Biyyattiin baasiishee harka caalu galii biyya keessaatiin uwwisaa jirti

– Oromiyaatti qarshii biliyoonni 18.7 walittiqabame

Finfinnee: Ministeerri Galiiwwanii bara bajataa 2011 Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa galii qarshii biliyoona 213 akka walitti qabuuf kan labse yoo ta’u, ministeerichi karooricha qarshii biiliyoona 241tti fooyyessuudhaan qarshii biliyoona 198.2 kan walitti qabe ta’uu Ministeerri Galiiwwanii beeksise. Oromiyaatti bara bajataa xumurametti karooraa ol qarshiin biliyoona 18.7 walittiqabame.  

Ministirri ministeerichaa Aadde Adaanach Abeebee ibsa kaleessa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, galiin bara bajataa darbe walitti qabame kan bara 2010 wajjin yoo madaalamu qarshii biiliyoona 22n caala. Kunis humni galii walitti qabuu ministeerichaa fooyya’aa jiraachuu agarsiisa. Galiin walitti qabame dinagdee biyyattiin maddisiiftu waliin yoo madaalamu gahaa miti jedhaniiru.

Galii walitti qabame keessaa biliyoonni 120.2 (%61)  galii biyya keessaa irraa yoo ta’u, qarshii biliyoonni 77.7 (%39) ammoo galii ashuura irraa walitti qabamee. Kunis biyyattiin baasii ishee harka caalu galii biyya keessaatiin uwwisaa kan jirtu ta’uufi galiin biyya keessaa guddachaa jiraachuu agarsiisa jedhaniiru.

Haalli nageenyaafi siyaasa biyyattii guutummaatti tasgabbii dhabuun, kontirobaandiin, hawaasi daldalaa %40 sirna gibiraa ala ta’uun, gibira dhoksuufi waliin dhahuun, galiin sharafa alarraa argamu gadi bu’uun rakkoolee gugudoo bara hojichaa keessa mul’atan ta’uu eeraniiru.

Ministeerichi bara bajataa darbe hojiilee kontirobaandii ittisuufi to’achuuf taasiseen meeshaalee qarshii biliyoona 1.4tti shalagaman ta’annoo jala oolcheera.  Kanumaan walqabatee namoonni kuma tokko seeratti akka dhiyaatan ta’eera. Hojiilee gibira dhoksuu ittisuufi to’achuuf hojii odiitiifi qorannoo taaksii akkasumas sakatta’iinsa tasaa sanadootarratti taasifameen qarshiin biliyoona 40 ol walitti qabameera. Sosochii gibiraafi taaksii geggeeffamaa tureenis daldaltoota kuma 12 ta’an sirna gibiraa keessa akka galan taasifameera jedhu Aadde Adaanachi.

Ministeerichi bara bajataa 2012 karoora Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa qarshii biliyoona 224 akka walitti qabuuf qabe gara qarshii biliyoona 248.3tti fooyyessuun sochii jalqabeera jedhanii, haaluma kanaan galii biyya keessaarraa qarshii biliyoona 150.1 (%60), qarshii biliyoona 98.2 (%40)  ammoo gumurukirraa walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojiilee riifoormii gibiraafi taaksii cimsanii itti fufsiisuun, hawaasa daldalaa sirna gibiraan ala jiran seera qabeessa taasisuun, hojiilee hordoffiifi to’annoo kontirobaandii irratti taasifaman cimsuun, seerota taaksiifi gumuruk fooyyessuufi sosochii gibiraafi taaksii eegalame akka ittifufu taasisuun hojiilee ijoo bara bajataa darbee ta’uu himaniiru.

Oduudhuma walfakkaatuun Abbaan Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa bara bajataa darbe galii idileefi mana qopheessaarraa qarshii biliyoona 18.5 walitti qabuuf karoorfachuun, karooraa ol qarshii biiliyoona 18.7 kan walitti qabe ta’uu ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kenneen beeksiseera.

Abbaan taayitichaa bara 2012ttigalii dinagdeen naannichaa maddisiisu ciminaan sassaabuudhaan bara bajataa kanaqarshii biliyoona 17 walitti qabuuf kan karoorfate ta’uu ibseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You