“Ummanni Buunoo Beddellee nageenyasaa dammaqinaan tikfataa jira” -Aadde Liidiyaa Caalii

Beddellee: Ummanni Godina Buunoo Beddellee nageenyasaa dammaqinaafi xiyyeeffannaan tikfataa jira jechuun bulchiinsi godinichaa ibse.

Ittaantuu bulchituun bulchiinsa godinichaa, Aadde Liidiyaa Caalii ibsa torban darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ummanni godinichaa yeroo kamuu caalaa nageenyasaa tikfachuuf dammaqinaan hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Godinichi ulaawwan gara Naqamtee, Mattuufi Limmuutti geessu waan qabuuf gaariifis hamaafis saaxilamaa ta’us hawaasni nageenyasaa sirnaan akka eeggatuuf hubachiisuuf caasaaleen mootummaa hanga gandaatti jiran qindoominaan hojjetaa jiraachuu Aadde Liidiyaan beeksisaniiru.

“Godinni keenya godina haaraafi sabaafi sablammoonni hedduun keessatti argaman akkasumas hordoftoonni amantiilee adda addaa heddumminaan waan jiraniif Itoophiyaa xiqqoodha” jechuun ibsanii, rakkoon walitti bu’iinsaa waggoota lama dura godinichatti uumamee ture akka irra hindeebi’amneef  hawaasa waliin daran walitti siqamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa Lixaatti mul’achaa ture aanaalee godinichaa sadiitti babal’isuuf yaalamaa turuus ibsanii, caasaaleen godinichaa xiyyeeffannaan waan hojjetaniif qaamoleen kunniin aanaalee baay’ee seenuu akka hindandeenye himaniiru.

Humnoonni rakkoo nageenyaa uumuuf socho’anaanaalee lama seenanii akka turan kan eeran Aadde Liidiyaan, humnootni kunneen Aanaa Daaboo haala hamaa ta’een seenanii akka turan dubbatu. Kanaanis lubbuun nama tokkoo darbuu ibsan. Kanaan achi qaama nageenyaafi ummata wajjin ta’uun qindoominaan waan hojjetameef qaamolee nageenya ummataa booreessan of keessaa baasneera jedhan.

Qabeenyi saamame akka deebi’uufi qeerroowwan qaamolee kanneeniin bosonatti fudhatamanii turan jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaa itti erganii mariisisuun akka deebi’an gooneerra jedhan. Warri deebi’anis qaama nageenyaafi misoomaa akka ta’an taasifameera. Haala amma jiruun qaamni rakkoo nageenyaa uumuuf tattaafatu kun aanaa tokko keessaa qulqullaa’ee waan hinbaaneef darbee darbee qonnaan bulaa tuttuquun akka mul’atu ibsan.

“Kanas bulchiinsa mootummaa naannoo wajjin taanee humna nageenyaa qabnu hunda bobbaasnee nageenya guutummaatti mirkaneessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa waan jirruuf godinicha haala nageenya gaarii keessa jira. Ummannis caasaalee mootummaa wajjin ta’uun nageenyasaa dammaqinaan tikfachuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Iddoo rakkoon jiruttis xiyyeeffannaan hojjennee yeroo gabaabaatti haala mul’atu keessaa ni baana” jedhan.

Qaamoleen hawaasa walitti buusuu akka daldalaatti qabatanii socho’an ammallee jiraachuu kan eeran Aadde Liidiyaan, “Ganda kanatti ummanni akkanaa buqqa’e jedhanii dubbii sobaa kanneen hafarsaa oolan ni jiru. Waan isaan hafarsan qabannee oggaa dhaqnee ilaallu nageenya malee waanti mul’atu hinjiru. Kanneen maqaa buqqaatotaatiin walwaamanii sochii adda addaa taasisan ni jiru” jedhan.

Rakkoon kan jiru ummata jidduu osoo hintaane, kanneen walitti bu’iinsa ummataatiin daldalanii jiraachuu barbaadan bira ta’uu eeranii, miseensa saba tokkoo magaalaa biraatti erguun, “Oromoon nu buqqise” jechisiisaa akka jiranillee himaniiru. Qaamolee gocha akkanaarratti bobba’an keessaa hangi tokko qabamuu ibsanii, kaan ammoo shiftaa ta’anii bosonatti waan galaniif xiyyeeffannaa qaama nageenyaa jala jiraachuu eeraniiru.

Godinni Buunoo Beddellee godina haaraa waggaa lamaan kana hundaa’e yoo ta’u, aanaalee 10 of jalaa qaba. Godinichi kallattii Kibba Lixaatiin godinaalee Jimmaafi Iluu Abbaa Booraa jidduutti argama.

Jiraattonni Aanaa Baddellee  Obbo Abarraa Yaadataafi Obbo Kabbadaa Jifaar yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ummanni aanichaa nageenyasaa mirkaneeffachuuf kallattii qaamoleen nageenyaa kennaniifi haala ijaarameen nageenyasaa halkanii guyyaa tikfataa jiraachuu ibsaniiru.

 Nageenya eegsifachuun qooda ummataa ta’uus eeranii, yaalii nageenya godinichaa booressuuf yeroo adda addaatti taasifame ummataan kan fashalaa’e ta’uus ibsaniiru. Kana keessatti hubannoon mootummaan yeroowwan adda addaatti kenne bu’aa qabeessa ta’uus eeraniiru. Ummanni  tokko ta’ee hojjechuu akka qabus dubbataniiru.

Keessumaa ummanni Oromoo tokko ta’ee kanneen nageenyasaa booressuuf wixxirfatan saaxilaafi qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennee seeraaf dhiyeessuu qaba jedhaniiru. Konfiransiiwwan qaamolee hawaasaa adda addaa hirmaachise geggeeffamuunis bu’aa argameef gumaachuusaa eeraniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Ummanni Buunoo Beddellee nageenyasaa dammaqinaan tikfataa jira” -Aadde Liidiyaa Caalii”

  1. Pingback: sexy girl

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *