“Sirni Gadaa rakkoo har’a Itoophiyaas ta’e gaanfa Afrikaa mudachaa jiruuf furmaata” -Hayyoota

Jimma:  Seenaan abbaa wallaaltee dharri dharaan abbaa hinmallettti maxxante. Dhugaan wallaalaan bakka buutee ragaa sobaatiin haqa moote. Haqni dabdee kijibni qajeelte. Abbaa haqaa qaanfachiiftee isa dharaa afuuffee kijibaatiin boonsite.

Oromoon gaafa diinaan cabe dhugaasaa dhabe, aadaafi seenaasaas mulqamee isa ormaatti buluuf dirqame. Ormi Oromoo cabse sun aadaafi duudhaa biroo itti fe’uuf hamma yaalu osoo gaafas kansaa waliin fudhatee har’a akkanatti salphataayyuu?

Dimokraasii uumamaa balleessanii kan saayinsii barsiisuuf yaalanii barataa barsiisaasaa barsiisu ta’anii ashaboon fuula dhiqatan.

Har’a yeroonsaa geenyaan dhugaan dubbattee dukkana keessatti iftee mul’atte.

Korri  Idil Adunyaa Qorannoo Oromoo duudhaa dur Oromoon ittiin of bulchaa ture sana deebisuufi dhaloota egereetiif dabarsuurratti xiyyeeffate Yuunvarsiitii Jimmaatti taa’ameera.

Ummanni Oromoo durirraa kaasee sirna bulchiinsa ofiisaa kan qabu ta’us dhiibbaa moototni Itoophiyaa isarratti taasisaa turaniin addaan kutuusaafi calcala bilisummaa amma argamaa jirutti fayyadamuudhaan sirna bulchiinsasaa duriitti deebi’uu kan qabu ta’uu koricharratti ibsameera.

Sirni bulchiinsa Oromoo inni ganamaa kun immoo ummata Oromoo duwwaaf osoo hin taane rakkaa yeroo ammaa Itoophiyaafi gaanfa Afrikaa mudachaa jiruufis furmaata guddaa ta’uu Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Jimmaa Jamaal Abbaa Fiixaa (Phd) ni dubbatu.

Hayyoonni Oromoo hundi garaa garummaa ilaalcha siyaasaatiin ala sirna bulchiinsa ummata Oromoo isa ganamaa deebisuu keessatti shoorasaanii bahachuu akka qaban kan gaafatan Piresdaantichi, Yuunvarsiitiin Jimmaa immoo Kora kana fakkaatu yeroo 4faf qopheessunsaa quuqama Oromummaa ganamaatiif qabu kan agarsiisu ta’uu himu.

Beektotni Oromoo qorannoowwan ummaticha fayyadan dhiheessuu qofa osoo hintaane paartii siyaasaa fedhanitti hirmaatanii adeemsa bilisummaa guutuu sabichaa mirkaneessuuf taasifamu deeggaruu akka qaban kan akeekkachiisan immoo Pirofeesar Maraaraa Guddinaa, biyya haqaan hinijaaramne keessatti haqa argachuun tumsa saba bal’aa kan barbaadu ta’uu waraqaa qorannoo dhiheessan irratti ibsaniiru.

Wanti Oromoo jalaa bade heddu waan ta’eef heddu taane barbaadachuu qabnas jedhaniiru.

Korichi qorattootaafi hayyoota Oromoo guutuu Addunyaa irratti argaman hedduu kan walitti fide yemmuu ta’u, qorannoowwan gara garaa 32 ta’anis dhihaataniiru.

Yunvarsiitii Jimmaatti Inistitiyuutii Qorannoo Oromoofi Neetworkiin Qorannoo Oromoo Ingiliiz jiru koricha kan qopheessan yemmuu ta’u, Korri walfakkaatuuufi carraafi sodaa seenaa, aadaafi afaan Oromoo irratti xiyyeeffatu bara darbe Yuunvarsiitii Wallaggaatti  qophaa’uunsaa ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

  Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

5 Comments to ““Sirni Gadaa rakkoo har’a Itoophiyaas ta’e gaanfa Afrikaa mudachaa jiruuf furmaata” -Hayyoota”

  1. Pingback: fortnite hacks
  2. Pingback: fuck girl
  3. Pingback: slot88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *