Irreechi birraa dhufu walargaan handhuura Oromiyaa, Hora Finfinneetti

Finfinnee: Oromoon sirna Gadaatiin bula. Duudhaalee sirna Gadaa keessaammoo Irreechi isa tokko. Irreessi galateeffannaadha. Waaqa isa seeroota hintuqamne ja’aan, lafa, samii, tulluu, malkaa, abbaafi haadha uume galateeffata. Kanas yoo dhuunfaan ta’e yeroo hunda ganamaafi galgala, yoo gamtaan ta’emmoo waggaatti al lama malkaafi tulluutti ba’uun irreeffata.

Malkaarratti kan eebbifatu “Waaqa dukkana keessaa nu baste barii birraan nu geesse galata kee” jechuun galateeffata. Tulluurratti immoo “Waaqa bona keessaa nu baaste arfaasaa nu ofkalchii” jedhee galateeffatee kadhata. Kanas araddaawwan qubatee jiru maratti adeemsifata.

Horawwan Oromoon irratti irreeffatu keessaa Horri Finfinnee isa tokko. Irreechi hora kanatti irreeffatamu barootaaf addaan citee turus waggaa dhufurraa kaasee akka deebi’u Pirezdaantii Ittaanaan Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa walga’ii Caffee torban kan taa’amerratti ibsaniiru. Kanaafis gamanumaa qophiin eegalameera.

Dhimma kana ilaalchisuun Hayyuun Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee dubbisneerra. Akka isaan jedhanitti, Oromoon Finfinnee hora Finfinneerratti irreeffataa ture. Finfinneen akkuma beekamu ardaa muudaati. Kan warra Qaalluu wiirtuu sirna Gadaati. Oromoon kallattiilee maraa kan keessatti argamuudha. Horawwan gurguddoo magaalattii keessaa Horri Finfinnee isa ulfoo ta’uu Gadaan ni ibsa.

“Hora Finfinnee, kurnan Finfinnee keessaa Fittaaltu argate. Innis Aabboo waamee “Firriifi hambi irratti haa horu” jedhee araddaa kana eebbisee itti kenne. Kanaa booda Gullalleen irratti abboomee abbaa meendhachaa ta’e. Haala kanaan Oromoon hanga mootummaan Hayilasillaasee dhufee isa dhorkutti naannawuma sana qubatee irreeffataa ture. Sana booda dhiibbaa tureen Oromoon horicharraas Finfinneerraas fagaachaa deeme” jedhu.

“Horri kun bakkee amma ‘Filwuhaa’ jedhamee beekamuudha. Horichi hamma Aqaaqiitti deema. Kana malees Oromoon horawwan itti irreeffatu biroos qaba ture. Laga Qabbannaa, Aqaaqii Hora Basaqaarratti (ammayyuu ni irreeffatama), Boolee Arraabsaammoo Hora Caancootti, Qaallittii naannawa amma ‘Gootaraa’  jedhamu, Malkaa Labuurrattifaa Oromoon akka ammaa waalta’ee osoo hintaane haaluma mijateefiin Masqalli ba’ee guyyaa sadaffaarraa kaasee irreeffataa ture” jechuun seenaa yaadachiisu.  

Akka ibsa hayyichaatti, Finfinneen bishaan ishee soogidda soogidda waan jedhuuf horiifi namaaf gaariidha jedhee durumaa kaasee Oromoon irratti irreeffata.  Irreechi bakkee qulqullina, miidhaginaafi tagabbii qabutti irreeffatama. Finfinneen garuu akka tasaa irra qubatamee ardaawwan ulfoo ta’an hundi saamamaniiru. Malkaawwan jiranis balfi itti gatamuudhaan fayyaa namaaf illee kan yaaddessan ta’aniiru.

Kanaaf haala amma jiruun hora Finfinneerratti irreeffachuun rakkisaadha. Wanti ta’uu qabuu naannawuma sanatti lafa miidhagaa ummanni baay’atee irratti irreeffachuu danda’u qopheessuun barbaachiisa. Oromoon bakka odaan dullumee jigeetti odaa biraa bakka buufata waan ta’eef kana ilaalcha keessa galchuun ardaan bakkuma jirutti ta’ee isa biratti bishaan qulqulluu irreessaaf tolu qopheessuun dirqama.

Fuuldurattimmoo akka carraa ta’ee pirojektii shaggar gaara Inxooxoorraa kaasee hanga Qaallittii deemu malkaa kana bira waan darbuuf hojiicha keessatti irreechas yaadachuun murteessaadha jedhu. Maaliis ta’u maal Irreechi Finfinneetti akka kabajamuu murtaa’uun isaa deebii gaaffii eenyummaati. Kanaan qabatees gaaffiin hawaas-dinagdeellee kan deebi’u ta’uu kaasu.

Abbaa Gadaa Tuulamaafi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa, Goobana Hoolaa Irreessoo gamasaaniin, irreecha Malkaa bara 2012 haala addaatiin kabajuuf itti adeemamaa jiraachuufi Irreecha Finfinnee gara jaarraa tokkoo adda citee ture deebisuun Hora Finfinneetti kan irreeffatamu ta’uu ibsu.

Oromoon tulluu saddeettaniifi malkaa ja’aan qaburratti irreeffachaa turuu eeranii horawwan kanneen keessaa Horri Finfinnee isa tokko ta’uusaatiin irreechi akka deebi’ee irratti kabajamu murtaa’uun isaa malkaasaa deebisuufidha jedhu. Horichi naannawa Dhaddacha Araaraatti kan argamu ta’uu kaasanii, bakka sanatti gamoowwan addaddaa ijaaruuf yaaliin taasifamaa turus Oromoon Waaqa waan qabuf yommuu ijaaruuf qotan bishaan jala yaa’ee waan rakkiseef irratti hinijaaramiin hafeera.

Bakkicha amma dhiphaa ta’uus daandii qaxxaamuuraa waan qabuuf hammam nama rakkisullee Oromoon irraa hafuu akka hinqabneefi bakkicharraa maquu akka hinqabne kaasu. Kanaafis gamtaasaanii waliin ta’uun Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa mariifi qorannoo adeemsisaa jiraachuu eeru.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 13/2011

Recommended For You

One Comment to “Irreechi birraa dhufu walargaan handhuura Oromiyaa, Hora Finfinneetti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *