Ummanni miliyoona 16 keemikaala filoraayidiitin miidhamaa jira

Finfinnee: “Bareedduu ilkaan aannanii” inni jedhu shamarran sulula qiinxamaa (riftivaalii)tiif faarsuu osoo hintaane arrabsuu fakkaata.  Dubartii martii gaaddisaa, tan fuulli daaw’itii, tan ijji ji’a goobane fakkaatutu diimina ilkaaniitiin bareeda afaan ajaa’e ta’aa jira.

Dargaggoota uumamaan guutuu ta’anii dhalatantu mudaa ilkaanii kana qofaan akka nama waggaa heddu tamboo xuuxeefi jimaa qama’eetti ilkaansaanii diimachuun yakka hindalagneef ittigaafatamummaa itti fe’aa jira.

Daa’imman reefu dhalatantu dhukkubbii lafee dugdaatiin lafaa ka’uu dadhabanii osoo daa’imummaaf daa’iman jaarumni itti dhufaa jira.

Kun hundi riiftivaalii keessatti dhalachuusaanii duwwaan miidhaa uumamni isaanirraan gahaa jiru yemmuu ta’u,  bishaan keessatti baay’achuun keemikaala filooraayidii immoo abbaa rakkoo kana hundaati.

Biqiltuu Dawoo, Godina Shawaa Bahaatti jiraattuu Aanaa Booraa yemmuu ta’an, maatiishee keessa namni ilkaan adii qabu kan hinjirre ta’uu ibsiti.  Ilkaan diimachuun waan baratamaa ta’us yeroo ammaa kana garuu gara lafee dugdaa miidhuutti ce’aa waan jiruuf dhimmichi yaaddessaa ta’aa dhufuus ni dubbatti.

Sulula qiinxamaa keessatti ummanni miiliyoona 16 ta’u rakkoo hamaa kanaaf saaxilamuu kan himan immoo Daariktera Olaanaa Dhaabbata Walgargaarsa Oromoo /’OSHO’/ Dr. Mulugeetaa Dabbabaa, sochii dhaabbannisaanii hanga ammaatti taasiseen ummata kuma 100 baraaruun kan danda’ame ta’uu ibsu.

Bishaan keessatti baay’achuun filooraayidii kun iddoowwan dur ni jiraata jedhamee hin yaadamnettis argamaa jiraachuun  sochii qaama muraasaatiin rakkoo kana to’achuuf yaaluu qormaata keessa galchaa kan jiru ta’uusaatiin  tumsa qaamota hundaa kan fedhu ta’uus ni ibsu.

‘OSHO’n yeroo ammaa qoricha rakkoo kanaa biyya keessatti omishuu kan jalqabe ta’us, qoricha kana kutaa hawaasa hunda biraan gahuun garuu ammas hindanda’amne.

Istaandardii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa baaseen filoraayidiin bishaan liitira tokko keessa jiraachuu qabu 1.2 yemmuu ta’u, biyya keenyatti garuu liitira tokko keessa hamma 30tu argama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

5 Comments to “Ummanni miliyoona 16 keemikaala filoraayidiitin miidhamaa jira”

  1. Pingback: k2 paper sheets,
  2. Pingback: ấu dâm

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *