamu dhalootaaf dabarsuuf baay’ina eerameen biqiltuu akka dhaaban waadaa seenaniiru.

Komeediyaan Lij Yaareed, kana dura guyyaatti qarshii miliyoonni 200 haatame yommuu jedhamu malee biqltuu miliyoonni 200 dhaabame gaafa jedhamuu dhaga’amee akka hinbeekne kaasee, karoora qabame milkeessuufi waa’illansaa kuteenyummaan akka hojjetan ibsa.

Walisorraa  kan  dhufaniifi  daldalaa fuduraafi muduraa kan ta’an Obbo Malaakuu Badhaasaas, hojiin biqiltuu dhaabuu kan guyyaa tokkoo qofa osoo hintaane kan yeroo hundaa ta’uu akka qabu kaasanii, guyyicha isaan maatiisaanii wajjin biqiltuu 500 dhaabuuf qophaa’uu ibsu. “Namoonni tokko tokko konkolaataasaanii gaaddisa jala dhaabuu barbaadu, ofiifis gaaddisa jala taa’uu barbaadu; garuu muka dhaabuu hinjaalatan. Kun sirrachuufi hunduu biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu qaba” jedhu.

Qasiis  Balaay Makonninis gamasaaniin, Oromoon gaafa eebbisu “sanyii sadeeniin daraaraa” jedhee akka eebbisu dubbatanii, kunneenis, dhala, horiifi biqiltuu waan ta’eef Oromoon hundi biqiltuudhaan badhaadhuuf dhaabiinsasaarratti hirmaachuu qaba. Abbootiin amantiifi  abbootiin Gadaas kanuma barsiisuu akka qaban ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *