Oromiyaa waa hundaan ijaaruuf xiiqiin hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee: Mootummaafi ummanni, Oromiyaa waa hundaan misoomteefi guddatte ijaaruufi jijjiirama biyyattiitti eegalame ceessisuuf xiiqiin hojjetamaa akka jiru Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BDhKMNO) beeksise.

Hogganaan biirichaa, Obbo Admaasuu Daamxoo ibsa kaleessa haala yeroo ilaalchisuun miidiyaaleef kennaniin, hojiilee Oromiyaa cimsuuf hojjetaman tokko tokkoon tarreessaniiru.

Haaluma kanaan nageenyaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf konfarasiin nageenyaafi misoomaa kutaalee hawaasaa sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachise Oromiyaa guutuutti geggeeffameen ummataafi mootummaa gidduutti wal hubannaa cimaan uumamuusaafi konfaransichi milkiin xumuramuu himaniiru.

Ummanni naannichaa yeroo kamuu caalaa tokkummaan qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbatee shira diigumsaa humnoonni finxaaleyyiin wixineessan fashaleessuu eeranii, ummanni olaantummaan seeraa akka kabajamu mootummaa gaafachuu bira darbee abbummaadhaan qoodasaa ba’achuuf ejjennoorra ga’uus himaniiru.

Gama   dinagdeetiinis  warraaqsa dinagdee eegalame milkeessuuf gaheen damee dhuunfaa murteessaa waan ta’eef mootummaan invastimantii jajjabeessuufi hawachuuf xiyyeeffannoon hojjetaa akka ibsaniiru. Hojicha milkeessuuf jilli hoggantoota olaanaa mootummaa naannicaa pirojektota invastimantii daaw’achuu kaasanii, kaayyoonsaas invastimantii jaajjabeessuufi rakkoowwan damee dhuunfaa biratti mul’ataniif furmaata kaa’uf ta’uu addeessaniiru.

Haaluma kanaan invastimantiin naannichatti abbootii qabeenyaa misoomawaan geggeeffamaa jiru guddina naannichaafi biyyaa keessatti bu’aa guddaa galmeessisaa akkasumas, lammiilee hedduuf carraa hojii bal’aa uumuunsaa xiinxalamuu hogganichi eeraniiru.

Kanaanis sharafa alaa maddisiisuufi galii naannichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiranis hubatamuufi caalmatti yoo deggaraman bu’aa guddaa buusuu akka danda’aniif mariin gaggeeffamee kallattiin ka’amuu addeessaniiru.

Akka ibsa Obbo Admaasuutti, gama misooma magariisaatiin
waamicha duula biqiltuu dhaabuu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad bu’uura godhachuun Naannoo Oromiyaatti duulli biqiltuu dhaabuu cimee ittifufeera. Naannichatti biqiltuu biliyoona 1.9 ol dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hojii hojjetameen biqiltuu miliyoona 900 ol dhaabbachuus kaasaniiru.

Sagantaa qulqullina naannawaa marsaa sadaffaa akka biyyaatti adeemsifamus guutuu Oromiyaatti boru kan taasifamu ta’uu eeranii,
Haaluma kanaan sagantaan kun magaalaa guddittii naannichaa Finfinneetti Naannawaa Biirolee Oromiyaa Saarbeet jirutti bakka aanga’oonni olaanoon naannichaa argamanitti kan eegalamu yoo ta’u, Magaalaa Adaamaatti ammoo miseensota Caffee Oromiyaatiin akka raawwatamu addeessaniiru.
Gama biraatiin, akkaataa duudhaa sirna Gadaa Oromootiin dhaloota haaraa dandeettii, beekumsa, humnaafi qabeenyasaa guddinaafi badhaadhina sabaatiif gumaachuun dirqama waan ta’eef tajaajila lammummaa kennuu akka barbaachisu kaasanii, dhaloonni tajaajila lammummaaf kennu keessatti dhaloota ga’umsa qabu, jaalala sabaa, sabboonummaa cimaa qabuufi waan hundaan dorgomaa ta’e uumuun ijaarsa dimokraasii keessatti gaheesaa bahu gochuu ta’uu Obbo Admaasuun ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan wixineen labsii qajeeltoowwan ijaarsa Oromiyaa shanan irratti hundaa’uun qophaa’e Caffeef dhihaatee irratti mari’atamuun akka ragga’u eeranii, kunneenis, duudhaa Oromummaatti deebi’uu, waan hundaan dorgomaa ta’uu, halkanii guyyaa hojjechuu, qulqullummaa akkasumas, tumsaafi tokkummaa kanneen jedhaman akka ta’e hogganichi ibsuu BDhKMNO irraa odeeffanneerra.

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

5 Comments to “Oromiyaa waa hundaan ijaaruuf xiiqiin hojjetamaa jira jedhame”

  1. Pingback: ayahuasca tea etsy
  2. Pingback: Webb.org
  3. Pingback: top article
  4. Pingback: junk search engine
  5. Pingback: big gaming

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *