“Oromoon walirratti duuluu dhiisee waliif duuluu eegaleera” -Obbo Abbaaduulaa Gammadaa

Finfinnee: “Yeroo kaan diinaan cabaa, yeroo biraa immoo ofii walcabsaa ofiis salphannee sabas salphisaa turre.  Kan ta’uu malu garuu walitti iyyuu osoo hintaane, waliif iyyuu, walirratti duuluu osoo hintaane waliif duuluu, walsakaaluu osoo hintaane walutubuudha.

Fedhiin dhuunfaafi ilaalchi siyaasaa nuti qabnu gara gara ta’us, dantaa ummata Oromoorratti waliin dhaabbachuutu nurraa eegama. “

Haasaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa (walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa) sirna wal harkaa fuudhiinsa kennaa hawaasni Oromoo Ameerikaa jiraatu waldichaaf arjoomerratti dubbatan keessaa kan fudhatame.

Dubbiisaanii itti fufuunis; keessattuu yeroo dheeraaf mootummaa mormudhaan kan beekamu hawaasni diyaasporaa jijjirama siyaasaa eegalameen wal qabatee ilaalchi ture sana cabsee har’a mormurraa gara deeggaruutti ce’uunsaa hawwii yeroo dheeraaf ture kan mirkaneesse ta’uus ibsaniiru.

Deegarsa maallaqaafi meeshaa caalaa har’a ummanni Oromoo kan barbaadu tokkummaafi jaalala ilmaansaa ta’uu himanii, kennaan kunis jalqabbii imala milkii sabichaa kan agarsiisu waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabus gaafataniiru.

Laaptooppiin 139, televiziyoona 25fi konkolaataan sadii kennaan hawaasni Oromoo Ameerikaa kaabaa jiraatu waldichaaf laatan yemmuu ta’u, maallaqatti yemmuu shallagamu qarshii miiliyona 4.3tti kan tilmaamamuudha.

Kanaan alattis barattoota mana barumsa bultii addaa waldichaatti baratan shaniif carraan iskoolaarshiippii kennamuunsaas ibsameera.

Hawaasni diyaasporaa deeggarsichaaf dhufanis haalli mijannaan kana caalaa lamiileesaanii bira dhaabbachuuf fedha guutuu kan qaban ta’uufi deegarsa waldichaaf taasisanis cimsanii kan ittifufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Oromoon walirratti duuluu dhiisee waliif duuluu eegaleera” -Obbo Abbaaduulaa Gammadaa”

  1. Pingback: toto slot
  2. Pingback: 가입머니 5만

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *