Gaazexaan Bariisaa torbanitti al sadii maxxanfamuufi

Finfinnee: Waggoota 42 darbaniif torbanitti al tokko maxxanfamaa kan turte Gaazexaan Bariisaa torbanitti al sadii maxxansiisuuf karoorfamuu walittiqabaan Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa ibsan.

Walittiqabaan boordichaa, Obbo Kaasaahun Goofee, sirna eebba gaazexoota jijjiirama keessa galan sababeeffachuun Kibxata darbe qophaa’erratti haasawa taasisaniin akka jedhanitti, Gaazexaa Bariisaa ammaan tana torbanitti al tokko qofa maxxanfamaa jirtu dhiyeenyatti torbanitti al sadii gochuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, dhaabbatichi bara ittaanu afaanota Tigreefi Somaaleetiinis gaazexoota maxxansiisuu ni eegala. Kompileeksii miidiyaa maxxansaa ijaaruufis karoorfateera. Jijjiiramni qabiyyeefi danaa gaazexoota dhaabbatichaarratti mul’ataa jirus onnachiisaadha.

Adeemsisaan hojii dhaabbatichaa, Obbo Geetinnat Taaddasaa gamasaaniitiin, gurmaa’ina keessoosaa fooyyessuufi rakkoo mana maxxansaasaa furachuun hojmaatasaa ammayyeessuuf hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Saganticharratti keessumummaan kan argaman hundeessaafi gulaalaan duraanii Gaazexaa Bariisaa, Doktar Mahaadii Hamiid Muudee (Abbaan Bariisaa) yaada kennaniin, Afaan Oromootiin qofa galeettiifi  hanga kan taatee Gaazexaan Bariisaa waggoota 42n darbaniif otoo hinguddatin torbanitti al tokko qofa maxxanfamaa jiraachuunshee sirrii waan hintaaneef haala baay’ina ummata Oromoo wajjin walgituun guyyaa guyyaadhaan maxxanfamuu qaba jedhaniiru.

Habbaan (koppiin) Gaazexaa Bariisaa oggaa isaan qopheessaa turan kuma 20 tures ammaan tana gara kuma 10tti gadi bu’uun kan isaan gaddisiise ta’uus himaniiru.

Gaazexittiin baasiidhaan akka of dandeessuufis dhaabbileen mootummaas ta’an kan dhuunfaa beeksisasaanii achirratti baafachuu akka qaban eeranii, manneen barnootaafi jaarmiyaaleen gara garaas gaazexicha fudhachuu akka qaban gorsaniiru.

Isaanis jireenyasaanii, biyya Ameerikaatii oggaa deebi’an guddina Gaazexaa Bariisaatiif hanga humnasaanii kan gumaachan ta’uus gaafdeebii gaazexicha wajjin taasisaniin himaniiru.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa Gaazexoota Bariisaa, Al Alam, Addis Zaman, Za Itoophiyaan Heeraaldiifi akkasumas barruu Zaman jedhamtu afaanota afuriin torban, guyyuufi ji’a lamatti al tokko maxxansiisee ummataaf dhiyeessaa jira.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 20/2011

Recommended For You

One Comment to “Gaazexaan Bariisaa torbanitti al sadii maxxanfamuufi”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *